Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el godaantota Afriikaa biyyaa baasuuf karoora qabdu haqxe
Israa'el baqattoota Afriikaa biyyaa baasuuf karoora qabdu kan hambiste erga waliigaltee Ejensii Baqattootaa UN waliin waliigalte boodadha.
Inumaayyuu koolu galatoonni 16,000 ol tahan biyyoota Dhidhimaa birootti akka quubsifaman, waajjirri Ministira Muummee Beeniyaamin Neetaaniyaahuu ibse.
Kanneen hafan, 18,000 than ammoo achuma Israa'el keessa dhaabbin akka jiraatan taasifamu, miidiyaan Israa'el akka gabaasanitti.
Manni Murtii Olaanaa Israa'el biyyaa hari'uu Dilbata jalqabuuf ture dhaabsiseera.
Karoorri godaantota gara biyyoota Afriikaa - keessattuu Yugaandaa fi Ruwaandatti - erguuf jedhame rogeeyyii biyyattiin mormii cimaan mudateera, mormii cimaas kaaseera.
Karoorri haarayaan kun waggoota shanan keessatti kan hojiirra ooluudha. Waajjirri Mr. Neetaaniyaahuus waligalteen kun kan kanaan dura 'tehee hin beeknedha,'' jedheera.
Godaantonni kunniin baay'een isaanii Ertiraa irraati. Ertiraan paartii tokko qofaan kan hoogganamtu wayita tahu, hooggantoonni biyyattiis akka argannoo UN'tti yakkoota dhala namaarratti dalagamaniin himatamu.
Hedduun isaanis Masriirraa gara biyyattiitti waggoota muraasaan dura cehan. Isaan as garuu dallaan daangaa gammoojjii biyyoota lamaaniitti ijaarameera. Kunis warra seeraan ala cehan dhaabsiseera.