Dubartiin Chaayinaa abbaan warraa waan du'e seetee ijoollee ishee waliin bishaan seente

Suuraa hadha manaa fi abba manaa

Madda suuraa, Weibo

Ibsa waa'ee suuraa, Kaffaltii inshuraansii argachuuf kaaroorri inni yaade miidhaa fide

Dubartiin lammii Chaayinaa abbaan warraa ishee du'e seetee ijoollee isaanii lamaan waliin bishaanitti of gatte.

Haa ta'u malee, qarshii kaffaltii inshuraansii argachuuf jechaa waan du'e of fakkeesse malee hin duune.

Reeffi isaa dhibun akkasumas konkolataan isaa laga keessatti argamee waan ta'ef ga'eessi umurii 34 kun du'eera jedhamee yaadamee ture.

Wanta karoorse kana haadha warraa isaatti hin himne. Isheen dhugumaan akka du'e amante.

Sana booda xalayaa of ajjesuushee inteerneta gubbatti barreessitee, ijoollee isaanii qabattee haroo keessatti utaalte.

Jimaata darbe namichii Hi jedhamu kun poolisii kaawuntii Shiinhuwaa bulchiinsa Hunaanitti harka kenne.

Fulbaana gara jalqabaatti Obbo Hin karoora inshuraansii yuwaani miiliyoona tokko ta'u utuu haadha warraa isaatti hin himiin bitee ture jedha poolisiin.

Akka raadiyoon biyyichaa 'Voice of China' gabaasetti tajaajilamtu inshuraansii sanaa ta'un kan maqaan ishii galmaa'e haadha warraa isaa turte.

Fulbaana 19, Obbo Hi balaa konkolaataan kan du'e of fakkeessuuf konkolaataa ergisaa fayyadame. Liqiin yuwaani 100,000 ol akka irra jirus barameera.

Onkololessa 10, reeffii haadha warra isaa umurii 31, ilma isaanii umurii afuriifi kan intala isaanii umurii sadii haroo naannoo mana jireenya isaani ture keessatti argame jechuun miidiyaan 'Voice of China' jedhamu gabaaseera.

Xalayaa ishee irratti isa 'bira tahuuf' akka deemtuufi 'maatiin keenya afran keenya waliin akka taanuu' qofa akka barbaaddu barreessitetti jechuun miidiyichi ibseera.

Guyyaa lama booda Obbo Hi poolisiif harka laate.

Viidiyoon miidiyaa hawaasumma 'Weibo' jedhamu irratti naanna'aa ture, Obbo Hi qarshii 100,000 sana yaalii intala isaa waggaa sadii dhukkuba gaggabasaa (epilepsy) qabduuf akka ture yommuu boo'aa dubbatu agarsiisa.