Paartiin Afriikaa Kibbaa ANC'n Siiriil Raamaafosaa akka ogganaatti muude

Siiriil Raamaafosaa wayita duula filannoo gaggeessan Port Elizaabet, Afriikaa Kibbaattti Bitooteessa bara 2016.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Siiriil Raamaafosaa waa'ee malaamaltummaa biyyattii cimsanii dubbatan

Paartiin Biyyaaleessaa Afriikaa (ANC) kan afriikaa kibbaa bulchaa jiruu Siiriil Raamaafosaan akka Jaaqoob Zuumaa bakka bu'uun ogganaa paartichaa ta'uuf filateera.

Itti aanaan Pirezidaanitii biyyattii adeemsa keenniinsa sagaleetiin ministeera kaabinee kan duraanii Mr Nkosaazaanaa Dlaamiinii- Zuumaa haadha warraa duraanii Mr Zuumaa mo'achuun tura kan filataman.

Mr Raamaafosaa filannoo bara 2019tti pirezidaantii ta'uuf sadarkaa cimaaa irratti argamu.

Dorgommiin ogganisichaas waldiiddaa siyaasaa cimaa fi paartiichi bakka lamatti foxxooqu danda'a soodaa jedhu uumee ture.

Mr Ramaphosa defeated Ms Dlamini-Zuma by 2,440 votes to 2,261, an ANC spokesperson announced.

Bu'aan filannichaa garuu bakka bu'oota paartichaa Johaansbargii fi daandiiwwan magaalatiitti gammachu isaanii akka ibsatan taasiseera.

Gabaasiwwan midiyaalee akka eeraniitti, isaan dura kan tursiifameef waan Mr Dlaamini- Zuumaa irra deebiin sagaleen akka lakkaa'amuuf barbaadanii ture jedhu.

Adeemsi kenniinsa sagalees guyyaa Dilbataa eegale.

line break

Siiriil Raamaafosaa gabaabumatti:

Siiriil Raamaafosaa

Madda suuraa, AFP

  • Bara 1952 tti Soweto Johaansibargi keessatti dhalatan
  • Bara 1974 fi 1976 sochii farra apaartaayidii taasisuun hidhamanii ture
  • Bara 1982 tti Gamtaa hojattoota albuudaa biyyaaleessaa labsan
  • Dura taa'aa Koree Simataa biyyaaleessaa kan Nelsan Maandeellaa bara 1990tti hiihdaadhaa gadi lakkisee turan
  • Bara 1994'tti miseensa mana maree fi dura ta'aa gumii heeraa tura.
  • Bara 1997'tti gutummaan gara daldalaatti galuun daldaltoota sooreessoota Afriikaa kibbaa keessaa tokko ta'an.
  • Bara 2012'tt wayita ajjeechaa Maarikaanaa boordii Lonmi keessa turan.
  • Bara 2014'tti tti aanaa Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa ta'an
  • Bara 2017'tti Oggannaa ANC ta'un filataman.
Jaakoob Zuumaa fi Siriilii Raamaafoosa

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Jaakoob Zuumaa mo'icha Siriilii Raamaafoosa dhugaan hin simatan ta'a