Emersan Mnaangaagwaa pirezidaantii haaraa Zimbaabuwee ta'uun kakuu raawwatan

Madda suuraa, Reuters
Emarsan Mnaangaagwaa pirezidaantii Zimbaabwee haaraa ta'uun, sagantaa isataadiyemii magaalaa Guddittii, Haraareetti raawwateen, kakuu raawwataniiru.
Kunis kan ta'e erga Roobart Mugaabeen biyyattii waggoota 37f bulchan, aangoorraa bu'an booda.
Pireezidantii itti aanaa duraanii kan turan Mnaangaagwaan, erga Mugaabeen ari'aman booda, paartiin biyya bulchu Zanu-PF akkasumas waraanni biyyattii aka gidduu galan taasise. Ergasii Obbo Mugaabee angoorraa buusan .
Obbo Mnaangaagwaan biyyaa baqatanii turanillee, gaafa Roobii biyyattii deebi'an.









