Oggantoonni ANC eegeree oggansa Zumaa irratti murteeessuuf walgahuuf

Madda suuraa, Getty Images
Ogganaan paartii siyaasa Afriikaa Kibbaa (ANC) haala eegeeree pirezidaanti Jaakoob Zuumaa irratti murteessuuf har'a walgahuuf.
Ogganaani paartichaa Siiyriil Raamaafoosaa haalichi 'ofeegannoofi kaayyoon' gaggeefamu qabas jedhaniiru haasawa Dilbata taasisniin.
''Haalli kun attatamaan akka to'atamu akka barbaaddan ni beekna,'' jechuun ture hirmaattoota kanaba guyyaa dhaloota pirezidaantii duraanii Nelsan Maandeellaa irratti argamaniif kan ibsan.
Mr Zumaa namni umuriin waggaa 75, erga waggoota sagaliif taayitaarra turaniin booda malaamaltummaan cimaan himatamaa jiru
Kongirasiin Biyyaalessaa Afriikaa (ANC) akka jedheetti Koreen Hojii raawwachiftuu Biyyaaleessaa (NEC) isaa Wiixata walgahuun eegeree Mr Zumaa irratti murtessu ta'a.
Gabaasaan BBC Andrew Haarding akka jedhettis korichi Mr Zumaaan taayiitaa irra akka bu'an gaafatu ta'a.
Torbaan darbee Mr Zumaa fi Mr Raamaafosaa itti aanaa ogannaa paartichaa jidduutti era haasaan taasifameen booda NEC walgahii walfakkaataaf waamicha taasisee ture.
Mr Zumaan erga Mudeetii asi erga Mr Raamaafoosaa Paarticha akka oggananiif bakka buufamanii booda akka taayitaa gadi lakkisanif dhiibbaan itti cimee jira.

Madda suuraa, Reuters













