Waa'ee Zimbaabwee waan haaraa: Mugaabeen yeroo duraaf erga waraanni biyyattii to'ate as ummatatti mul'atan

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Zimbaabwee Roobart Mugaabee erga gaafa Roobii waraanni biyyatti to'ate as har'a yeroo duraaf ummatatti mul'atan.
Sagantaa eebbaa magaalaa guddoo biyyattii Haraaree qophaa'e irratti argamaniiru.
Obbo Mugaabeen guyyoota muraasaaf mana keessaa akka hin baane dhorkamani ture. Nama isaan bakka bu'u irratti falmiin taasifamu isaa hordofe waraanni biyyatti gidduu seene.
Waraanni biyyattii Mugaabee waliin ''mari'ataa'' akka jiruu gaafa Jimaataa kan beeksise yoo ta'u, akkuma xumurameen ummataaf akka ifa godhu ibseera.
Namni Rooytarsiif haasa'e akka dubbatetti Obbo Mugaabeen erga dubbatani booda ummanni harka walitti rukuteeraaf.
Mugaabeenis namoota sagantaa sana irratti hirmaatanitti dabalamuun faaruu alaabaa biyyatti faarsuun afaa diimaa irratti suuta deemani turan.

Madda suuraa, EPA
Sagantaa kana irratti haati warraa isaanii Girees Mugaabee, ministirri barnootaa Jonaataan Mooyoo hin argamne.
Sagantaa ebbaa irratti hirmaachuun waan waggaa waggaattii taasifamu ta'uus erga mana keessa hidhamani booda isa baranaa irratti hin hirmaatu jedhamani akka hin eegamne gaazexessaan BBC Andiriiw Hardiing Zimbaabwee irraa gabaaseera.
Obbo Mugaabeen torban darbe haadha warraa isaanii Girees Mugaabee dura teessuu dhaaba siyaasaa 'Zanu-PF' akka ta'an caalsifatani pirazidaantii itti-aanaa Emarsan Minaangiwaa aangoo irraa buusani erga buusani booda waraanni biyyatti to'achuun isaa ni yaadatama.
Waan ifa hin taane
Xiinxala Meerii Haarpar, Editara 'BBC World Service Africa'
Obbo Mugaabeen sagantaa Mugaabee irratti hirmaachuun isaanii wanti hunduu akka nagaa ta'e fakkeessa, garuu miti. Waa'ee hiree fuulduraa isaanii irratti waan ifa hin taane dabala.
Waraanni guyyoota sadiif biyyatti to'ataa jira. Gargaarsa jila Afrikaa Kibbaa irraa dhufaniinis obbo Mugaabee waliin mari'acha ajiru.
Bulchaan muuxannoo waggaa dheeraa qaban kuni akka aangoo gad-lakkisan dhiibbaan itti cimuus waggoota 37 boodas hin bu'u jedhani aangootti cichaa jiru.














