Torban kanaa Liiverpuul, Arsenaalii fi Manchister Yuunayitidiif torban gaarii taha jechuun Chelsiin garuu ni mo'ama jedha: Tilmaama Laawuroo

Arsenaal fi Everteen

Madda suuraa, BBC Sport

Liiverpuul dursummaa gabatee Piriimerliigichaaf morkii cimaa Chelsii waliin eegale itti fufeera.

Shaampiyoonaan bara darbee Maanchister Siitiinis akkasuma qabxii lamaan qofa boodatti hafuun itti fufeera.

Maanchister Yuunaayitid taphoota jalqabaan booga gara tasgabbiitti waan deebi'e fakkaata.

Dorgommii Shaampiyoonsiliigii irrattis Yaangi Boy injifachuun deebi'eera.

Faallaa kanaan Manchister Siitii fi Tootenaam morkatoota isaaniin Tapha Shaampiyyonsiliigii mo'amanii deebi'aniiru.

Torban kana tapha marsaa 6ffaan maaltu uumamuu danda'a?

Xiinxalaan kubba miilaa Maarki Laawuroon akkas jedhee tilmaama torbee isaa eggala.

Tootenaam erga walitti aansuun si'a sadii Piriimer Liigiifi Shaampiyoonsii Liigiin mo'amanii booda Sanbata dhufu yeroo gara dirree Biraayiten deeman gara mo'achuutti deebiyu jedha Laawuron.

Tilmaama Laawuroo:

SANBATA

Fuulhaam fi Waatforod

Madda suuraa, BBC Sport

Fuulhaamiifi Waatfoord (12:30 BST)

Lamaan isaaniiyyu torban darbe kilaboota Magaalaa maanchesteriin mo'amanii turan. Fullhaam Manchester Siitiin, Waatfoord ammoo Maanchester Yunaayitidiin ture kan mo'aman. Torban kana kilaboonni mo'aman kun walitti dhufu. Eeenyuti mo'a?

Tilmaama Laawuroo: 2-1

Barnileey v Barnimaawuz

Madda suuraa, BBC Sport

Barnileefi Boornimaawoz

Gareen Barnileen yeroo ammaa rakkoo fuula duratti deemanii lakkoofsisuu dadhabuudha.

Amma garuu Boornimaawoz kan sirriitti taphataa jiru waliin walitti dhufanii yaaluudha.

Tilmaama Laawuroo: 1-1

Kaardi fi Manchister Siitii

Madda suuraa, BBC Sport

Kaardiifiifi Maanchester Siitii

Maanchester Siitiin tapha Shaampiyoonsii Liigii Liiyon waliin taphatanii mo'amanirratti baayyee dadhabaniiru. Mo'amuu isaanii caalaa laafinni isaanii baayyee kan yaachisu ture.

Tilmaama Laawuroo: 0-2

Kiristaal Paalaasiifi Niiwuukasil

Madda suuraa, BBC Sport

Kiristaal Paalaasiifi Niiwuukasil

Akka ani yaadutti Niiwuukasil yeroo darbe Arsenaaliin mo'atamanis walakka taphaa duraarratti raawwii gaarii agarsiisanii turan.

Tilmaama Laawuroo: 2-1

Leesteriifi Haadersfiild

Madda suuraa, BBC Sport

Leesteriifi Haadersfiild

Warri Haadersfiild akka malee qabxii argachuu barbaadu. Taphoota shanan darban taphatan keessaa goolii lama qofaa galmeessisuun Piriimer Liigii keessaa qabxii gadi aanaa kan galmeessedha.

Timaama Laawuroo: 2-0

Liiverpuuliifi Saawuuzhaampteen

Madda suuraa, BBC Sport

Liiverpuuliifi Saawuuzhaampteen

Tapha shaampiyoonaa Paris St-Germain waliin taasisan mo'achuudhaaf ga'een Daniel Sturridge guddaa ture, sababiin isaas sirriitti taphateera.

Liiverpuul yeroo ammaa sadarkaa baayyee gaarii ta'erra waan jiraniif taphoota Piriimeer Liigii ja'a taphataman keessa ja'anuu nu mo'atu jedheen yaada.

Tilmaama Laawuroo: 3-0

Maanchester Yuunaayitidii fi Woolviis

Madda suuraa, BBC Sport

Maanchester Yuunaayitidii fi Woolviis

Dhuma Agayyaarraa erga Maachester Yunaayitid Tootinhaamiin mo'amee gaafii baayyeetu irratti ka'aa ture, ta'us garuu taphoota sadii ergasii dirree isaaniitiin alatti taphataniin walitti aansanii mo'ataniiru.

Tilmaama Laawuroo: 2-0

Biraayitenii fi Tootinhaam

Madda suuraa, BBC Sport

Biraayiteniifi Tootinhaam (17:30 BST)

Gara dirree Biraayten deemuun qormaata biraati, tapha salphaas hin ta'u.

Tilmaama Laawuroo: 1-1

DILBATA

Westi Haamiifi Chelsii

Madda suuraa, BBC Sport

Westi Haamiifi Chelsii (13:30 BST)

WWarri Westi Haami torban darbe Everteniin mo'ataniiru.

Tilmaama Laawuroo: 2-1

Arsenaal fi Everteen

Madda suuraa, BBC Sport

Arseenaaliifi Everteen (16:00 BST)

Tapha torban darbeetiin Arsenaal Niiwukasiliin mo'ateera. Keessattuu tapha boqonnaa boodaatiin cimina gaarii agarsiiseera.

Tilmaama Laawuroo: 2-0

Morkiin Piriimeliigii bara kanaa bifa haaraa qabaachuu danda'a.

Arsenaal Unaay Imiree jalatti ijaarsa irratti argam.

Maanchister Yuunaayitid Joosee jalatti bara kana morkataa waancaa tahuu yoo dadhabe bifa biraa qabachuu danda'a.

Chelsiin Antooniyoo Koontee jalatti Shaampiyoonaa tahee ture ammas leenjisaa haaraa Marushiyoo Saarii jalatti gahumsa guddaan eegaleera.