Filannoo DR Kongool: Gumaachituu dinagdee addunyaa olaanaatuu waan shan

Madda suuraa, Getty Images
Dimokiraatawa Rippabliika Kongoo, dureen omishtuun koobaaltii addunyaa, kan ittiin mobaayillii fi konkolaataan elektirikaa aannisaa itti kennamu, guyyaa Dilbataa filannoo biyyaalessaa bakkeessanii hedduutti gaggeesite jirti.
Pirezidaantii Joseef Kaabilaa dhaaluuf kaadhimamtoonni sadii fuulleetti bahuun dorgoomaa jiru.
Waa'ee biyya dinagdee addunyaa keessatti gahee olaanaa xapatuu kana dhimmota shan kunooti:
1) Biyyattiit dabarsuun aangoo naga qabeessi ta'ee hinbeeku

Erga bilisummaa bara 1060 as aangoo oganaa tokko gara kan biraatti darbuutti jeequmsaan kan guutame ture.
Jooseef Kaasaavubuu filannoo bara 1960tiin pirezidaantii ta'uun bilisumaan booda baatii tokkootti aangoo qabachuun Paatiriik Lumumbaa ministira mummee ta'eera.
Garuu Lumumbaan erga qabsoo aangootiin booda buufaman. Bara 1961ttis jiddugalinsa humnoota kolonolfatootaa Beeljiiyemiin erga riphee loltootaa akka dabarsuu taasifameen booda ajjeefameera. Booda qaama isaa kukkutuun aciidiin gubaniiru.
Humni aangoo baroota duraa kana duuba turees dureen ajajaa totummaa Mobutu Sese Sekoo yoo ta'u, fonqolcha bara 1965tiin ammoo pirezidaantii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota 32 erga aangoorra turaniin booda humnoota rephee looltoota biyyoota ollaatiin deegarameen aangooraa buufame.
Dhaalaan isaas, ogganaan riphee loltootaa Lawurent Kaabilaa bara 20101tti eegdootaan ajjeefame. Ilmi isaa Jooseef Kaabilaa umurii waggaa 29 tti abbaa isaa bu'uun aangoo qabachuun, ogganaa dargaggeessa addunyaa kan bara sanaa jedheemee ture.
Yeroo aangoo itti gadhiisuu qabaatu waggoota lamaan booda, Mr Kaabilaan amma bu'uuf. Lammiileen Koongoo hedduunis filannoon Dilbataa dabarsuu aangoo naga qabeessa akka ta'u abdataniiru.
2) Dachii Qabeenyaawwanii
Biyyattiin daldala konkoolaataa elektirikaa guddisuuf jiddugaladha.
Qabbeenyaawwan sibiilaa biyyattiin qabduun alattis, DR Kongoon kobaaltii addunyaa waldhakkaa kan qabduudha. Kobaaltiin kuns annisaa baatiriiwwan konkolaataa fi mobaayilitiif kan barbaachisuudha.

Oduudhaan, qabeenyaan koobaaltii fi miniraalota kan biraa kan akka wariqee, meetii, fi almaazii kanneen Kongoo biyya dureettii addunyaa tanaa taasisan keessaa ture. Garuu jiraattoonni biyyatti haras hiyyeeyyiidha.
DR Kongoo erga jaarraa 15 koloneelfattoonni Awuroppaa qaqabanii kaae sababiidhuma qabeenyaa isheef jecha sarbamaa turte.
Jarraa 19ffaa keessa, Mootii Li'oppord II kan Beeljiiyum akka waan kolonii dhuunfaa saatti biyyattii bulchaa turan.
Booda keessa ammoo, sibiilli meeshaa biyya alaatti ergamu isa guddaa ta'eef kolonelsitootaaf.
Jaarraa bilisummaatiin keessa, biyya akkuma hiyyomaa adeemtu Mobutu sooramaa deeme. Har'a ammoo malaamatummaa fi oggansii burjaaja'e, akka ummata hiyyummaa keessaa hinbaaneef deegaruu dadhabe.
3) Bakki baayyee guddaadha
Bal'inni DR Kongoo hanga bal'ina Liixa Awurooppaa Meniilaandi gaha.
Bu'uraaleen misoomaa baayyee gadaanaa ta'usaa, lojistikii dhiyeessuu fi filannoo gaggeessuuf baayyee rakkoo uumuusaa himama.

Mootummaan garuu naga eegdoota UN gara waggoota 20f biyyattii keessa turan irraa deegarsi lojistikaa argatee hinturre.
Waanti hundumtinuu bakkeewwan filannoo kuma 75 yeroodhaan akka qaqabu taasisuu keessatti rakkina olaanatu ture. Kanaafuu komishiiniin filannoo filannicha yeroo qabame irraa torbee tokkoon akka tursiisu taasiseera.
4) Baatirin anniifamee sagalee kennaa?
Irra caalaan biyyattii bishaan qulqulluu fi ibsaa idilee hinqabu. Kanaafu wayita maashina ibsaan hojjatuutti fayyadamuun filannoo gaggeeffamu yaaddoo cimaa isa kan tokko ture.
Filannoon elektirikaa eessayyuu jira, garuu Kongootti maashini kun yoo yaalamu yeroo jalqabaatiif waan ta'eef, osoo duraan hin yaalamiin filannoof itti fayadamuun yaaddoo umeera.

Madda suuraa, Getty Images
Filataa hundi lakkoofsa filannoo itti galchuun dorgoomaa barbaadu meeshaa minjaala fakkaatu irratti filata.
Filannoon kunis waraqaa filannoo irratti maxxanfamuun nama filatuun galfama. Bu'aan dhugaa ta'usaa mirkanneessuuf maashinich haftuu isaa olkaa'ee qabata.
Paartileen dorgomtootaas dhuguma filannoo sirriifi haqa qabeessa ta'usaa gaafii kaasu.
Bu'uuraalee misoomaa dadhabaa fi maashinich yeroo gabaabaa keessaatti hojiirra olfamuun rakkoolee cimaa umuun himama.
Kunis haala filannoo tobaniin booddeetti akka harkifatu taasiseera.

5) Waraanaa fi Iboolaan baha balleessaa jira
Naannoo bahaa DR Kongoohunda caalaa waraanaafi iboolaan miidhaa turan waggoota 20 darbaniif.
Gareewwan milishaa hedduun biyyattii gutuu socha'aa kan turan yoo ta'u, yeroo ammaatti rakkinni nageenyaa olaanaan Beni kan Kaaba Kivu keessaati.

Inni garee milishaa Islaamummaa Yugaandaa qofa osoo hintaane, 'Allied Democratic Forces (ADF)' ti. Innis namoota nageenyaa, motummaa fi UN irratti waraanaa baneera. Naanichis dhukkuba Iboolaatiin baayyee kan miidhameedha.
Komishiniin filannoo haala nageenya dhabiinsaa fi sababii Iboolaatiin naannoo baha biyyattiitti filannoo tobe lamaan duubatti harkisuun baayyee komatameera.
Dhukkunni iboolaa jiraachuunsaa kan mirkanaa'ee jalqaba bara kanaa yoo ta'u, hanga ammaattis namoonni gara 500 ta'an faalamaniiru.
Haalli nageenya dhabiinsaa fi hojjattoota UN irratti amantaa dhabuun haala tatamsa'iina iboolaatiif karaa kan saaqe fakkaata.
Tatamsa'inni kunis erga vaayirasichi bara 1976 tti DR Kongoo keessa lafa Zaayiir jedhamutti jiraachun isaa barameen boda, kan ammaa kun tatamsa'ina iboolaa isa olaanaadha jedhameera.
Biyyoota Afriikaa lixaa kan akka Laayiberiyaa, Giinii fi Siraaliyoon keessatti bara 2013 fi 2016 jidduutti namoonni kumma 11 olii du'eera.













