Afriikaa suuraadhaan: Muddee 30,2017 - Amajjii 4,2018

Suuraawwan babbareedoo Afriikaa torban kanaa.

Doo'attoonni sirna ayyaana bara haaraa Zimbaabwee naannawa Fincaawaa Viktooriyaatti kabajameen wayita qalbiinsaanii booji'amu, Amajjii 1,2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Doo'attoonni sirna ayyaana bara haaraa Zimbaabwee naannawa Fincaawaa Viktooriyaatti kabajameen wayita qalbiinsaanii booji'amu.
Gurmuun namootaa jalqaba bara haaraa irratti wayita Naaroobii, Keenyaa keessatti gammadan,Amajjii gaafa Wiixata 1,2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Bara haaraatti ce'uuf wayita lakkoobsi lakkaawamu lammiileen Keenyaa magaalaa Naaroobii galma guddicha Keenyaataatti wal gahan gammachuusaanii ibsan.
Tuutni namootaa laga Afriikaa Kibbaa magaalaa Darban keessa jiru wayita daakan, Amajjii gaafa Wiixata 1,2018.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Afriikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti walgahuun bishaan daakuudhaan bara haaraa 2018 simatan.
Daa'imman Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa naannoo paarkii Miliiniyemiitti sirna tapha ijoolleetiin wayita bara haaraa simatan amajjii, Wiixata 1,2018.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa guyyaa Wiixataa sirna tapha ijoolleetiin wayita bara haaraa simatan.
Keessummeessitoota geejjiba baaburaa Finfinnee-Jibuuutii buufata Jibuutii Nagaad, Amajjii, Roobii 03,2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Roobii darbe , keesummeessitoonni geejjibni baaburaa Finfinnee irraa Jibuutii geessuu inni haarawaan eebbifamu buufata baaburaa Jibuutii Nagaad jedhamutti kan ka'an.
Guyyuma kana, baqattoonni Eritiiriyaa gammoojjii Israa'elii fi Ijipti daangessu keessa taa'anii wayita dhuguu fi shiishaa bishaanii xuuxuun bashannanan, Amajjii, Roobii 03, 2018

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma kana, baqattoonni Eritiiriyaa gammoojjii Israa'elii fi Ijipti daangessu keessa taa'anii wayita dhuguu fi shiishaa bishaanii xuuxuun bashannanan.
Loltoonni kabaroo isaanii qabatanii fuula dura Pirezidaanti Omar al-Bashir magaalaa Kaartum wayita dhaabatan, Dilbata gaafa Muddee 31,2017.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe, Pirezidaantiin Sudaan, Omar al-Bashir, kabaja waggaa 62ffaa guyyaa walabummaasaanii itti gonfatanii magaalaa Kaartumitti geggeeffame irratti argamuun haasawa wayita taasisan.
Tikeen loonii wayita lafa dhoqqaawaa Taanzaaniyaa oddoola Zaanzibaar keessatti aara galfatan, Dilbata gaafa muddee 31 ,2017

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma kana, tikeen loonii muraasni wayita lafa dhoqqaawaa Taanzaaniyaa oddoola Zaanzibaar keessatti argamu keessatti aara galfatan.