Biyyoota Garee A jalatti ramadaman afran
Ramaddiin garee biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii ba'eera. Garee A jalattis biyyoonni kunneen ramadamanii jiru.
1. Raashiyaa
Raashiyaan qopheessituudha. Istaanislaav Cherchesoviin kan hogganamu gareen kubbaa miilaa Raashiyaa garee afraffaa waancaa addunyaa irratti hirmaattudha.
Bara 1996 afraffaadhaan waancaa addunyaa xumurte. Miseensonni garichaa waancaa Konfedereeshinii Raashiyaa bara 2017 keessa turan hundi isaaniiyyuu kilaboota biyya keessaaf taphatu.
Taphataa ijoo: Manii eegaan duraanii Igoor Akiinfiiv waancaa 100 ol injifateera, kanaaf muuxannoonsaa baayyee bu'a qabeessa. Namni waggaa 31 kan umuriisaa guutuu CSKA mooskootti dabarse dursaa sirna taphichaa ta'uu danda'eera.
Leenjisaan eenyu: Cherchesoov erga waancaa konfedereeshiniitii as gareesaa qindeessaatti jira, muuxannoon horatan akka ga'umsa ta'uuf dubbate. Manii eegaan Sooviyeet Yuuniyenii duraanii fi kan Raashiyaa ammaa kan ta'e namni kun ganna dhufu kana nuusa xumuraaf akka ga'u karoorfatee jira.
2. Saa'udii Arabiyaa
Sawudii Arabiyaatii sadarkaa Waancaa Addunyaatti mo'ichi jalqabaa kan bara 1994 yeroo taphaa garee lamaanii mo'achuun marsaa lammaffaa itti qaqqaban ture. Mo'ichi lammaffaan kan Beeljiyeemiin 1-0 ittiin mo'atan akka gooliiwwan jiran keessaa addatti ilaalamtu kan taphataan sarara duraa isaanii Sa'id Al Owa'iraan dirree walakkaa ofii keessaa ka'ee hanga dirree iittisa walakkaa Beeljiyeemitti fiigee lakkoofsise ture.

Madda suuraa, Carlos Rodrigues
Taphataa Cimaa: Taphataan fuula duraa muuxanno qabu Nassir Al Shamraaniin ga'ee guddaa taphata. Bara 2014 taphataa cimaa Eeshiyaa kan ta'e amala addaa qabaachuu danda'a sababiinsaas yeroo tokko Tapha Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa 2014 xumuraa irratti gareen isaa AL Hilaal yeroo mo'amutti taphataa Westerni Sidinii Wandereersi kan ta'e Maatiwu Ispirnoovichiin dha'uun dura itti tufee taphoota saddeti adabame.
Eenyu leenjisaan? Gaaffii gaariidha. Beerti vaan Marwiik hanga calallii darbanitti cimsaa turee garuu xumura milkaa'ina kana dura guyyaan muraasni hafee osoo jiruu gadi lakkisnaan leenjisaan arjentiinaa duraanii Edgaardoo Bu'aazaa bakkasaa bu'eera.
3. Masrii
Masriin sadarkaa FIFA tiin amma sadarkaa 30ffaarra jirti, Neezarlaandis irraa sadarkaa tokkoon gadi buutee. Waancaa Adduunyaa 2010 fi 2014 irratti gulaallii darbuu dadhabdee kan hin hirmaanne biyyi Fara'oonotaa, Mohaammad Saalaah Onkololeessa 8 galchii sa'aatii dhumaa Koongoo irratti lakkoosisee jennaan dabarte.
Masriin waltajjii guddaa irratti yeroo dhumaaf kan hirmaatte bara 2010 yeroo Waancaa Afriikaa si'a torbaffaaf injifattetti ture.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa adda-duree: Mohaammad Saalaah, taphataa cimaa Liivarpuuliif ganna darbetti mallatteesse fi taphataa Masrii dandeettii addaa qabu dha. Taphataan fuulduraa saffisa guddaa qabu kun, taphoota 56 irratti galchiiwwan 5 gulaallii Raashiyaaf lakkoofsise dabalatee, biyyasaaf galchii 32 lakkoofsisuu danda'eera.
Leenjisaan eenyu? Nama lammii Arjentiinaa ta'an Heektari Kuuppari, kana dura Vaaleensiyaa fi Iintar Miilaan kan leenjisan yoo ta'u, Bitootessa 2015'tti leenjisaa ta'uun muudamani.
Kana dura bara 2008 fi 2009 gidduu Jiyoorjiyaa kan leenjisan yoo ta'u, waltajjiin guddaa irratti hirmaatanii beekan Waancaa Afriikaa 2017 Kaameeruuniin xumurarratti 2-1 itti injifatamani dha.
4. Uraaguwaay
Uruguwaay Waancaa Addunyaa isa jalqabaa bara 1930 taphatame biyya injifatte dha. Achii boodas kan bara 1950 qophaa'e injifattee jirti. Sana booda garuu gareelee 16 keessa galuu kan dandeesse bara 2014 Biraaziilitti ture.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa Ijoo: Luwiis Suwaareez. Taphataan sarara fuulduraa Baarseloonaa Suwaareez, taphata biyyattii galchii hedduu galche dha. Tapha gulaallii xumuraa waancaa addunyaa baranaa Booliviyaa waliin taphatan irrattis galchiiwwan lama galchuu danda'eera.
Leenjisaan Eenyu: Oskaar Tabaareez erga bara 2006 as Uraaguwaay leenjisaa jira. Waancaa Koppaa Ameerikaa bara 2011 injifachuus danda'eera.












