Roojar: Kaangaaroon dheeraafi abbaa maashaa guddaa waggaa 12tti du'e

Kaangaaroo, Roojar

Madda suuraa, Kangaroo Sanctuary Alice Springs

Kaangaaroon gudduummaafi qaama maashaan ijaarame qabaachuun beekamu waggaa 12tti du'e.

Roon haatisaa balaa konkolaataan yeroo duutu maqaa Jooyi jedhamu moggaafameefi gara lafa Kunuunsa Kaangaaroowwanii Awustiraaliyaa baraarfamee achitti guddate.

Baayyee guddatee meetira lamas caale, ulfaatinni isaa kiloogiraama 89 gahee ture.

Warri isa kunuunsan ''Gurbaa keenya bareedaa'' dhabne jechuun du'a isaa labsan.

''Yeroon haatisaa karaa guddaa irratti ajjeefamte giphiishee keessaan isa hambifadhe, baayyee xiqqoo ture'' jedha guddisaan isaaa Kiriis Baarnis

Baarnis lafa kunuunsa Roojariif jedhee dhaabe. Sanyiin hoosistootaa kuni hunda caala ture, niiitiiwwan 12 qaba ture. Lafa Kunuunsaa kana Kaangaaroowwan 50'tu jira.

Roojar bara 2015tti erga suuraan isaa otoo inni sibiila wajjiin wal-aansoo qabatuufi maashaasaa guddaa agarsiisuu mul'ate booda kan inni beekkamti horate.

Biraans sababii ciminaafi loltuu tahuusaan warreen kaanirra adda baasanii akka isa kaa'an dubbata.

''Ammas erga du'ee namoonnii ergaa gaddaa baayyee nuuf ergaa jiru.'' jedha

''Bara dulluma isaatti Roojar dhukkubsachaa ture iji isaas isa diddee turte,'' jedha Baarnis

Kaangaaroowwan hanga waggaa 14 jiraachuu danda'u. Bosona jiraatu taanaan garuu yeroo baayyee umurii kana hin qaqqabani.

Baarnis, Roojar asuma lafa kunuunsaa kanatti awwaalame ''yeroo hunda asuma jiraata'' jedheera.