Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Xalayaan Waaqaa' Albart Anistaayiin dolaara miiliyoonatti 2.9 gurgurame
Yaadaa amantii irra qabu ibsuun xalayaan Albart Anistaayiin harkaan barreesse gaatii eegameen ol baasuun dolaara miiliyoona 2.9n gurgurame.
'Xalayaa Waaqaa' jedhamuun kan beekamu kun kan barreeffame bara 1954tti yeroo ta'u caalbaasii Niwyoork irratti dolaara miiliyoona 1.5 argamsiisa jedhame yaadame ture.
Saayintistiin Badhaasa Noobel injifate kun, umurii 74tti, xalayaa fuula tokkoofi walakkaa kana kan barreesse, hojiilee filoosoofara Jermanii Eerik Gutkiind keessaa isa tokkoof deebii lachuuni.
Falmii saayinsiifi amantii jidduu jiru irratti akka qabxii cimaatti ilaalama.
Afaan Jarmaniin xalayaa barreesse kana irratti Albart Anistaayiin dhimmaa Waaqatti amanu irratti dubbata.
"Sagaleen Waaqaa anaaf ilaalchaafi bu'aa dadhabina namaati malee homaa miti" jechuun barreessa " Macaafi qulqulluu kuusama namoota kabajamoo garuu boodatti hafoo turaniiti."
Itti fuufuun: " Hiikkaan kamiyyuu, hagam bareedee dhufes, anaaf waa'ee kanaa homaa hin geeddaru."
Hayyuun fiiziksii kun eenyummaasaa Yiihudaa (Jewish) irrattis "akkuma amantaa kaamiiyyu, kun irra deebii fakkeessaa boodatti hafaadha" jechuun yaadaasa ibsa
"Sabni gosa Yihudaa anis gamachuun keessa tokko ta'eefi yaadaanis sirritii itti hidhamee jiru, ammayyuu anaaf saboota kaan irra eenyummaa adda ta'e hin qabu" jedhee barreessa.
Xalayaan Albart Anistaayiin caalbasiif yeroo dhiyaatu kun isa jalqabaa miti.
Bara darbe xalayaa innii barataa keemistirii lammii Xaaliyaan isa argachuu dideef barreesse dolaara 6,100'n gurgurameera
Bara 2017tti, waa'ee jireenya gamachuu irratti gorsi innii barreesse dolaara miliyoona 1.56n Jerusaaleem keessatti gurgurameera.
Hima tokkicha "Milkaa'ina barbaaduufi isaaf boqonnaa dhabuurra, jireenyi gadi of qabuufi tasgabba'aa ta'e gamachuu dabalaata ni fida" jedha.