Koomeediyaaniin Ameerikaa beekamaa Koozbiin yakka saalaan himatame hidhaa bu'e

Madda suuraa, Reuters
Abbaan seeraa Peenisliivaaniyaa komeediyaanii luulessa saalaan(sexual assault) dhaan balleessaadha jechuun hidhaa waggaa 10 nii irratti murteesseera.
Koozbiin nama ganna 81 yoo tahu adamsooyyee(predator) saalaati jedhameera. Kunis gorsa jireenya guutuuf kennamuufi akka argatuufi galmee luulleessaa(offeender) saalaa jala akka taa'u isa godha.
Koomeediyaanichi akka dubbatuuf carraan yoo kennameefi fudhachuu dideera.
Koozbiin dhadacha Ebla darbe taa'ameen Andiree Koostaand bara 2004tti macheessuufi miidhaa saalaa irratti geessisuun, luulleessa saalaa sadiin balleessaa jedhameera
Mirgi wabii inni gaafates fudhatama otoo hin argatiin hafeera.
Koomediyaanichi 1980 mootatti diraamaa maatii irratti taatee abbaa qooddachuun Birookliin Niiwwoorkiiitti maqaa guddaa argatee ture. ''Abbaa Ameerikaa'' jedhamee hanga waamamuus gaheera.
Koozbiin mana murtii keessatti qofaa isaa ture, miirri irraa hin mul'atu.
Namootni biroo 60 tahan bifa wal-fakkaataan yoo isa himataniyyuu ragaan irratti hin argamne
Ragaan himattuusaaa maal ture?
Bulchituu yunivarsiitii Teempil kan taate Kostaand namni akka ''gorsaatti'' ilaalu qoricha hadoochu itti keenuun miidhaa saalaa gahe akka hin qolane ishee gochuu dubbatteetti
'' Miidhaa narra gahe baruuf, narra gahuun dura jireenya akkamii akkan qabu ilaaluu dha'' jetteetti
Biil Koozbiin bara 2015tti tur kan to'annoo jala oole.

Madda suuraa, Reuters













