Filamuu Dr. Abiy Ahimad irratti miidiyaaleen hawaasummaa fi kanneen biroo maal jedhan

Madda suuraa, Bashir Abdikadir Farah
Manni maree Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa torban darban keessa gabaasawwan koree hojii raawwachiftuu dhaabbatichaa erga gamaggamee booda, Dr. Abiy Ahimad Dura taa'aa, Obbo Dammaqaa Makonnin ammoo ittaanaa dhaabiichaa gochuun filateera.
Kanumaanis BBC dabalatee miidiyaaleen addunyaa garagaraa oduu kana gabaasaa jiru. Miidiyaalee hawaasumaarrattis akkasuma.
'Filannoon [Dr] Abiy Ahimad demookraasiif injifannoodha,'' jedhan fayyadamaan tokko.

Namoonni kaanis erga baga gammadde jedhanii booda, hojii guddaatu fuulduratti eeggata jedhaniiru.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 1
Kaanis walaloon miira itti dhagahame akkasitti ibsataniiru.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 2
Dr. Abiy Ahimad seenaa Itoophiyaa keessatti ministira muummee bifa diimokiraatawaa ta'etti siquun filame isa jalqabaati.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
ADWUI'f hoggana gahuumsa qabu filachuu keessatti qooda dhaabni naannoo Amaaraa (WDSA) bahe ibsuuf wanti dubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Nigusuu Xilaahun Facebook irratti barreessanis xiyyeeffannaa miidiyaalee argateera.
Dhaabbileen miidiyaa kanneen akka Al Jazeera English gabaasaniiru.

Ministirri muummee haaraa na gaddisiisu, Yeroo kanatti ministira muummee ta'uun, abidda keessatti akka darbatamuuti kan jedhanis hin dhabamne.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Warri kaanis muudama kanaaf galata kan fudhatan pireezidantii naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaati jedhu.














