Taphataan kubbaa miillaa durii Joorji Wiiyaa pireezidantii Laayibeeriyaa ta'e

Pirezidantiin Laayibeeriyaa Joorji Wiiyaa Istadiyoomii Samuu'eel Kaayoon Doo'etti argamuun wayita sirna eebbaa hordofan, Monorooviaa, Laayibeeriyaa, Amajjii 22, 2018

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna dabarsa aangoo kana irratti argamuuf namoonni kumaatama kudhaniin lakkaa'aman gara Istaadiyoomii Saamu'eel Doo'e, monooroviyaa deemaniiru

Taphataa kubbaa miilaa durii kan ta'e Joorji Wiiyaa kakuu raawwachuun pireezidantii Laayibeeriyaa ta'e.

''Waggoota hedduu umurii kiyyaa istaadiyemii keessatti dabarseera, har'a garuu kan natti dhagahamu waan addaatti,'' jechuun pireezidant Wiiyaaa magaalaa gudditti Monorooviyaatti haasaa godhaniiru.

Bara 1944 irraa eegalee - Laayibeeriyaa keessatti hoogganaa karaa demokraatawaa ta'een filamee gidduutti aangoon wayita darbu kun yeroo jalqabaafi.

Obbo Wiiyaan, biyya walwaraansa keessa turtetti nageenya fiduu isaaanii ilaalchisee pireezidantii isaan dura turan Eelen Joonsaniin galateeffataniiru.

Wayita eebba isaanii haasaa godhaniinis, ''hatattamaan nan sirreessa'' jedhee hin abdachiisu, garuu gara galma guddina lammiilee Laayibeeriyaa sanaatti dafee nan qajeelcha jechuun Obbo Wiiyaan dubbataniiru.

Wayita haasa isaanii kanatti, dursa kan kennan, malaammaltummaa irratti waraana banuu fi hojjattoota mootummaaf ''mindaa jiraachisu'' kaffaluu, akkasumas dhabbattoota dhuunfaaf Laayibeeriyaan ''daldalaaf banaa akka taate'' agarsiisuudha jechuun dubbataniiru.

Namoonni kumaatama kudhaniin lakkaawaman eebba isaanii irratti argamuuf gara istaadiyemii Saamuu'eel Doo'e Moonorooviyaatti kan argamu kan galan wayita ta'u hiriirri kanaas sa'aatii dheeraaf akka ture barameera.

Laayibeeriyaanonni gammachuu isaanii yoo ibsatan, Amajjii 22, 2018

Madda suuraa, EPA

Pireezidant Wiiyaa kakuu waajjira pireezidantummaa kana kan raawwatan naannoo sa'aatii 10:00 waaree booda (A.L.I) wayita ta'u bakka tilmaamaan namoonni hanga 35,000 argamanitti ture.

Pireezidantiin haaraa Laayibeeriyaa harka isaanii kaasuun yoo kakatan, Amajjii 22, 2018.

Madda suuraa, Reuters

Taphataa beekamaan Kaameeruun kan ta'e Saamuu'eel Eetoo dabalate, pireezidantii Gaanaa, Gaaboon fi Seeyraa Liyoon sirna seena qabeessa kana irratti argamaniiru.

Saamu'eel Eetoo (gidduu) sirna kakuu kanarratti yeroo argametti, Monrooviyaa, Laayibeeriyaa, Amajjii 22, 2018.

Madda suuraa, Reuters

Laayibeeriyaatti aangoo pireezidantummaa dabarsuuf kan deeman Siirleefis sirna kana irratti argamaniiru. Afriikaa keessatti pireezidantii dubartii jalqabaa ta'uun kan filataman Aadde Siirleef, ''bu'ura nagaan irra dhaabbannu nuuf ijaaruu keessaniif,'' galata isiniif qabna jechuun Obbo Wiiyaan galateeffataniiru.

Sirna kakuu kanarratti Pireezidantiin Laayibeeriyaa duraanii Eelan Joonsan argamaniiru

Madda suuraa, Reuters