Odeessaalee gaggabaaboo biyya keessaafi alaa Jimaata galgalaa

Eritiraa
Hiriirri baqattoonni Eritiraa Manneetii hidhaa Liibiyaa garaagaraa keessa ukkaamfamanii jiran haa gadhiifaman jedhu magaalota Awurooppaa garaagaraa keessatti lammiiwwan Ertiraatiin har'a adeemsifame. Manneetii hidhaa kunneen keessa lammiileen Itoophiyaafi Somaaliyaa illee baayyeen ni argamu
Itoophiyaa
Jiilli af-yaa'ii mana maree naannoo Amaaraa adde Warqisammuu Maammootiin durfamu Asmaraattii pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin mari'ate. Jilli abbootii amantaa dabalate kun, hariiroo ummattoota lameenii jabeessaa jedhameera.
UgaandaaMiseensi paarlaamaafi mormituu mootummaa Ugaandaa Kaps Fungaaroo jedhamu paarlaamaa keessatti Tiwiitarii fayyadamuu hin dandeenyee jedhe. Sababiinsaa immoo paarlaamichi gibira mootummaan miidiyaa hawaasummaarra kaa'ee ijaa hin kaffalleefi jedheera. Ugaandaan gibira shilingii 200 fayyadamtootarra kan buuste waxabajjii darbe ture.
Awustiraaliyaa
Awusiraaliyaan lammileeshee goraa (strawberry) bittan otoo hin cuffatiin dura, keessa ilaalaa jetteetti. Maaliif yoo jettan, namooti baayyeen goraa nyaatamu keessa lilmoo argaa jiruu, namni tokkos sababii kanaan hospitaala geeffameera. Kuusaawwan goraaa rabsan hojii dhaabaniiru, ogeessonni fayyaa namooti of eeggannoo akka taasisan gorsaniiru.
Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa
Kooriyaa Kaabaafi Kooriyaan kibbaa waajjira quunnamsiistuu banatani. Waajjirichi daangaa Kaaba loltuun jirutti baname gama lameeniin hojjettoota 20 qaba. Ministirri tokkummaa Sewool, Choo Maayog Gooyin kana booda Kooriyaanoti sa'aa 24 mari'achuu danda'uu jedheera.
Naayijeriyaa
Namooti lama kibba baha Naayijeriyaatti reeffa dubartii maanguddoo hospitaalaa hatan poolisiin qabaman. Reeffa hatan daggalatti fudhachuun, deebisuuf qarshii kuma dhibba sadii ol hospitaalaafi maattiirraa gaafatanii turan.
Ameerikaa
Dureessi addunyaa keenyaafi hogganaan dhaabbata daldalaa Amaazoon Jeeff Bezoos qarshii koo biiliyoona lama tahu warra mana hin qabneef tolan oolchaa manneetii barumsaas nan dhaaba jedhan. Dureessichi qarshii doolaara tiriiliyoona 4 caalu qabu.
Ameerikaa
Dhaabbati qorannoo hawaa Ameerikaa meeshaa lafti cabbii hagamiin akka haguugamtee jirtu safaru siiqqee lafaarra kaa'uufi. Meeshaan ifaan hojjetu ICeSat jedhamu kuni lafti cabbiin jiru, ho'a addunyaan hangam hubamaa akka jiru odeeffannoo kenna jedhameera.













