Sudaan Kibbaa: Loltoonni Itoophiyaa 605 badhaasa UN argatan

Raayyaa nagaa eegsistoota Itoophiyaa

Madda suuraa, UNMISS

Raayyaan nagaa eegsisaa Itoophiyaa miseensota 605 ofkeessaa qabu, tajaajila uummata Sudaan Kibbaaf godhaniin Meedaaliyaa UN badhaafamaniiru.

Koloneel Mulugeetaa Niguusee, Ofisarri Ajajaa Baataaliyoona Itoophiyaa waan jedhan, ''Ergamni kun hedduu ulfaataadha. Sababni isaas rakkoo daandii fi nageenya yeroo yeroon jijjiiramu waan ta'eef.

Miseensonni isaanii kunniin karaa ogummaan guutamee fi seera qabeessa ta'een ergama ulfaataa tahe kana bahachuusaanii dubbataniiru.

Bakka bu'aan Barreessaa Olaanaa UN Musxafaa Somaree gamasaaniin, ''Uummata Sudaan Kibbaaf jijjiirama gaarii fidaa jirtu. Carraaqqiin keessan jireenya lammiilee biyyattiirratti jijjiirama fidaa jira,'' jechuun galateeffataniiru.

Nagaa eegsisuu dabalataanis waraanni Itoophiyaa fi hooggantoonni Itoophiyaa biyyattii keessa nageenyi waaraa akka dhufu guddoo dhama'aniiru.

Waliigaltee nageenyaa ji'a dabre mallatteeffame keessatti Itoophiyaan paartilee walloolan lamaan araarsuu keessatti shoora guddaa taphatteetti.

Hojiin nagaa eegsistootaa kanaa maal?

Nagaa eegsistoota Itoophiyaa

Madda suuraa, UNMISS

Raayyaan waraanaa Itoophiyaa ETHBATT1 jedhamuun beekaman kunniin, lammiilee biyyattii rakkoof saaxilaman kumaatamatti lakka'amaniif eegumsa taasisaniiru.

Naannoo kaampii fi wiirtuu magaala keessa naanna'uun zoonii meeshaa waraanaarra bilisa ta'e mirkaneessuu.

Hawaasa garmalee fageenyarra argaman bira dhaquunis eegumsa taasisaniiru.

Kanamalees injinaroota misoomaalee bu'uuraa barbadaa'an suphuuf socho'aniif eegumsa taasisaniiru.

Itoophiyaan addunyaarratti loltoota 8000 ergama nagaa eegsisuu UN'f gumaachuun biyyoota adda duree ta'an keessaa ishee tokko. Kunis humna nagaa eegsisaa UN waliigalaa keessaa harka 8 kan tahudha.

Kanamalees Itoophiyaan lakkoofsa nagaa eegsistoota dubartootaan addunyaarraa ishee jalqabaati.