Namooti siyaasaa dhiyeenya hidhaa bahan, hidhaatti deebi'an

Gaazexeessaa Iskindir Naggaa dabalatee dhiyeenya kana hidhaa irraa kan gadi dhiifaman gaazexeessitooti, biloogarooti fi namooti siyaasaa kaleessa Finfinneetti qabamanii hidhaman.
Bifuma wal fakkaatuun magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahirdaar keessattis beektonni fi namootni siyaasaa hedduun poolisiin qabamuun gabaafameera.
Wareen Finfinneetti qabaman simannaa namoota hidhaa irraa hiikamaniif mana jireenyaa gaazexeessaa Temesgen Dessaalenyitti qophaa'erraa kan qabaman wayita ta'u, isaaniis warren dhiyeenya kana hidhaa irraa hiikaman kan akka Temesgen Dessaaleny, Iskindir Naggaa, Andu'aalam Arraagee fi Zalaalam Warqaagenyehu ni dabalata.
Maahileet Fantaahun, Bafiqaaduu Haayiluu, Woyinisheet Mollaa, Addisuu Geetinnat, Yidneqaachewu Addis, Sintaayyehu Chakkol fi Tafarraa Tasfaayee namoonni jedhamanis waliin qabamanii jiru.
Namoonni qabaman erga gara buufata poolisii geeffamanii booda, sababni itti qabaman walgahii hayyama hin qabne gochuu isaaniitiin akka ta'e maatii namoota hidhaamanii keessaa tokko himeera.
Bakka sagantichi itti saganteeffameetti alaabaan Magariisaa, Keelloo fi Diimaa urjii ofirraa hin qabne fannifamee tures sababa qabamuu jara kanaafi himannaa jalqabaa buufata poolisiitti irratti dhiyaate akka ta'es barameera.
Namoonni qabaman hundi buufata poolisii naannoo Jamoo jalqaba geeffamanitti erga jecha isaanii kennanii booda galgala gara buufata poolisii biraatti geeffamuufi achuma buluu isaanii obboleessa Temesgen Dessaaleny kan ta'e Taarikuu Dessaaleny himee jira.
Gama kaaniin namoonni 15 ol Sambata darbe Baahirdaaritti qabaman, sabaabaan itti qabaman osoo hin ibsamiin hidhamanii jiraachuun isaanii barameera.
Namoota hidhaman kanneen keessa hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanoo hedduun jiraachuufi lakkoofsi isaanii kan himamee ol ta'uu akka malu namni maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko BBC'tti himee jira.
Warreen hidhaman kunneen buufata poolisii 9ffaa magaalaa Baahirdaar akka jiran himameera.












