Paartiin Afrikaa Kibbaa ANC'n ogganaa haaraa filachuuf

SuuraaNkosaazaanaa Dlaaamini-Zuumaa fi Kaayiril Raamaafosaa

Madda suuraa, Reuters/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Oggansa ANC keessatti dorgomtoota lamaan, Nkosaazaanaa Dlaaamini-Zuumaa fi Kaayiril Raamaafosaa

Paartiin Afriika Kibbaa biyya bulchaa jiruu Kongrasiin Biyyaalessaa Afriikaa (ANC) akka ogganaa paartichaatti duraan Jaaqoob Zuumaa bakka kan bu'an namoota lama filatee ture.

Isaanis itti aanaa Pirezidaantii Kaayiril Raamaafosaa f minisitira kaabinee duraaniifi haadha warraa Mr Zuumaa kan duraa Nkosaazaanaa Dlaaamini-Zuumaa dha.

Kaadhimamtoonnis taayitaawwan paartiichaa kan biraa shaniif filatamanii turan.

Miirrii baayyee ol ka'eera, baakka bu'oonnis kan kenniinsa sagalee irraatti komii qaban fakkeenya walitti iyyaa jiru.

Haalli kunis paartichi filannoo bara 2019 dura bakka lamatti akka hinfoxxoqnee soodaa umeera.

Mr Zuumaan paartichii rakkina keessaa fi daandii 'qaxxaamuraa' irraatti kan argamu ta'u akkeekachiisaniiru.

Paartiin kunis erga biyyattiin bara 1994tti Nelsan Maandeelaan gara dimokraasiittti ceetee kaasee ongansa irratti argama.

Bakka bu'oonni kuma shanii olii ta'an kan konfaransii filannoo ANC guyyaa afuriif jiddugala Eksipo Johaansibargi keessatti gaggeefamu irraatti qooda ni fudhatu.

Mr Raamaafoosaan filatamtoota dame 1,469 kan qaban yoo ta'u, 1,094 ammoo Ms Dlaamiinii Zuumaafiidha.