Biyyoota Garee E jalatti ramadaman afran

Neyimaar Juuniyar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan sarara duraa Paaris Seent Jermeen Neyimaar, taphataa qaalii addunyaa kanaati.

Ramaddiin garee biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii ba'eera. Garee E jelattis biyyoonni kunneen ramadamanii jiru.

1. Biraaziil

Injifattuu taphoota waancaa bara 1958, 1962, 1994 fi 2002 kan taate Biraaziil, tapha waancaa addunyaa waggoota afur dura keessummeessan irratti Jarmaniin 7-1'n injifatamuun walakkaa xumuraa darbuu dhaban.

Taphataa Ijoo: Neymaar. Taphataan maallaqa riikoordii addunyaatiin gara Paaris Seent Jermeenitti imale kun tapha tokkorratti avereejiin galchii tokkoo galchuu fi kubbaa galchiif ta'u tokko mijeessee kenna. Taphataan beekamaan biyyatti Peeleen dargaggeessi ganna 25 kun taphataa cimaa biyyattiiti jedhe.

Leenjisaan eenyu: Tiitee wayita leenjisaa duraanii Dungaa bakka bu'ee Biraaziil leenjisuu eegalu, biyyattiin gulaallii marsaa sadaffaan sadarkaa 6ffaa irra jirti. Tiitee nama ganna 56ti.

2. Siwiitzerlaand

Hirmaannaa Waancaa Addunyaa 11ffa isheeti. Dorgommii bara 1954 qopheesite dabalatee yeroo sadii nuusa xumuraaf geesseetti. Bara 2014'tti carraan nuusa xumuraatti makamuuf qabdu yeroo dabalataa kenname keessati goolii itti galeen Arjantiinaatiin injifatamteetti.

Garee Iswiitzerlaand

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheesitu kana irratti hirmaachuuf Siwiitzerlaand tapha cinqiin guutameen Kaaba Ayerlaandiin injifatte.

Taphataa ijoo: Zhiheerdaan Shaakiiri. Taphataan kilaba Istook Siitii biyya isaaf gooliwwan 20 lakkofsiseera. Waancaa Addunyaa bara darbee irratti tapha Honduraas waliin taphatan irratti haatriika hojjeteera.

Leenjisaan eenyu? Vilaadimiir Petkooviich. Bara 2014 irraa eegalee garee kana leenjisaa jira. Bara darbe gareen isaa dorgommii Waancaa Addunyaan marsaa itti aanutti ce'uu danda'eera. Dhalataan magaalaa Saraayeevoo kun paaspoortii Siwiitzerlaand kan qabu yoo ta'u, bara 2013 leenjisaa Laaziyoo ta'uun kooppaa Itaaliyaa mo'ateera.

3. Koostaa Rikaa

Barana waancaa addunyaa irratti yoo hirmaatan yeroo shanaffadha. Bara 2014 Biraaziil kessatti garee Uraaguwaay, Italii fi Ingilaand keessa turan kessaa tokkoffaa ta'uun ximurtee nuusa xumuraa irratti peenaalitiin Neezarlaandiin injifatamtee taphaan ala taate.

Keeyloor Naavaas

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naavaas gulaallii yeroo darbanitti gammachuusaa akkasitti ibasachaa ture

Taphataa Ijoo: Taphataan sarara ittisaa Boolonyaa Giyaankaarlo Goonzaaleez taphattoota ciccimoo 11 waancaa addunyaa 2014 irratti BBC'n filataman keessaa tokko ture. Amma garuu gareen biyyaalessaa biyyattii kan hirkoo godhate Keeyloor Naavaasidha.

Gahuumsi gooli eegaan kun tapha waancaa addunyaa bara 2014 irratti agarsiise gara Riyaal Maadriid akka seenu isa gargaaree jira. Achittis liigii Ispaanish tokkoo fi Chaampiyoons Liigii lama garicha waliin injifachuu danda'eera.

Leenjisaan Eenyu: Bara 1990 wayita Koostaa Riikaan waancaa addunyaaf dabartu Oskaar Raamireez taphataa garichaa ture. Erga tapha dhaabe hojii leenjisummaa eegalee, gahuumsa cimaa fi dandeetti waa uumuu qabaachuun injifannoowwan hedduu kilaboota gara garaa waliin galmeessisee jira.

4. Sarbiyaa

Sarbiyaan Waancaa Addunyaa irratti yeroo hirmaattu inni Raashiyaa kun isa 12ffaa dha. Bara 2006 fi 2010 marsaa itti aanutti darbuu hin dandeenye.

Biraanislaav Ivaanooviich (huccuu diimaa)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biraanislaav Ivaanooviich biyyaa isaa Sarbiyaaf yeroo 95 hiriiree taphateera.

Taphataa ijoo: Biraanislaav Ivaanooviich hirmaannaa isaa dhibbaan gahuuf dhihaateera. Taphataa garichaa isa cimaadhas. Dursaa taphattootaa garichaati. 'Isin bakka buunee Raashiyaatti taphachuuf hawwiin eegaa jirra'' jechuun erga hirmaanna isaanii mirkaneeffatanii booda deeggartootaaf ibsa kenneera.

Leenjisaan eenyu: Silaavoljuub Musliin. Itti gaafatamummaa garee kanaatti kan dhufe bara 2016'tti. Leenjisaa daandii dheeraa dhufe dha. Sadarkaa idil-addunyaatti Kun hirmaannaa isaa isa jalqabaati. Bulgaariyaa keessatti injifannoowwan jajjaboo qabaatus dorgommi guddaa akkasiif haaraa dha.