Gosa xiyyaaraa ittiin imalluu akkamiin barra?

Xiyyaara

Madda suuraa, Getty Images

Torban dilbata darbee balali'iinsa eegalee turtii daqiiqaawwan muraasaa gidduutti kufee caccabuun baduu lubbuu namoota 150 oliif rakkoon akka sabaabaatti himamu ammalle qoratamaa kan jiru ta'uus gosti xiyyaaraa kun biyyoota hedduun akka hin balaliine dhorkameera.

Onkololeessa darbees xiyyaarumti Booying gosti isaa isa amma kufee caccabeen walfakkaatu kan biyyaa Indooneezhiyaa bifuma isa alanaa kanaan walfakkaatuun kufee caccabuun lubbuu hedduu galaafachuun shakki namuu gosa xiyyaaraa kanarraa qabu daranuu dabaleera.

Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa xiyyaara Booyiing 737 Maaks 8 daandilee xiyyaaraa qaban keessaa kan hangafaa yoo ta'u, balaa kanaan boodas daandii xiyyaarraa gostii xiyyyaaraa kun balalii akka dhaabu murteessan keessaas kan jalqabaati.

Omishtuu xiyyaarota Booyiing kan taatee Ameerikaa dabalatee, biyyootni addunyaa 50 kan ta'an gosa xiyyaaraa kan hin balaliisnu jedhaniiru.

Murteen kuniis hanga maddi balaawwan lamaan gosa xiyyaaraa kanaan qaqqabanii qoratamee mirkanaa'uutti tura jedhu ogeeyyiin.

Ofii osoo gosa xiyyaaraa kamiin akka balaliitan baruu feetanii akkamiin baruu dandeessu?

Wanta gochuu qabnu

Gosa xiyyaaraa ittiin imaluuf jennu yeroo tikkeeta bitannu ykn teessoo filannu salphaatti adda baasuu dandeenya. Malli biraan ammoo lakkoofsa balali'iinsaa intarneeta irratti galchuun adda baasuudha.

Karaa biroon marsariitiiwwan akka (FlightStats.com, SeatGuru.com, Expertflyer.com, FlightAware, Flightview.com) fayyadamuuniis ni gargaara.

Maloota armaan olitti eeraman kanaan fayyadamuun odeeffannoo barbaaddan argachuu yoo hin dandeenye gara daandii qilleensaa tajaajilicha kennuutti bilbaluun odeeffannoo argachuun ni danda'ama.

Rakkooowwan teeknikaa garaagaraarraa kan ka'e xiyyaarrii ittiin balali'uuf jettan daqiiqaawwan dhumaarratti jijjiiramuus mala.

Gosti xiyyaaraa ittiin imaluuf jettan filannoo keessan yoo ta'uu baate ''balali'iinsa keessan haquu dandeessu, garuu murtichi isinirraa waan dhufeef maallaqichi akka isinii deebi'u gaafachuun hin danda'amu'' jedha gorsaa imalaa kan ta'e Heneriik Ziilmar.