Walaloo Seeneet Gizaachoo eenyutu barreessaaf?

Seeneeti Gizaachoo
Ibsa waa'ee suuraa, Walaleessituu Seeneeti Gizaachoo guyyaa kaleessaa waggaa 1ffaa MM Abiy aangoo qabatan kabajuf qophaa'e irratti walaleessiteetti

Seeneeti Gizaachoo mucaan xiqqoo garuu waltajjiiwwan garaa garaarratti walaloo samuutti qabattee walaleessuun beekamtuudha.

Keessattuu walaloo Kibxata Ebla 2, 2019 waltajjii waggaa tokkooffaa MM Abiy aangootti dhufan irratti dhiyeessiteen walqabatee gaaffiin eenyutu walaloo ishee duuba jira jedhu dhimma namoonni hedduun gaafatan ta'aa jira.

Kanaan dura gaaffiifi deebiin BBC'n Seeneet waliin taasiseen gaaffiilee walaloo isheetiin walqabatanii ka'aniif isa gaafannee akka kanatti dhiyeessineerra.

Seeneetis bakka itti dhalootaa kaasuun waa'ee walaloo ishee akkasiin BBC'tti himte jirti.

BBC: Eessatti dhalatte?

Seeneet: Maqaan koo Seeneet Gizaachoo jedhama. Dhaladhee kanan guddadhees Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jaldu magaalaa Gojjoo ganda 01 jedhamuutti.

BBC: Attamiini walaloo barreessuu fi dubbisu akka itti eegalte nutti himi mee?

Seeneet: Dura obbooleetti tiyyatuu Giiftii Gizaachootu kana hojjachaa ture. Anis isheerraan baradhe.

BBC: Sammuutti qabachuu walaloo dheeraa dubbisuun hinulfaatu?

Seeneet: Ani dubbisee dubbiseetuman guyyaa sadaffaatti gutummaatti sammuutti qabadha. Yeroo tokkichatti baayyee qabachuuf hin yaalu. Xinnoodhuma xinnoo dubbisaan booda hundumaa sammuutti qabadha.

BBC: Ati waltajjii irratti walaloo dhiyeessita. Walaloo kana eenyutuu siif barreessa?

Seeneet: Walaloo kan naaf barreessu abbaa kiyya.

BBC: Ati mucaa xiqqoodha. Waltajiiwwan irratti walaloo yoo dhiyeessitu hinsodaattuu?

Seeneet: Lakkii takka itti qophoofnaan homaa hinsodaadhu. Waanan itti qophaa'ee deemuufis takkaa na jalaa badee hinbeeku.

BBC: Walaloo dhiyeessuu fi barnoota kee attamiin adeemsifta? Dhiibbaa hinqabaatuu?

Seeneet: Lakkii dhiibbaa omaa hinqabatu. Gaafan hafuu qabuu eeyyama fudheen waan ta'ef waan na jala darbee sana ammoo barsiiftoonni kiyya naaf ibsu.

BBC: Dhiheenya kana Ministira Nageenyaa bira deemu kee dhageenyarra. Maaltu ture achi?

Seeneet: Achi sababiin itti dhaqu danda'eef, kana dura Pirofesar Efreem Yisaaqi sagantaa tokko Hoteela Hiltaniitti qopheessanii turan. Achirattis affeeramuun ergaa dabarseen ture. Isaanis isuma ilaaluun gara biiroo isaaniitti na affeeran jechuudha.

BBC: Waltajjii sanarratti eergaan nageenyaa dabarsite suun maal kan jedhu ture?

Seeneet: Ergichi isaa, akkuma bekamu biyya keenya Itoophiyaa keessattuu Oromiyaa keessatti bakkeewwan garaa garaatti lolli ni ka'aa ture. Lola jechuun ammoo haadhoolii, daa'imman, qeerro warra boru imaanaa biyyattii fudhachuuf deeman nu harkaa fudhata.

Kana malees jaarsolii fi jaartiin, abbootii gadaa du'aa jiru. Qabeenyaan biyyaas barbadaa'aa jira sababii waldhabdee kanaatiin.

Kanaafuu hundi keenyaa tokko taanee qabeenyaa barbadaa'aa jiruu deebisuu qabna. Wal loluu hinqabnu. Walitti haa araaramnu. Kan araaramnu ammoo wal ajjeessuun osoo hintaane, wal marichachuun tokko ta'uudhaan.

Kanaafuu haa araaramnu akka wal hinlolleen kan jedhu ture.

BBC: Ijoollee akka keetiif mee maal dhaamta?

Seeneet: Ergaan ani ijoolleef qabu akka barnoota isaaniitti sirriitti cimanii qo'atan. Deebi'ee ammoo aartiidhuma akka kanaalleen yaaalu akka qaban ergaa dabarsuufiin barbaada.

Kana malees safuu, aadaa fi dhuudhaa isaanii dagachu akka hinqabaannee jedhaan.