Manni Murtii Elsaalvaadoor dubartii seera ulfa baasuu dhorku cimaa jalatti himatamte bilisa baase

Imeeldaa Koorteez ji'oota 18'f mana hidhaa turuun yeroo bilisa baate namootni ishee dubbisan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Imeeldaa Koorteez ji'oota 18'f mana hidhaa turuun bilisa baate.

Dubartiin yaalii ajjeechaan seera cimaa ulfa baasuu dhorkuun Elsaalvaadooritti himatamte bilisa baate.

Dubartiin ganna 20 Imeeldaa Koorteez, abbaa buddeenaa ishee yeroo baay'eef ishee gudeedaa ture irraa akka ulfoofte himte.

Waggaa darbe yeroo mana fincaanii keessatti deesse ajjeesuuf yaalteetti jechuun dookteroonni akka himanni irratti banamu godhan.

Daa'imni ishee lubbuun oolteetti. Aadde Koortez garuu ji'oota 18'f mana hidhaa turtee himata irratti dhiyaate hordofaa turteetti.

Ogeessonni seeraa garuu akka ulfooftee turte nama tokkottiyyuu himuu dhiisuu ishee fi erga deessen booda qofa deeggarsa yaalaaf ogeessotatti himachuun ishee, yaalii ajjeechaa waan taasisuuf hanga waggaa 20tti ishee adabsiisuu danda'a jedhan.

Manni Murtichaa garuu yakka hojjette hin qabdu jechuun bilisa ishee baaseera.

Murtoo isheen argatte kun dubartoota biroo mana hidhaa jiraniif abdiidha jedhame.

Elsaalvaadooritti ulfa baasuun guutummaatti dhorkaa waan taheef dubartootni yakka kanaan himatamanii mana hidhaa jiran baay'ee dha. Kanaaf falmitootni mirga namoomaa fi dubartootaas dhimma kana irratti xiyyeeffachuun mormii gaggeessa turaniiru.

Deeggartoota Imeeldaa yeroo isheen baatu gammachuu isaanii ibsatan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoota Imeeldaa yeroo isheen baatu gammachuu isaanii ibsatan.

Dubartiin kun mana hidhaatii yommuu baatu balbala irratti maatii fi falmitootni mirga namoomaa ishee deeggaran eeguun dubbisaniiru.

Abbaan buddeenaa ishee, ishee ulfeesses himatamuun murtoo eeggachaa jira.

Elsaalvaadoor biyya guutummaan guutuutti ulfa baasuu dhorkitu yoo tahu namni gochaa kana raawwatee argame adabbii cimaan adabama.

Kanaan ala sababa fayyaa dubartii sanaa irraa kan ka'e jalqaba ogeessi ulfichi akka addaan cituu qabu gabaasa godha. Sana booddee qorannoodhaan gara murtootti galama. Ogeessi kana gabaasuu dhiises akkasuma adabbii cimaan adabama.

Kana irraa kan ka'e dubartootni osoo hin barbaadiin ulfaa'an gara murtoo lubbuu isaanii balleessuutti adeemu jechuun seericha kan mormanis jiru.