Paayitan Samoons: Mucaan sammuun ishee du'e yaala lubbuu tursu dhorkamte

Madda suuraa, Tiffany Hofstetter
Daa'imnii waggaa sagaliifi kan doktoorootaan sammuunshee du'eera jedhamuun meeshaa lubbuu tursu keessa turte, itti fufiinsaan meeshaa kanaan akka jiraattu gaafii gaafatame abbaan seerraa kutaa biyya Teexaas dide.
Dhibee onneerra kan ka'e dhuma ji'a darbe keessa rakkoon akkana kan irra gahe Paayitan, manni yaalaa lubbuushee meeshaan akka tursuu maatiinshee mana murtiitti iyyatanii turan.
Haa ta'u malee manni murtii aanichaa, ajaja kana laachuuf sababni qabatamaafi quubsaan hin jiru jechuu, midiyaan Ameerikaa gabaaseera.
Ajajni amma jiru, gaafa Wiixata akka dhumatus, abukaatoon maatii sana dubbataniiru.
Sammuu ishee du'aaf kan saaxile xannachi lapheeshee keessatti guddate dhiigni qaama ishee keessa naanna'uu waan dhorkeef 'Oksijinii dhabuun miidhama cimaa sammusheerraan gahe' ta'uu doktooroonni himaniiru.
Maatiinshee maal gochuuf deemu?
Maatiin daa'ima kana iyyata kan biroo galchachuuf dhiisuu ilaalchisee hanga yoona hin murteessine, jechuun abukaatoon isaanii Justiin Muur CNN'tti himeera.
''Kun maatii kutaa Teexaas keessa jiraniif dhimma yaaddeessaadha. Sababnisaas iyyanni maatii Paayitoon waan fudhatama dhabeeef, haalli walfakkaataan yoo ijoollee isaaniirra gahee maal gochuun akka irra jiru hin beekan jechuudha'' jedheera.
''Kanaafuu, raakkoo yeroo akkanaa nama mudatu furuuf, seera dhiphaafi daangeessaa akkanaa irratti qabasaa'uu keenya itti fufna jedheen amana.''
Akkaataa Paayitoon itti dhkkubsatte?
Paayitoon akkoo ishee waliin jiraatti turte. Hirribarra akka kaateen ture hafuura baafachuu dadhabushee kan dubbatte.
Achumanis gara buufata fayyaa Kuukitti geeffamte.
Doktoroonnis erga qoratanii booda, rukuttaa onneeshee akka deebi'u malee, hafuurrashee deebisu akka hin dandeenye himan.
Yerooma sana meesha hafarsituurra erga ka'aanii booda, sammuunshee akka hojii dhaabe mirkaneessan.
Akka seera Teeksaasitti, namni tokko du'eera kan jedhamu wayita sammuun nama sana gutummaa guutuutti hojii dhaabuudha, jechuun dabalee hosptaalichi ibseera.













