'Murtoo du'aa Chaayinaan lammii Kanaadaa irratti dabarsite suukananeessadha'

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Maatiin lamii Kanadaa Chaayinaan murtoo du'aa irratti dabarsitee sodaan keenyi guddaan dhugaa tahee jechuun ibsan.
Roobert Looyid Iskeelenbergi ji'a Sadaasaa darbe keessa himanni irratti dhiyaatee hidhaan waggaa 15 irratti darbee ture.
Haa tahu malee manni murtichaa deebisuun adabbiin kun daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuuf ni xiqqaata jechuun jijjire.
Murtoon darbe kun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a jedhama.
Adaadoon namticha kanaa Laawuraa Nelsan murtoon darbe suukkaneessaa fi kan laphee namaa cabsudha jechuun BBCtti himte.
Sodaa jalqaba qabnutu dhugaa tahe jettee amma maal akka inni yaadaa jiruu fi miira isaa hubachuun baay'ee cimas jette.
Ministirri Muummee Jastin Tirudoo murtoo darbe balaaleffateera.
''Kun xiyyeeffannoo keenya isa olaanaadha, kun dhimma michootaa fi hiriyyota keenya adunyaa guutuu tahuus qaba''jedhan.
Iskeelenbergi ol iyyachuuf guyyota 10 kan qabu yoo tahu abukaatoon isaas kana gochuuf qophiidha jedheera.
Himanni isaa kun osoo hin eegamiin irra deebiin kan ilaalame erga Kanaadaan qondaala olaanaa kaampaanii Huwawee Meengi Waanzhuu ajaja Ameeerikaan qabdee hiiteeti.
Meengi Waanzhuu intala hundeessaa kaampaanii Huwaawee yoo taatu hoggantuu ol'aantuu kaampaanichaatis.
Hidhamuun Meengi Waanzhuu Chaayinaa akka malee aarsuun hariiroo isheen Kanaadaa fi Ameerikaa waliin qabdus ergasii qabbanaa'eera.

Madda suuraa, Reuters
Lammiin Kanaadaa ganna 36 kun bara 2014 daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuu Chaayinaa irraa gara Awustiraaliyaatti gaggeessuuf qophooftetta jedhamuun shakkamee hidhame.
Yeroo sana hidhaan waggaa 15 kan irratti darbe yoo tahu inni ani nama daddabarsa qorichaa hojjetu osoo hin taane daawwannaadhaafan gara Chaayinaa dhufe jedhe.
Murtoo Chaayinaan dabarsite ammoo seera biyyashee hojiirra oolchuuf dhiibbaan biyya alaa tokko illee akka ishee hin daangessine agarsiisa kan jedhanis jiru.














