Dorgommii filannoo prezidaantii Biraazil dursaa kan jiran duula na filadhaarratti waraanaman

Kadhimama pirezidaantii Jayeer Bolsonaaroo garaasaniirra waraanamanii sekoondoota booda suuraa wayita kaafaman fuulli isaanii kana fakkaata ture, Fuulbaana 6, 2018 ALA.

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kadhimama pirezidaantii Jayeer Bolsonaaroo garaasaniirra waraanamanii sekoondoota booda suuraa kaafaman

Filannoo pirezidaantummaa biyyooleessaa Biraaziiliin dursaa kan jiran Jayeer Bolosonaaroo, duula nafiladhaa utuu geggeessaa jiranii waraanaman.

Naannoo kibba-baha Geeraayis keessatti tuuta guddaan marfamanii utuu jiranii ture kan haleellaan kun isaanirra gahe.

Mar'ummaan isaanii waraaname baqaqfamanii yaalamaniiru, ni dandamatu jennee eegna, jechuun angaawoonni hospitaalichaa dubbataniiru.

Angaawwaa siyaasaa walfalmisiisaafi yaada loogiifi jibbaa namoota sala wallfakkaataa waliin qunnamtii godhan irratti kennuun Braaziiliin ajjaayibsissee kun, sagalee dhihoo kana kennameerratti deggeersa cimaa nama argateedha.

Akka sagaleen laatame kun agarsiisuutti, pirezidaantii duraanii Lulaa da Siilvaa qoqobbii dorgomuu isaanirra jiru yoo ofirraa kaasisuu dadhaban filannoo biyyooleessaa ji'a ittaanu geggeeffamurratti sagalee olaanaa argachuu akka danda'an himama.

Haleellaan kun akkamitti irra gahe?

Haalli magaalaa Ju'iiz de Fooraa keesatti mudate kun vidiyoorratti akka mul'ateetti, Mr. Bolosonaaroo malattoo abuudduu qubasaanii olqabu wayita agarsiisuun deggeertoota isaaniin batamanii wayita utuu jiranii ture waan haaduu fakkaatuun kan waraanaman.

Dhukkubarra kan ka'e wayita isaan garaa qabatanii dacha'anitti ture kan deggeertoonni isaanii gad isaan buusuun konkoolaata keessa isaan galchan.

Haleellaa kana booda ilmiisaanii Flaaviyoon 'madaa gadi fagoo miti' jedhe kan twiit godhe ta'us, sa'aatii lama booda garuu xinxalliisaa gadi fageenyaan kenneera.

''Madichi hanga yaanneen olitti cimaa ture,'' jechuun barreesseera. ''Baay'ee dhiigee, wayita hospitaala gahe dhiibbaa dhiigasaa 10/3 ture, qarqara du'aarra ture. Amma haalisaa ititaa fakkaata. Kadhadhaafi maaloo!

Angaawwoonni hospitaalichaas, waraansa ''gadi-fagoo'' fi lubbuuf soddaachiisu ture kan Mr Bolsonaaroon mar'umaan isaanii keessa waraanaman, haala ''cimaa garumoo ititaa'' keessa turani.

Adeeliyoo de Oliiveeriyaa, shakkamaa Mr Bolsonaaroo waraane jedhame

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Shakkamaa Mr Bolsonaaroo waraane jedhame

Itti dabaluunis, yaala baqaqsanii hodhuu sa'aatii lamaa booda, kutaa wal'aansa adda keessatti dandamachaa jira, haa ta'u malee toban tokkoo hanga guyyaa 10 tti hospitaala turu danda'a.

Shakkamichi to'anna jala oolee jira, nama ganna 40, maqansaas Adeeliyoo de Oliiveeriyaa jedhama, jechuun poolisiin dubbateera. Shakkaman kun dhibee sammuu kan qabu fakkaata jechuun angaawwonni dhaabbata oduu Riwooteers madda godhate dubbataniiru.

Namni kun poolisiin gara mana hidhaatti utuu hingeeffamin dura, deggeertoota Mr Bolsonaaroon haalaan tumameera.

Shakamaa kadhimaamaa pirizidaanti Braaziil Ja'eer Bolsonaaroo waraane namootaan marfaame, Fulbaana 6, 2018 ALA

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Shakkamtichi wayita tuuta namootaan qabame
Kahdimamaa pirezidaant Mr Bolsonaaroon garaa isaaniirra waraanaman, Fulbaana 6, 2018 ALA.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kahdimamaa pirezidaant Mr Bolsonaaroon garaa isaaniirra waraanaman,
Deggeertoonni Mr Bolsonaaroo magaalaa Sao Pauuloo, Biraaziil keessatti turtii sirna dungoo ibsuu godhan, Fulbaana 6, 2018 ALA

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Deggeertoonni Mr Bolsonaaroo magaalaa Sao Pauuloo, Biraaziil keessatti turtii sirna dungoo ibsuu godhan
Naannoo hospitaala kadhimamaan pirizidaantii kun itti yaalamu, poolisii Federaalaan egamaa ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haalli eegumsa naannoo hospitaala kadhimamaan pirizidaantii kun itti yaalaman cimaa ture
Kuusaa suuraarra: Jayeer Bolsonaaroo duula nafilaadhaarratti deggeertoota nagaa gaafataa

Madda suuraa, AFP