Iboolaan maaliif deebi'ee ka'e?

HEALTH WORKERS PHOTO

Madda suuraa, Getty Images

Vaayirasiin Iboolaa Dimokiraatik Ripublik Koongo keessatti irradeebiin mataa ol qabataa jira. Eessaa fi yoom akka irra deebiin ka'uu danda'u beeku baannus haala kamiin akka ittisuun danda'amu garuu amma barreerra.

Namootni vaayirasichaan qabamanii fi shakkaman qofaatti wal'aanamaa kan jiran yoo ta'u, dhibee kana to'achuuf mootummaan biyyittii qophaa'aadha jechaa jira. Weerarri Iboolaa biyyota lixa Afriikaa keessatti lubbuu namoota kuma 11 galaafachuunsaa kan yaadatamudha.

Oduun weerara Iboolaa magaalaa Bikooroo Kaaba lixa DR Koongoo keessatti dhagahamaa jiru itti fufinsaan, sodaa miidhaa dkukuba lubbuu namoota kuma 11 galaafachuun namoota kuma 28 faalee gara sammuu namootaatti fidaa jira.

Namni kamuu abjuusaatti akka irra deebiin ka'u ykn qabamu hin barbaadu.

Erga caamsaa 14 as DR koongoo Keessatti Namootni Dhibee Kanaan Qabaman 30 Galmaa'anii,Namootni 18 Tahan Du'aniiru.Haa Tahu Malee Lama Qofaatu Dhibee Iboolaan Tahuu Mirkanaa'e.

Kanaafuu Iboolaan Maaliif Irra Deebiin Dhufuu Dandahe, Weerara Dhukkubichaa Lixa Afrikaa Keessaa Ittisuuf Maaltu Hojjetamaa Jira?

Vaayirasiin Iboolaa tutuqaa xiqqoo dhangala'aa qaama nama vaayirasichaan faalameen dadarbu danda'a. Jalqaba mallattoonsaa kan utaalloo fakkatu argisiisu yeroo hundaa hin mul'atu.

Sababiin Argama Iboolaa magaalaa Bikooroo, magaalaa gabaa taatee fi magaalota kaaniitti dhiyoo jirtuu, lageen gurguddoo fi daangaa biyyittiti dhiyoo jiru waliin wal qabata jedhama.

Bakki kun bakka namootni baay'een waliitii dhufan, daldalaanii fi imalan waan taheef naannoo babal'ina dhukkubichaa ariifachiisudha dha.

Weerarri dhukkubichaa lixa Afrikaatti bara 2014 -2016 ganda daangaa Giinii irratti argamtu keessatti jalqabe. Namni jalqaba dhibichaan qabame daa'ima waggaa lamaa mudde bara 2013 kan du'e ture.

The last Ebola outbreak in the DR Congo was in 2017 and killed four people

Madda suuraa, Getty Images

Dhukubichi saffisaan biyyoota akka Giinii, fi biyyota ollaa akka Seeraaliyoon fi laayiberiyaa keessa babal'achuun to'annon ala tahee hanga magaalotatti babal'atee ture.

DR Koongoon biyyota lixa Afrikaa kaan irraa maayilii hedduu haa fagaattuyyuu malee dhibee Kanaan akka malee miidhamtetti.

Weerarri vaayirasii Iboolaa kanaan dura yeroo lama kan mul'ate yoo tahu bara 1976, naannoo Naazaraa Sudaan kibbaatti namoota 151 ajjeesuun namoota 280 tahan immoo naannoo Yaambuukuu ,naannoo laga Iboolaa maqicha itti argatteetti ajjeesera.

Weerarri vaayirasichaa ammaa kun salgaffaa yoo tahu,erga bara 2014-2016 as Koongoo keessatti qofa yeroo sadii mul'ateera.

Walumaa galatti weerarichi biyyoota lixaa fi gidduu galeessa Afrikatti yeroo 24'f kan galmaa'e yoo tahu,biyyoota kan akka Ugaandaa ,Sudaan,Gaaboonii fi DR koongoo keessatti mul'ateera.

Lakkofsi namoota du'aniis tokkoo hanga namoota 280tti galmaa'eera. Bakkeewwan saaxilamoo tahan yommuu adda baasnu yoomii fi eessatti akka irra deebiin ka'uu fi akkamiin tasumaa balleessun akka danda'amu garuu beekuun hin danda'amu.

Shimbirroon halkanii baattoo dhukkubichaa isa guddaadha jedhamti .Haa tahu malee namarraa gara namaattii karaa tutuqaa dhiiga,dhangala'aa nama faalamee fi bineensota kan akka Chinpaazii,Gorilla, Jaldeessaa, Gadamsaa fi Xaddeerraas namatti darbuu danda'a.

Weeraricha haala gaariin ittisuun ni danda'ama. Akkuma namootni muraaasa dhukkubsachuu fi du'uu jalqabaniin ,Qindoomina gaariidhaan yoo hojjetame dhibee kana yeroodhaan to'achuun ni danda'ama.

Fakkeenyaaf bara darbe yeroo DR Koongoo keessatti ka'e yeroodhaan to'atamee ture.

Thousands died as Ebola hit West Africa in 2014-16

Madda suuraa, AFP

Inni kanaan dura Kaaba biyyitti daangaarraa fagoo tahe keessatti waan uumameef isa ammaa caalaa miidhaa inni geesisie xiqqaa ure.

Ammas tarkaanfii ariifachiisaan baayee murteessaa taha, miidhaan ammaa du'aatii namota afurii fi namoota baraaraman afur irratti to'atamaa jira.

Gareen to'attootaa hojjetoota fayyaa, Saayintistoota DR Koongoo, Dhaabbata Fayyaa Adunyaa irraa fi dhaabbilee gargaarsaa irraa naannoo weerarri kun itti mul'atetti argamu.

Cimina fi gosa Vaayirasicha qorachuufi karaa tatamsa'ina isaa sakata'uun hojiisaanii jalqabaati.

Dhukubsataan vaayirasichaa akka hin jiraannef hojjechaa jiru. Namootni vaayirasichaan qabamaniiru jedhamanii fi walitti dhufeenya isaan waliin qaban buufataalee fayyaa keessatti wal'aanamaa jiru.

Namootni nyaata dhiyeessaniif meeshaalee ittisaan fuula haguugachuun,shurraba harkaa fi gaawonii godhachuun tutuqaa qaamaa fi dhangala'oof akka hin saaxilamnetti hojjechaa jiru.

Sumudni dhiiga dhukkubsatootaa sakata'insaaf gara labiraatoorii biyyaalessaa kinshaasaatti ergameera.

Talaallii qophaa'e

Vaayirasiin Iboolaa shan hanga ammaatti adda bahanii jiru.Isaan keessaa baay'ee cimaa kan jedhamu Zaayir strain jedhamuun beekama. Kun vaayirasii weerara ammmaf sababa guddaa tahe dha.Kanaafis talalliin qophaa'ee jira.

A suspected Ebola victim is treated in 1976

Madda suuraa, CENTERS FOR DISEASE CONTROL AND PREVENTION

Mudde bara 2016 yaalii talallii deeggarsa mootummaa UK fi Noorway irraa argameen gaggeefameen dhibee kana ittisuuf gahaa dha jedhamera.

Bara 2014-2016 keessaa kan qophaa'e tahus boodatti harkifatetti yeroosana kan dhufe. Bu'aan fides hagas mara hin turre.

Hanga ammattiyyu eeyyama guutuu hin qabaatiin malee galatni dhaabbilee idila adunyaaf haa tahu amma yaaliidhaaf gahaa akka aahe mirkanaa'ee dooziin kuma 30 tahu qophaa'eera.

Talallichi bilisaan kan kennamu koo tahu guyyota sadii hanga afuriif achi turu qabda.

Qajeelfamni dhaabbata fayyaa adunyaa talaalicha eeyyamuun dura iboolaan achitti argamuu qaba Jedha. Talaalichi namoota shakkaman, hojjetoota fayyaa fi namoota tutuqaa namoota faalaman waliin qaban hundumaaf kennama .

Murtoon kun ministeera fayyaa Dr Koongoodhaan darbe. Weerara amma ka'e kana hordofe mootumaan Dr Koongoo qophaa'aa tahu himera. Tahus biyyi kamiiyyuu qofaashee vaayirasicha to'achuu hin dandeessu.

Deeggarsi idila adunyaa fi gareen dursee qophaa'e to'annichaaf barbaachisaa dha. Weerarri kun garee biyya keessaf qormaata tahuu danda'a.

Hawwaasa adunyaaf garuu qorumsaa fi boqonnaa barnootaa biyyota lixa Afrikaa irraa argatan tahu danda'a.

Iboolaan haala salphaa taheen baduu danda'a jedhamee yaadamu baatus garuu yero gabaaba keessatti tatamsa'ina isaa to'achuun danda'ama.