Waggaa 1ffaa BBC Afaan Oromoo: Odeessaalee hedduu dubbifaman

Ibsa waa'ee viidiyoo, BBC Afaan Oromoo bara darbe keessa

Waggaa tokkoffaa BBC Afaan Oromoo

Kunoo BBC Afaan Oromoo toora interneetiittiin erga oduu isin biraan ga'uu jalqabee waggaa tokko guuteera.

Turtii waggaa tokkoo kana keessatti dhommoota siyaasaa, hawwaasummaa, dingadee, aadaafi artii, ispoortiifi dhimmoota saayinsiifi tekinooloojii irratti odeeffannoo namaaf kennan, nama barsiisaniifi nama bashannansiisan dhiyeessaa tureera.

Oduu shan BBC Afaan Oromoo dhiyeesse keessaa kan sirriitti dubbifaman kudhan akka armaan gadiitti isiniif dhiyaataniiru.

Haacaaluun nama waan sirbamuuf qofa sirbu miti jedhu namoonni sirboota Afaan Oromoo inni ergaa jajjaba qabu baaserratti barreessan.

Sirboonni isaa humna jijjiiramaa, kan qalbiifi haala yeroo uummataa haalaan ol kaasee dhageessisudhas jedhu.

Sirba inni ciigoon masakaman, qor-qalbiifi yaada ummataa calaqqisiisan aartiin miidhagsee gurra uummataan gahuun beekkamtii guddaa horatee keessa: 'Maalan Jiraa...' 'Jirra', geerarsawwaniifi kan biroo gurraafi qalbii saba ballaa qabataniiru.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 18 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 51,699

Oduun kun waan Ambootti uumamee ture BBC Afaan Oromoo gabaase hedduu dubbifamedha.

Yeroo sanatti konkolaatota gurguddoo shukkaara fe'anii magaalaa Amoo keessa darbaa turan seeraan ala jedhamanii qabaman.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 26 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 42,518

Rakkoo nageenyaa naannolee daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti uumamaa ture yeroo gara garaatti BBC Afaan Oromoo dhiyeessaa tureera.

Isaan keessa kan namoota baayyeen dubbifame isa kan ture.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 18 Fuulbana 2017
  • Baayyina dubbistootaa 32,330

Giddugala Qo'annoofi Qorannoo Imaammataa Itoophiiyaatti, Ministira dame Indastirii ta'uun tajaajilaa yeroo jiranitti Obbo Barakat Simoon aangoo fedhii isaaniin gadi dhiisuuf iyyachuu isaanii qondaalli giddugalichaa tokko BBC'f mirkaneessan kan jedhus hedduu dubbifameera.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 16 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 20,478

Oduun kun tibba Ayyaana Irreechaa naannoo magaalaa Naqamteetti wagga darbe gaggeeffame maxxanfame.

Ayyaana Irreechaa magaalaa Naqamteetti gaafa Dilbataa kabajame hordofe jeequmsa uumameen lubbuun namaa kan darbeefi qabeenya irratti miidhan kan dhaqqabe yoo ta'u, eenyummaa namoota du'aniin walqabate wanti miidiyaalee hawaasaa irratti barreeffame dogongora ta'u mootummaan naannichaa BBC'tti dubbatee ture.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 31 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 17,427

Baqattoonni Oromoo Somaaleetii buqqa'anii 4,000 ol kan keessatti argaman kaampiin Hammaarreessaa keessa kan jiran waan isaan mudate BBC'tti himanii turan.

Isaan keessaa seenaa hamaa isheefi Oromoota baqataniira ga'e dubbatti.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 17 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 17,379

Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru, waa'ee rakkoo daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduu ture irratti ibsa cimaa qorannoon akka gaggeeffamu gaafatu baase.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 19 Fuulbana 2017
  • Baayyina dubbistootaa 16,947

Oduun kun Ministira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Dr. Nagarii Leencoo kan ture waa'ee hogganaan Abbaa taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa yeroo sanaa ibsa isaan miidiyaaleetiif kennan yaada dhuunfaa isaanii ibsatan jechuun dubbaterraatti yaada kennan ture.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 1 Sadaasa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 16,396

Jireenyi pirezidaantota Itoophiyaa duraanii lamaanii--Girmaa Walda Goorgisiifi Dr. Nagaasoo Gidaadaa maal akka fakkaatu walbira qabuun dhiyeessinee turre.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e 3 Onkololeessa 2017
  • Baayyina dubbistootaa 16,884

Mormii waggoota afran darbaniif Itoophiyaa keessatti adeemaa tureefi jijjiirama amma biyyattii keessatti mul'ataa jiru waliin yeroo mara maqaan isaa kan ka'u, xiinxalaa siyaasaafi direektara OMN Jawaar Mohaammad gaaffiif deebii Istuudiyoo BBC'tti argame nu waliin taasise.

  • Guyyaa itti marsariitii irratti ba'e3 Adooleessa 2018
  • Baayyina dubbistootaa 13,615