Sintaayyoo Isheetuu: Leenjisaa waggoota 30'f mo'icha atileetotaa duuba ture kana beektuu?

Leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu wayita kophee barataa isaanii sirreessan
Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu wayita kophee barataa isaanii sirreessan

Akka carraa ta'ee atileetonni bebbeekamoo Itoophiyaa hedduun kan maddan Naannoo Oromiyaa Godina Arsii akka ta'e himama.

Haa ta'u malee atileetota kanneeniif eenyu deeggarsa ogummaa taasisuun beekamtiif isaan qopheessaa akka ture baayyee hin dubbatamu. Isaanis leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu jedhamu.

Atileetota ciccimoo akka Daraartuu Tulluu, Qananiisaa Baqqalaa, Xirunash Dibaabaa fi kanneen biroo hedduu leenjisanii bu'aaf kan geessisan leenjisaan atileetiksii Obbo Sintaayyoo Isheetuu, turtiin BBC waliin taasisan kunooti.

BBC: Sintaayyoo Isheetuu eenyudha?

Obbo Sintaayyoo Isheetuun: Magaalaa Boqojjiitti leenjisaa atileetiksiiti. Leenjisummaa atileetiksiitiin federeeshinii atileetiksii idil addunyaa irraa leenjisummaa sadarkaa sadaffaa leenjii fudhadheera.

BBC: Akkamitti gara leenjisumma aatileetiksiitti dhuftan?

Sintaayyoo Isheetuun: Ani durumaanuu barsiisaa barnoota guddinaa fi jabeenya qaamaati. Atileetiksiirrattis nan hojjedha. Yeroo sana ture ijoollee mana barumsaa keessatti filadhee hojjechiisuun kanan eegale.

Bu'aa argannaanin edaa yoon hojjedhe bu'a qabeessa ta'uu nan dandahaa jedheetiin achumaan cimsee itti fufe.

Hojii kanarattii amma waggaa 30 lakkoofsiseera; ammas ittuman jira.

BBC: Atileetonni bebbeekamoon isin leenjistan eenyu fa'i?

Sintaayyoo Isheetuun: Dura dura mana barumsaa 'Tigil Firee' jedhamutti barachaa kan turte Daraartuu ture kanin leenjise. Isheen jalqaba olompiikii Barseloonarratti injifatte. Gaafa Barseloonaratti Daraartuu Tulluu injifattu imimmaantu naqabe. Yeroo sana ani Hararitti barumsarran ture.

Gaafan injifannoo ishee argu miira kiyya too'achuun dadhabe. Baayyee baayyeen itti gammade. Sana booda mmoo Qananiisaa, Xurunash, Ganzabee, Taarikuu, Tiikii fa'a muraasa isaaniiti lakoofsaan hedduudha kanin leenjise lakkaa'ee hin fixu.

BBC: Hojii Barsiisummaa akkamitti dhiistan?

Sintaayyoo Isheetuun: Barsiisummaan waggaa 25 barnoota guddinaa fi jabeenya qaamaatiin bariisaa ture. Barnoota hojii idileetiin ijoollee ergan barsiiseen boodan gara leenjii atileetiksii kana kennuuttimmoo deema.

Sababa kanaaf hojiin natti baayyatee ijoolleen atileetiksii kana leenji'anis lakkoofsaan waan baayyataniif hojii barsiisummaa guutummatti dhiiseen gara leenjisummaa atileetiksii kanatti guutummaan gale.BBC: Maatii keessan keessaa kan gara atileetiksii seenan jiruu?

Sintaayyoo Isheetuun: Duraan mucayyoon tiyya Xurunash fa'a waliin pirojektii federaalaa keessa turte. Booda hojiin kun nama hundaaf hin ta'u waan ta'eef isheen dhiistee gara barumsaatti deebite.

Leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu

BBC: Atileetota isin leenjistanii beekamoo tahan deebi'anii isin gaafatuu?

Sintaayyoo Isheetuun: Isaan yeroo baayyee gara Boqojjii hin dhufan. Walitti dhufeenyas hin qabnu. Darbee darbee Daraartuu fi Qananiisaan yoo dhimmaaf garana dhufan nadubbisu malee homaa walitti hin dhufnu.

Waggaa tokko keessattuu wal hin arginu isaan waliin. Oolmaa darbeef wal gaafachuun hin jiru.

Hunduu kanuma ofii jiraata malee walgaafachuun kun hin baratamne. Teessoon isaaniis Finfinnee waan ta'eef garana baayyee hin dhufan.

BBC: Atileetonni leenjistanii maqaa guddaa horatan yoo isin dagatan maaltu isinitti dhagahama?

Sintaayyoo Isheetuun: Ani biyyaafin hojjedha malee nama dhuunfaatiif jedheetii miti. Ani kanin ilaalu ijoolleen leenji'an bakka guddaa gahanii, kaanis jalaa horatamaa hojii kana cimsaa deemuu kiyyan ilaala malee homaa tokko kana yaadee natti dhagahamees hin beeku.BBC: Leenjisummaa atileetiksii wagga 30 irraa bu'aan isin argattan maali?

Sintaayyoo Isheetuun: Hojiin waggoota 30'f hojjedherraa kanin argadhe waan biraa miti. Beekamtii qofa. Waan biraa waanan argadhe hin jiru.

Beekamtii argatanii ummata biratti jaalatamuunuu waan guddaadha. Waan biraa hin eegnes hin argannes.

Jireenya kiyyas kanin jiraadhu mindaama mootummaan naaf kanfaluuni. Akka lammii tokkootti isumaanin fayadamee jiraadha jechuudha.

BBC: Boqojjiin carraan atileetiksiif qabdu maalirraayi?

Sintaayyoo Isheetuun: Qilleensi asii baayyee ulfataadha yeroo fiigdu hafuura baafachuufuu baayyee waan ulfaatuuf namni asitti fiigicha shaakalee qilleensa gara bakka biraa yoo deeme qilleensi baayyee itti salphata.

Teessumni lafaas shaakalaaf baayyee mijataadha.

BBC: Boqojjiin akka durii madda atileetotaa tahaa hin jirtu jedhama kuni dhugaadhaa?

Sintaayyoo Isheetuun: Yeroon ammaa fi yeroon durii tokko miti. Yeroo duraanii manaajeronnii atileetiksii irratti hojjetan baayyeen hin jiran. Yeroo amma kana baayyeedha kanaaf atileetonni amma erga nuti leenjisneen booda kilaboota Oromiyaa haga 20 tahan ni fudhatamu.

Erga fudhatamaniin booda manaajeraan biyya alaa deemanii hojjetu. Yeroo akkanaa biyya tokko yoo deeman ji'a tokko keessatti dorgammii sadii fi afur dorgomu. Yeroo kana humna isaanii fixachaa deemu jechuudha.

Humna kuufatan fixatanii wan deebi'aniif yeroo fiddee biyyaaf hiriirsitu humnisaa ni dhuma.Dhimmi jireenyaas kanuma keessa waan jirtuuf sababootuma Kanaan hir'achaa deemera jedheen yaada.

Yoo irratti hojjenne garuu deebisuuu waan dandeenyudha. Mootummaanis qajeelfama rakkoo kana furu baasee cimnee yoo hojjenne garuu Boqojjiin maqaashii duriitti waan hin debineef hin jiru.Yoo akkanumatti hunduu fakkeessaa deememmoo bakka duriitti hin deebi'u.BBC: Hariiroon Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waliin qabdan maal fakkaata?

Sintaayyoo Isheetuun: Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa bakkan jiruyyuu nan beeku. EBC qofatu yeroo darbe nawaamee birrii kuma 50 fi waancaa nabadhaase. Haa galatooman.

Ani jaalaluman hojii kanaaf qabuufin itti cichee ijoolleen ciccimtuun akka kaleessaa yoo nuuf baate jedhee hojjecha jira malee, osoo akka federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa fi federeeshinii atileetiksii Oromiyaatii homaa takka hin hojjedhu.

Walii nahuun hin jiru hunduu kanuma ofii ilala malee, namni waan hojjetamee fi hin hojjetamne deebi'ee ilaalu hin jiru.

Akkanumatti lafaa kaanee ijoollee kana Finfinneedhaa fuunee addunyaaratti beekamoo goonee? Namni hojii Kanaan duuba jiru eenyu eenyutu itti dadhabee asiin gahe jedhee namni garagalee ilaalu hin jiru. Hunduu ofumaaf hojjata.

Warri Inglaand dhufanii magaala Boqojjii kanaratti fiilmii 'Town of Runners ' jedhu hojjetanii hojii keenya addunyaaratti kan beeksisan isaani. Kan biyya keenya garuu namni garagaree ilaalu hin jiru. Ani garuu hin aaru hojii isaanii ilaalee.

Sababnisaas ani hojii biyya kiyyaatiin gahee narraa eegamu baha jira waan ta'eef.

BBC: Leenjisummaa Atileetiksii hammamiif itti fuftu?

Sintaayyoo Isheetuun: Hangan danda'utti inuman hojjedha. Yoo umriidhaan ta'ee dhiise malee hojii kana itti fufuuf fedhii guutuun qaba.

Ta'us yeroo baayyee hamileekee kan eegu ni barbaachisa. Jijiiramamuma amma dhufe kanaanillee hamilee walii kennuun barbaachisaadha hojiin kuni akka cimuuf.

Boqojjiin rakkoon qabdu tiraakii qofa malee shaakala teessuma lafaa kaaniitiif waan leenjii homaa wanti dhabne hin jiru. Tiraakii kuni garuu mijataa waan hin taaneef ijoolleen yeroo shaakalan miilasaanirraan miidhaa geesisaa jira.

BBC: Galmee raga atileetotaa itti qabattan yoomirraa eegaltanii galmeessuu eegaltan?

Sintaayyoo Isheetuun: Galmee kana kanin eegale bara 1992tti. Yeroo sana warra leenji'utu saantima kudhan kudhan walitti buusee galmee lamaan kana bite.

Sanumarraayiin ijoollee galmeessuu jalqabe. Namuu kana godhi naan hin jenne gaafan ragaa kana galmeesuu jalqabu.

Ana baayyee nafayyade. Dhiheenyuma kanaawuu Oromiyaarraa mee ijoolleen isin biratti leenji'an eenyu faa'I jedhanii ragaa nagaafannaan galmeema kiyyarraan walitti funaanee salphumatti isaan beeksise.

Kanin galmee kiyyarratti ragaa qabadhus maqaasaanii, bara dhalootaa, bakka dhalootaa saala, madaallii sa'aatii isaan itti figanis nan galmeessa. BBC: Ijoolleen leenjistan yeroo maal godhan isin aarsu?Sintaayyoo Isheetuun: Ani kanin gammadu ijoolleen ani hojjisiisu seera qabeessaan hojjetanii asiifi achi osoo hin deemin akka jiraatanin barbaada. Boqonnaa gahaa qabaachuu qabu.

Kan biraa atileetii ta'ee ijoollee saala faallaa waliin asiifii achi jedhu baayyeen jibba. Ani Boqojjii keessa yeroon socho'u ijaan ijoollee nabiratti leenji'an nan too'adha akka waan guddaa itti fakkaatee saala faallaa waliin walhammatanii asiifii achi hin jenneef.

Yeroon ijoollee akkasii argu baayyeen aara. Bariituu sana waameen gorsa kennaaf. Gorsa kanarra darbee kan hojii akkanaa itti fufe homaa gochuu hin danda'u.

Kana kanin godhu faayiduma isaaniitiifi sababa Kanaan bu'aa argachuu malu akka hin dhabneefi. Mucaan tokko kan akkanatti narakkise jira ture.

Hammuman magaala keessa socho'u isaa dubartii hammatee deemun arga. Irra deddeebi'een gorse. Waggaa tokko guutuu ittuma fufe. Booda hiriyoonni isaa guddatanii kilaboota biraa seenan.

Inni isaan biraa waan hafeef booda badii isaatti gaabbee dhiifama nagaafatee amma haala gaariidhan leenjii fudhacha jira.