Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan 'NATO'f gumaachi gootu hagam?
Pireezidantiin US Doonaald Traamp michoonni isaanii Awrooppaa tokkuummaa isaanii 'Nato'f gummachii taasisa jiran gahaa akka hin taane irra deddeebiin komachaa jiru.
Ittisni aardii kanaa gumaacha olaanaa US qofaarratti hirkachu hin qabu amantaa jedhu qabu Traamp.
Nato'n waggaa 70 dura balaa kamuu gamtaa Sooviyeet duraaniirraa dhufuu maluuf akka sirna ittisaa waloo ta'uuf ijaarame.
Ji'a kana keessa Pireezidant Traamp Doowwii isaanii biyyoota Awroopaan dhimmoota kaasan keessaa tokko dhimmum kana ta'a jedham. Ofii gumaachii US fi biyyoonnii Awrooppaa 28 Nato'f godhan walbira qabaan maal fakkaata?
Humna Waraanaa cimaa addunyaa
Yunaaytiid Isteets gumaacha miseensonni Nato hundi gummachan keessaa harka 70 kan ta'u qoofniin gumaachiti.
Akka tilmaama Nato'tti US bara 2018 tti galii omishaalee waliigala biyya keessaa isheerraa harka 3.4 ta'u humna ittisaa Nato'f gummachite.
US biyya humna waraanaa cimaa addunyaa kanaa qabdu waan taateef Awrooppaaf qofa osoo hin taane addunyaa balaarraa ittisuufis itti gaafatama qabdi.
Bara 2018 keessa hojiilee Nato'n akka dhaabbataatti hojjetu deeggaruuf akkasumas ittisa Awrooppaa cimsuuf $35.8bn arjoomteetti.
Biyyoonni Awroopppaa hangam arjoomu?
Bara 2014'tti biyyoonni miseensa Nato ta'an arjooa ittisaa isaanii bara 2024 tti galii omishaalee waliigalaa isaanii keessaa harka lama gummaachuuf waliigalaniiru
As of March 2019, Nato information shows there were only six countries - apart from the US - who are estimated to have spent 2% or more of their GDP on defence the previous year:
Akka odeeffannoon Nato ibsuutti hanga Ebla bara 2019 tti US'n alatti akka waliigaltee kanaattii biyyoonnii Awrooppaa gumaachuu danda'an jaha qofa:
- Griis
- UK
- Istooniyaa
- Poolaand
- Latviyaa
- Lituuniyaa
Kan hafan hedduun isaanii harka 1-1.99 gidduu arjoomu.
Waliigalaan yoo ilaalamu garuu gumaachi ittisaa Awrooppaa bara 2014 irraa qabee dabalee jira.
Biyyoota Awrooppaa tokko tokko gidduu fedhiin dhaabbata ittisaa cimaa fi of danda'e addattii ijaaruu jira. Waraana US kana bakka buusuun garuu laayyoo mitii jedhama.
Jalqaba 'cold war' US loltoota 400,000 dachee Awroopppaa keessaa qabdi ture.
Yeroo ammaa Tarkii dabalatee US Awrooppaa keessa lakkoofsi loltoota qabduu 65,000 ta'a.
Hedduun isaaniis Jarman, Itaalii, UK fi Ispeen keessatti argamu.
Awrooppaan alattii lakkoofsi heduun loltoota Ameerikaa Japaaniifi Kooriyaa Kibbaattii kan argaman yommuu ta'u, loltoota Nato Afgaanistaan keessa jiran keessaa 16,000 kan ta'an kan US