Weerara Eboolaa; talaalliin yaaliif kennamu Koongootti jalqabuufi

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni fayyaa Reppablikii Dimookratawaa Koongoo dhukkuba dadarbaa namoota hedduu ajjeesuun beekamu vaayirasii Eeboola dhaabuuf talaallii kennuufi.
Talaalliin kun jalqabarratti weerarri dhukkuba kanaa bara 2014 -16 keessa wayita Afrikaa Dhihaa keessatti mudatetti yaalamuun firii agarsiiseera.
Weerara dhukkuba kanaa dhiheenya mudateen yoo xiqqaate namoonni 25 du'uun isaanii ni amanama.
Talaallii Wiixatarra kennamu fudhachuun hojjettoonni fayyaa warra jalqabaa ta'u.
Eboolaan maali?
Dhukkubni kun qaama keessatti dhiiguu kan qaqqabsiisuu wayita ta'u, dafee ajjesuunis kan beekamuudha.
Dhukkubni kun dhangala'a qaama keessa bahu tuquun kan daddarbuu wayita ta'u, mallattoo dhukkuba qufaan kan walfakkaatuu fi yeroo baay'ee kan adda hinbaane qaba.
Weerara dhukkuba kanaa bara 2014 - 16 keessa mudateen qofa namoonni 11,300 ol du'aniiru.









