Baqattoota Masrii: 'Biyyaa bahuuf rakkoo, deebi'uufis rakkoo?'

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa baqattummaan biyya Masrii keessa jiran, waamicha mootummaan dhiyeesseen gara biyyaa galuu barbaannus buhaa bahii garagaraan kun tahuu hin dandeenye jechuun BBCtti dubbataniiru.
Bara 2016 biyya Masrii akka galan kan dubbattan Obboo Abdurahmaan Amaanoo isaan dura ammoo waggoota shaniif Sudaan mooraa baqataa keessa akka turan dubbatu.
Gara biyyaa deebi'uufis yeroon akka gahe kan amanan Obbo Abdurahmaan, 'Suusii biyya hambaa jiraachuu fi galaanatti dhumuu qabaannee miti kan biyyaa baane,' jedhu.
Dararaa mootummaan biyya bulchu irraan gahe baqatanii biyyarraa akka bahan dubbatu.
Sababa biyyatti deebi'aniif wayita ibsanis, "haalli wayita sana baqannee biraa dheessine, haga tokko jijjiiramaa waan jiru fakkaata. Ulaan gara biyyaatti deebi'anis waan baname fakkaata. Kanaaf gara biyyaatti deebi'uuf hawwii godhanne,'' jedhu.
'Yoo xiqqaate uummanni keenya qaamolee garagaraatiin halellaan irra haa dhaqqabu malee, harki mootummaadhaa waan irraa ol jedhe fakkaata,'' jedhu.
Jireenya baqattummaan bu'aa bahii hedduu akka dabarsan kan dubbatan baqataan kun, imbasii Itoophiyaa Kaayiroo jirurraa deeggarsa gahaa tahe argachaa akka hin jirre dubbatu.
Waraqaa liisee paasee 'laissez passer' imbaasii Itoophiyaarraa guyyoota sadii keessatti akka argatan kan dubbatan baqataan kun, dhaabbata mootummoota gamtoomanitti dhimma waa'ee baqataa isa ilaallatu 'UNHCR' faayila isaanii cufsiisuuf beellama gara ji'a lamaa siqu akka keennaniif dubbatu.
Kanas wayita ibsan Obbo Abdurahmaan, 'Namni tokko biyyattin gala jedhee, dararaa keessa jiru irratti dararaa biraa itti dabaludha,'' jedhu.
Masriitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Taayyee Atsiqesillaassee BBCtti waan dubbatan, embaasiin isaaanii wanta irraa eegamu bahachaa jira.
Lammiin Itoophiyaa gara biyyaa deebi'uu barbaadu waraqaa liisee paasee nu biraa argachuu yoo barbaade, yoo baay'ate hojii guyyaa tokkoo fudhatudha. Sababiinsaa ulaagaaleen guutuu qaban waan jiraniif. Waraqaa kana keennuuf lammii Itoophiyaa tahuusaanii mirkaneessuu qabna.
Dhimma UNHCR waliin qabu abbumatu xumurata. Nuti keessa hin gallu dhimmi kana keessa. Yoo baay'atee jedhe kan gochuu dandeenyu akka dhaabbataatti, karaa idilee hin taaneen akka saffisaan mijeessaniif dhiibbaa irratti goodhuudha, jechuun BBCtti himaniiru.
Faayila 'cufsiisuun' maali?
Ambaassaaddar Taayyee adeemsasaa wayita ibsan:
Baqataan tokko biyyaa bahee UNHCR jalatti wayita galmaahu, ''gara biyyaatti deebi'uuf sodaan qaba waan taheef biyya biraatti na geessaa,'' jedheeti kan iyyata galafatu.
Baqataan kun ammoo irra deebi'ee 'Gara biyyaatti deebi'uun barbaada. Na galchaa,'' jennaan UNHCR hojimaatasaa hordofee iyyannoo sana haquu qaba jedhu. Kunis adeemsa yeroo fudhatudha. Nutis wanta nuu danda'ame gochaa jirra.
Dhimma kanarratti dhaabbata UNHCR Masrii argamu dhimma kanarratti ibsa akka nuuf kennan gaafannee hanga yoonaa deebii hin arganne.
















