Filannoo Zimbaabuwee: Filannoo jalqabaa Mugaabeen alatti

Madda suuraa, AFP
Lammileen Zimbaabwee filannoo yeroo jalqabaatiif gaggeessaan biyyattii yeroo dheeraa Roobert Mugaabee kallattiin keessatti qooda hin fudhanneef sagalee kennuuf sagalee kennuutti jiru.
Pirezedaantiin biyyattii hundeessan jedhaman Obbo Mugaabeen sadeeta shaniif aangoorra erga turanii bara darbe ture kan aangoorraa jigfaman.
Morkattoonni filannoo pirezedaantummaaf taasifamu kana keessatti ciccimoodha jedhaman kan aangoorra jiran Imersen Mingaaguwaa paartii biyya bulchaa jiru paartii Zanu-PF irraa, dursaa paartii morkataarraa ammoo Nilsen Chaamisadha.
Filannoon paarlaamaafi naannoos Wixata gaggeeffama.
Tilmaammii dura kennameen maanguddoo ganna, 75 kan ta'an Obbo Minaangaguwaa, morkataa isaanii ganna 40 kan MDC (Movement for Democratic Change) Alliance dursaa jiruun xiqqoof dursa.
Wixata pirezedaantiin duraanii Roobert Mugaabee - paartii isaaniirraa kan isa dhaalan Minangaaguwaaf sagalee hin kennu jedhan.

Madda suuraa, AFP
Biyyattiin seenaashee keessatti namoota filannoof ba'an guddaa ta'e kan keessatti dargagoonni ol aantummaan hirmaatu jedhame eegaa jirti. Arki caalaan namoota filannoo kanaaf galmaa'anii umurii 35 gadi keessa jiru.
Taajjabdoonni filannoo idile-addunyaa dhibbaan lakka'aaman filannoon sun qajeelatt deemaa jira kan jedhu taajjabuudhaaf biyyattii galaniiru. Gareen mormitootaa garuu irra deddibiidhaan rakoon naannoo filannootti mullachaa akka jiru komee dhiyeeffachaa jiru.
Yaaddoo nageenyaa waraqaa filannoofi xiichaa filatoota baadiyyaarra ga'us dhageessifataa jiru.
Hayilemaaeriyaam Dassaaleny filannoo Zimbaabuwee taajjabuuf
Ministirri Muummee duraanii Obbo Hayilemaariyaam Dessaaleny garee taajjabdootaa Gamtaa Afirkaarraa ta'an dursanii Zimbaabuwee jiru.

Madda suuraa, Reuters
Filannoon Zimbaabuwee kun gita bittaa acuuccaa abbaa-hirree jala turuun rakkoo dinagdee hamaa keessa erga waggoota hedduu turteen booda kan gaggeeffamudha.
Dhimmoonni akka invastimantii, barnootaa, kunuunsa fayyaafi hojii - akka namoonni tilmaaman jedhanitti namoonni %90 ta'an hojii kan hin qabne jedhaman filannoo kanarratti kan ka'anidha.
Haxxummaa siyaasaa qabuun 'Naacha' jedhamuun kan beekamu Pirezedaanti Minaangaaguwaan, hojii dhabdummaa akka hir'isuufi haaromsa dinagdee akka fidan waadaa galaa jiru.
Deggertoota Mugaabeerraati kan jedhame yaalii ajjeechaa si'a baayyee jalaa ofkaluun Minaangaaguwaas ni beekama.
Ganna 25 irratti miseensa mana maree kan ta'an Obbo Chaamisaan yoo filatamaniif Pirezedaantii Zimbaabuwee dargageessa ta'a jedhama.
Chaamisaan dinagdee Zimbaabuwee barbadoofte deebisee ijaaruuf waadaa galanis namoonni hedduun waadaa isaanii kana akka malee kan harbeeffamedha jedhu.
Mugaabeen garuu deggeraa isaanii kan duraa Obbo Minaangaaguwaa akka hin deggerre ibsaniiru.
"Ani nama na rakkise filachuu hin danda'u," jedhan.
Gaaffii BBC'n waa'ee mo'achuu Obbo Chaammisaa gaafateef, maanguddoon ganna 94 kun, kaadhimamaan sirrii isa qofaadha jedhan.
Pirezedaanti Minaangaaguwaa gama isaaniitiin gaggeessaa isaanii duraa kanaan mormiitoota waliin shaarikaa jira ittiin jedhan.
Filannicha lakkoofsaan
- Namoonni 5,635,706 irra deebiyanii akka filatan galmaa'aniiru; gareen warra mormitootaa garuu sirrummaasa ni morma
- filattoonni %43.5% ta'an umuriin isaanii ganna 35 gadidha
- Buufataaleen filannoo 10,985
- Taajjabdoonni filannoo Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaa akka hin taajabne kan dhorkaman waggoota 16 lakkoofsiseera















