Godina Gujiifi Geediyoo keessaa namoonni kumaatamni buqqa'uu miidiyaaleen gabaasaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Oromoonni Gujiifi sabni Geediyoo baroota dheeraaf ollummaan waliin jiraataa turan.
Lameen isaaniiyyuu bara bulchiinsa mootii Haayilesiillaasee kutaa Sidaamoo jalatti bulaa turan. Bara Dargii keessas akkasuma haala walfakkaatuun kutaa bulchiinsa Sidaamaa jalatti waliin bulaa turan.
Gujiifi Geediyoon erga ADWUI'n gara taayitaatti dhufee sirna federaalizimiin ture kan isaan bulchiinsa amma jiran kanatti qoodamuun buluu jalqaban.
Amma Gujiin Naannoo Oromiyaa jalatti Geediyoonis Naannoo uummattota Kibbaa jalatti godina mataa isaanii qabu.
Hawwaasa Gujiifi Geediyoo gidduu bulchiinsa duraan ture jalattis tahu walitti bu'insi darbee darbee akka uumamu ni himama.
Akkuma naannoowwan ollaa kaan giduutti uumamu qabeenya lafaa waliin wal qabtee akka tahes qorattotni barreessaniiru.
Sababni buqqaatii ammaa hoo maali?
Buqqaatiin amma uumames bara darbe dhalattota Gujiifi Geediyoo gidduutti walitti bu'insa uumameen walqabateeti.
Bara darbe ji'a Ebla keessa walitti bu'insa uumameen namoonni du'uun, manneetiin gubachuun kumaatamaan ammoo gama lameeniinuu namootni qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Haalichi torbanoota muraasaaf tasgabbaa'ee turus ji'a Caamsaa keessa deebi'ee ka'uun ittuu caalchise. Namoonni ajjeefaman, manneetiin gubatan, dhaabbileen daldalaafi konkolaataawwan gubachuun gabaafamaa ture.
Kana irraa kan ka'e namoonni hedduun qe'eefi qabeenya isanii dhiisuun baqataa turan.
Dhalattonni Geediyoo Godina Gujii Lixaafi Bahaa keessaa jiraataa turanis qe'ee isaanii dhiisuun gara naannoowwan Godina Geediyootti galuun buufatan.
Namoonni buqqa'an hammam tahu?
Dhaabbanni Baqattoota Adunyaa [IOM] walitti bu'insicha booda gabaasa baaseen Godinaalee kana keessaa daangaa irraa dabalatee Geediyootti walitti bu'insa uumameen namootni kuma 970 tahan buqqa'aniiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Waajjirri Mirga Namoomaa garuu lakkoofsi namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'anii 818,000 akka tahe gabaaseera.
Kanneen keessaa 642,152 kan tahan Godina Geediyoo keessa akka jiraniifi kan hafan 176,098 tahan garuu Godina Gujii keessa akka jiran gabaasera.
Sarbamni mirga namoomaa maalfakkaata?
Buqqaatota kanneeniif qabinsi mirga namoomaa sirriin hin taasifamne jechuun komiin dhagahamaa ture.
Ji'a Adoolleessa darbe keessas hawaasni addunyaa buqqaatota kanneen irraa gurra cufateera jechuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa komatee ture.
Haalli isaan itti jiran mirga namoomaa isaaniillee eegsisuuf kan mijatu miti, manneetii barnootaa, manneen amantaafi biiroowwan keessa akka ciisaniifi waan uffatanillee akka hin qabne beeksiseera.
Buqqaatonni kunneen nyaataafi bishaan dhugaatii qulqulluu illee argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Tibbana ammoo beela'anii waan nyaatan dhabuun dhkkubsachaa akka jiraniifi hanga du'aattillee ga'aa jiraachuu miidiyaalee idileefi hawwaasaan gabaafamaa jira.
Raadiyoon Sagalee Jarman dursaa amantaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti buqqaatota Godina Gujii jiran keessaa guyyaatti namni sadii hanga afurii sababa hanqina nyaataan du'uu gabaaseera.
Ze Gaardiyaan ammoo mootummaan buqqatonni kunneen gara qe'ee isaaniitti deebi'uu qabu jechuun deeggarsa iyyuu irraa kuteera jechuun gabaase.
Kunis gaga'aminsa mirga namoomaaf sababa akka taheefi deeggarsa dhabuu irraa kan ka'e dhukkubaaf saaxilamaa jiraachuu isaanii himamaa jira.

Madda suuraa, OFFICE OF PM
Ministirri Nagaa Aadde Mufiriyaat Kamiil, ''Yaadni deeggarsi tokko illee isaaniif godhame hin jiru jedhuufi sarbama mirga namoomaa irratti haasa'amu dogogoradha,'' jedhaniiru.
Haatahu malee haalichi hamaadha jedhamee erga haasa'amee MM Abiy Ahimedis deemuun daawwataniiru.
Itti-aanaan Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Komunukeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa namoonni sababii walitti bu'insa Oromoo Gujiifi Geediyoo gidduutti uumameen gama saba lamaaniitii buqqa'insi akka ture himanii, buqqaatonni kunneen qe'ee isaaniitti deebiyaa jiru jedhan.
Aanga'aan kun akka jedhanitti warra gargaarsi barbaachisuuf adda baafachuufi hanga gargaarsi qaqqabutti harkifannaan xiqqoo jiraatullee buqqaatota gara qe'ee isaaniitti hin deebiyiin jiraniif gargaarsi qaqqabaa jira jedhan.
Kanaan alatti ammoo jedhan Obbo Dheeressaa, namoonniifi dhaabbileen gara garaa dubbii harbeessuufi afarsuun daldala siyaasaa ittiin gaggeeffachaa jiraachuu isaaniillee ibsaniiru.















