Loltoonni Kongo Paarkii biyyattii Virungaa keessatti ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Biyya Rippablika Dimokratawa Koongootti loltoonni shaniifi konkolaachiftooti isaanii paarkii biyyaaleessaa Virungaa keessatti ajjeefamusaanii dubbi himaan dubbatan.
Garee kunis akn ajjeefama rephe loltoota shakkamtoota paarkicha keessa socho'aa jiraniin akka tasaa ajjeefamusaanii, Jolii Wengaamulaay BBC'tti himan.
Paarkiin Virungaa qabeenyaawwan beneensoota gosa adda addaa Afriikaa kan keessatti argamuufi Jardeeessa randaa Goreellaa jedhamuun beekamuufi badaarratti argamuuf mana ta'uun tajaajila.
Gareewwan hidhattoota baha RD Kongoo muraasni paarkicha keessatti lafa yeroo baayyee beenensoota itt qabatan keessatti bu'ureeffataniiru.
Virungaan nuusa qabeenyaa jalddeessoota 880 addunyaarratti hafaniif, leenca, harbaafi robiif mana ta'uun tajaajila.
Erga bara 1996 kaasee loltoonni 130 ol paarkichaa keessatti ajjeefamaniiru.
Gareen Baha RD Koongootti naannawa seermalessuun itti baay'atu yoo ta'u walitti bu'iinsa mootummaafi gareewwan hidhattoota addaa addaatiin miidhamaa kan jirtuudha.








