Saan Suu Kii: Amnistii Intarnaashinaal badhaasa hoggantuu Miyaanmaariif kenne fudhate

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni mirga namoomaa Amnastii Intarnaashinaal badhaasa guddicha hoggantuu Miyaanmaar Aang Saan Suu Kiif kenne harkaa fudhate.
Badhaasni guddichi kuni 'Ambassador of Conscience Award' jedhama.
Hoggantuun siyaasaa fi badhaafamtuun badhaasa Nobeelii kuni badhaasa kana bara 2009 yeroo hidhaa mana keessaa keessa turan sana fudhatan.
Dhaabbatichi akka jedhetti jarreen Roohingaa yeroo rakkoo keessa turan kana waa'ee isaanii dubbachuu dhabuu isaaniin guddaa gaddeera.
''Ammaan achi abdii, ija jabinaafi mirga namoomaaf akka hin falmine baruu keenyaan guddaa gadduu keenya ibsuun barbaada,'' jechuun barreessaa olaanaan Amnastii Intarnaashinaal Kumi Naadiyoo hoggantuu Miyaanmaarif xalayaa barreessaniiru.
Braa 1989 itt ture dhaabbatichi Saan Suu Kiin sababa '' yaada isaaniin hidhaa jiru'' jedhe kan ibsee ture. Waggaa 20 boodas badhaasa kana badhaase.
Kuni egaa badhaasa teellanaa Suu Kiin dhabanidha.








