Qubsumakoo: Miidhaa narra gaheen ijakoo dhabus biyya koo hin jibbine

Maqaan koo Guuttattaa Ashabiir Lamuu jedhama. Gara jabina guddaan hidhaa, reebbichaafi darara narra gaheen biyya koo gad-dhiisee gara biyya ollaatti baqqachuuf dirqame.
Yeroof lubbuukoo baafadhuus, miidhama reebbicha mataakoorra gaheen yeroo ammaa kanatti agartuu ijakoo lamaanii dhabeen jira.
Biyyakorraa baqadhee kanan bahe kara Mooyyaalee wayita ta'u ALA bara 2005 keessa daangaa qaxxaamuruun gara biyya Keeniyaa gale.
Gara Naayiroobitti imaluun bakka Oromoo hedduun itti argaman naannoo Isilii (Eastleigh) gahe. Achitti Oromoota argachuun gara manasanitti na fudhatanii galuun kanumaanan jirenya baqaa jalqabe.
Jiruufi jireenya biyya ambaa
Keeniyaa keessa jiraachuu cima kan godhu keessa inni tokko rakkoo poolisiin biyya kana namarraan gahuudha.
Yeroo tokkoo tokko Poolisiin biyya kanaa sababa adda addaa uumuun nama qabanii maalaqa namarra fudhatu.
Kanarra kan hafe namoonni Keeniyaa uummata gaariidha. Uummata nama jaalatan, nama kabajaniifi kan hinaaffaa hin qabneedha.
Hanga gaafa ijikoo jaamee argu dadhabuutti hojii adda addaa hojjechaan ture. Magaalaa naayiroobii keessatti keessumeessa ta'uun hoteela keessa hojjedheera, tajaajila geejjibba mataatuurras to'ataa ta'ee hojjedheerra.
Akkasumas Magaalaa mallattoo ilka arbaan beekamtu mombaasaa keessaatti konkoolaachisa ta'uunis hojjeedheera.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Kana hunda yeroon hojjechaa ture, dhukkubbi mataa keessa natti dhagahamuufi darbe darbe ija koo irrattis natti dhagahamu hunda hanga danda'ameetti yaalamaan ture.
Dhummarratti natti hammaachaa dhufuun argu na dhorkuu jalqabe.
Doktooroota baay'ee bira deemee yaalamus, neerviin koo akka miidhame natti himaa turanii dhumarratti guutumaa guutuutti arguu dadhabe.
Kana qofa miti aariifi yaaddoo kanarraa maddeenis dhukkubni sukkaaraafi dhiibba dhiigaa itti dabalame.
Egaa haala akkana keessan jira, hojjechuus hin danda'u. Ammaaf maatiifi Oromoota biroorratti hirkachuuf dirqamus ammallee abdiin Waaqarraaafi saba kiyyarratti qabu guddaadha.
Biyya Keeniyaa
Garaagarummaan biyya kanaafi Itoophiyaa giddu jiru inni guddaan lammiileen biyya kanaa dhimma kam irrattiyyuu haasa'uuf bilisummaa guddaa qabu.
Mootummaan biyya kanaas dimokiratawaadha. Biyya keenyaatti garu akka har'a utuu hin ta'iin kun hin hayyamamu ture.
Utuu hin haasa'iin haasofteetta, utuu hin hojjetiin hojjeteetta, waan hin beekne beekta jedhamuun tumamaa baane biyya badne jedhan.
Aadaa nyaata Keeniyaa keessaa 'Nyaamaa choomaa' yookaan foon abiddarratti waadame kan 'ugaalii' ykn marqaa boqolloorra hojjetamuun nyaachuun baay'een jaaladha.
Nyaati Gizeerii jedhamus ni jira inni ammoo boloqeefi boqqolloo affelamee foon itti dabaluun yookaan qofasaas kan nyaatamuudha.
Nyaata aadaa warra Kikkuyyutti. Kanan caalchisee jaalladhu garuu nyaamaa choomaa ugaaliin nyaachuudha.

Madda suuraa, Kiteessaa
Biyya koo irraa aadaa keenyan yaada. Aadaa wal gaafachuufi walgargaaruu sana. Isa yeroo ayyaana wal waamanii waliin nyaataniifi waliin taphatan sanan guddaa yaaada. Maatii, firootaafi hiriyootakoos nan yaada.
Bashannana
Utuu ijakoo hin dhabiin dura, Keeniyaa keessa bakkiin jaalladhu magaalaa Mombaasaatii. Achi deemee qarqara galaanaarra bashannanuu guddoon jaaladha ture.
Yeroo murtaawaadhafis achi hojjedheera. Mombaasaan magaalaa bareedduufi hawwattuu qarqara garba Hindiifi Naayiroobiirra fageenya kiiloo meetirii 500 irratti kan argamtuudha.
Magaalaa buufata doonii waan tateef giddu galeessa daldalaa ta'uunis ni beekamti.

Madda suuraa, SIMON MAINA
Waan gaariifi waan hamaa biyya kanatti narra gahan
Biyya kana dhufuu kiyyaan wanti gaariin naaf ta'e lubbukoo du'arraa oolfachuukooti. Utuun biyyaa hin baqanne akkuma hiriyoota koo hedduu anis sila yoona ajjefameera.
Kan biroon ammoo agartuukoo biyya kanatti dhabus haadha manaa sabboontuu argadheera.
Namoonni sanyiin Oromoo ta'an balbala hedduutu biyya kana keessa jira. Itti dabalatanis, uummanni Masaay akkuma saba keenya tikfatee bulaa waan ta'aniif namootuma biyya keenya natti fakkaatu.
Waanti rakkisaan biyya kana keesatti narra gahemmoo qaroo ykn agartuukoo dhabuudha. An yoon agartuukoo dhabellee jireenyaaf abdii guddaan qaba.
Aangoo adda ta'e tokko utuun biyya kana keessatti qabaadhe, hiraarsa poolisiin biyya kana baqattootarraan geessistu hambisurrattan hojjechuu barbaada.
Afrikaan kan Afrikaanootaa ta'u beekuu qabu. Namoonni lammi ardii Afrikaa ta'an hundi mirga biyya kana keessa jiraachuuf qaban akka mirkanaa'uufan godhan ture.

Madda suuraa, Kitessaa
Waanti amma asi nabute biyya nabuusu utuu jiraate, Finfinneetti argamuun ABOn wayita gara biyyaatti deebi'u achitti argamuun utuun simadhe guddoon gamada. Yoman ijaan arguuf hin dandeenyellee kanan hawwa.
Jijjiirama biyyattii keessatti dhufeen gammachuu guddaatu natti dhagahamaa. Utuu agartuunkoo hin banne fiigee waanan deebi'u natti fakkaata.
Ammalle sabnikoo Oromoofi mootummaan, yoo deggarsaa naaf godhanii biyyatti na deebisan guddoon gammada.
Kun hundi narra gahullee biyyakoo hin jibbine, hin jibbus.












