Gaanaa: Yuunvarsiitiin Kuwaamee Nikruumaa sababii mormii barattootaan cufame

Barattoonni tokko tokko dursanii ba'aa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni tokko tokko dursanii ba'aa turan

Mormii jabaa irraa kan ka'e walitti bu'insa uumameen Yuunvarsiitiin Saayinsiifi Tekinooloojii Kuwaamee Nikruumaa Gaanaa cufamee barattoonnis akka mooraa dhiisanii bahan ajajaman.

Rakkoon kun jalqaba bakka Kinaast jedhamu magaalaa akka biyyattiitti guddinaan sadarkaa lamaffaa taate Kumaasii keessatti uumame.

Barattoonni 11 Jimaata galgala erga akkuma duraan baran bashannan/sirba dhum-torbee waarisiifata 'jamboree' jedhamuun beekamu irratti argaman poolisiin qabaman mormii kana hammeesseera.

Aanga'oonni yuunvarsiitii taphachiisni/sirbi waarisiifataa 'jamboree' jedhamu kun akka dhaabbachuu qabu dhiyeenya kana murteessaniiru.

Barattoonni kun karaa cufuudhaan, qabeenyi akka manc'aus taasisaniiru, wixatas daree seennee hin barannu jechuudhaan tarkaanfii gara jabinaa eegdonniifi bulchitoonni yuunvarsiitichaa irratti fudhatan hadheeffatanii mormaa turan.

Humni poolisiifi loltoota irraa walitti ba'uun ijaarame mooraa dhuunfachuun tasgabeessuuf hojjechaa jira.

Barattoonnis mooraa dhiisanii akka ba'aniif hanga Kibxata 2.00 GMTtti yeroon kennameef.

Baratoonni biyya biraa irraa dhufan garuu ajajni akka dhiisanii ba'an darbe kun isaan hin ilaallatu. Barattoonni biyya biraarraa dhufanii Yuunvarsiitiin Saayinsiifi Tekinooloojii Kuwaamee Nikruumaatti baratan hosteeluma keessa jiraatan keessatti eegumsi taasifamaaf.

Ministira Naannoo Ashaantii kan ta'aniifi murtee fudhatame kan beeksisan Simoon Ose'i Mensaah, "miidhaa qaqqaberraa yeroo ilaalamu cufuun tarkaanfii sirriidha" jedhan.