To'annaa Zimbaabwee: Qabxiilee shanan beekuu qabdan

Gurgurtoonni gaazeexaa naannoo matadureewwan haala biyyattii keessaa waliin

Madda suuraa, AFP/getty

Raayyaan waraanaa biyya to'achuun pirezidaant Mugaabeen osoo hidhaa jiran kanatti, addunyaan waanti kun garamitti deemaa jira jechaa jira. Kana keessattis, wantoota gurguddoo beekuu qabdanii fi haala biyyattiin keessa jirtu tokko tokko yaa ilaalu.

1. Diingadeen manca'ee jira

Waggoota kudhan darban keessa Zimbaabween kufaatii dinagdee isa tokko gara isa biraatti darbaa turteetti. Tilmaamni hojii dhabdoota biyyattii garaagarummaa qabaatullee, walta'insi hojjettoota biyyatti inni guddichi akka jedhuutti, bara kana keessa hojii dhabdoonni %90'n guddataniiru.

Zimbaabween qaala'iinsa jireenyaa bara 2008 haalaan dabalee waliin hedduu qabsaa'aa turteetti. Biyyattiin maallaqa ishee garmalee gadi bu'uu isaarraa kan ka'e doolaara $1 bituuf maallaqa Zimbaabwee kuwaadriliiyoonii 35'n jijjiiruuf dirqisiifamteetti. Kunis maallaqa biyya alaa fayyadamuu jalqabuuf jecha.

Jiraataa magaalaa Haarar resident qarshii hanga up 1,000 and 50,000 dollar notes because of inflation, in 2006

Madda suuraa, AFP/Getty

Sababa yeroo dheeraaf walitti aansuun xiqqaachaa dhufuu maallaqaa jijjiirraa biyya alaa irraa kan ka'e mootummaan doolaara mataa isaa 'boondi noots' jedhamu maxxansullee yeroo gabaabaa keessatti gatiin isaa gadi kufeera.

Namoonni maallaqa baankii kaa'atanii turanis maallaqa isaanii argachuu hindandeenye yookaan hanga isaan baafachuu danda'an ni murteeffame. Barbaadanii argachuun rakkoo guddaa ta'e.

2. Mugaabeen yeroo murtaa'aaf mata duree haasaa namoota baay'ee ta'anii turusaanii

Hogganaa waggaa 93 jalqaba irratti goota Zimbaabwee bita warra adii jalaa gara bilisummaatti fide, jedhame ilaalama turan Mugaabeen, gara booda kana aangootti cicuun yeroo dheeraa turuun qeeqxoota isaanii joonjeessaa turaniiru.

Haa ta'u malee, obbo Mugaabe fi deggartoonni isaanii mataa fi paartii ofii qabeenyaa uumataa fayyadamuun goolii uumuundhaan aangoorra turuu danda'aniiru.

Paartiin isaanis nuti Kaappitaalistii fi Koleenefamu waraannaa haa jedhan malee dinagdee biyyatti ilaalchisee deggartoonni isaanii illee utuu hinhafiin midhamoo ta'aniiru.

Mugabe speaking to the press in 1998 about African prize for leadership he would go on to recieve

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo baay'ees, kanan aangoo gadhiisu yoo ''waraaqsi'' keenya galma gaheedha. Kunis ta'ee nama isatti aane mo'u immoo ofiif filuu barbaadu - haala amma ta'e kana kan fides wayita ammaatti pirezidaantichi fayyaa dhabaa dhufuu isaaniti.

3. Duras mormiin tureera

Bara 1980 keessa daawwannaa Ingilizotaatiin filannoo bilisummaa geggeefame irratti ministera Muummee ta'anii wayita Obbo Mugaabeen taayitaatti dhufanii jalqabee, mormiin tureera.

Bara 1987 keessa heera biyyattii jijjiruun pirezidaantii ta'an. Bara 1999 keessa immoo paartiin Sochii Jijjiirama Dimokraasiif (Movement for Democratic Change - MDC) erga hundeeffamee booda diinagdeen kufaa dhufuun walqabatee hiriiraa fi fincila, akkasumas hojii dhaabuun irra caalaatti cime.

Ministira Mumee Zimbaabwee Morgaan Tsiyaangirii Haaraatti yoo midiyaaf ibsa taasisan Adoleessa 3, 2013

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Mummee duraaniifi ogganaan paartii mormituu Morgaan Shaangaaraay gara biyyaatti deebi'usaanii dubbatamaa jira

Goolii uumuun aangoo cimsachuu caalaa hacuuccaa mormitoonni siyaasaa irratti uumuu fi akka hirmaanna hingoone gochuutti milkaa'ani. Itti aanaan prezidaantii kan turan Emeersan Mnaangaagwaas dhiheenya kana taayitaa irra ari'aman.

Haala akkanatiin dhiheenyatti haadha warraa isaanii Grees Mugaabee akka nama isaan bakka bu'u danda'u tokkootti dhiheesuun isaanii kun abba irrummaa heddu akka baay'isanitti fudhatame.

4. Hooggansi haaraa mudamus jijiiramni guddaan dhufu dhiisu mala

Taayitaarra ari'amanii kan turan Mr Mnaangaagwaa gara biyyaatti deebi'uun Mugaabee bakka bu'anis waan garaa garummaa qaban hinfakkaatu.

Isaaniis qabsaa'oo bilisummaaf lolan keessaa tokko wayit ta'an, raayyaa waraanaa, dhabbata intelejansii (tikaa) fi paartii Zaanu-PF gidduutti akka riqichaatti nama ilaalamaniidha. Wayita waraansi uumata gidduutti dhalatee fi haleellaan deggartoota paartilee mormitoota irratti godhametti ajjeechaa ta'e kan qindeesan isaanii jedhamanii yakkamu.

5. Ammalle Mugaabeen aangoorra turuu danda'u

Zimbabwe's President Robert Mugabe looks on during a rally marking Zimbabwe's 32nd independence anniversary celebrations in Harare, Zimbabwe in 2012

Madda suuraa, Reuters

Akkuma argaa jirru, namoonni Mugaabee irraa aangoo fudhachuuf qindeessaa jiran ilaalchaan garaagarummaa isaan Mugaabee waliin qaban hinjiru.

Raayyaan waraana Zimbaabwee to'annoon taasisu kan yeroo gabaabaa yoo ta'u, 'yakkamtoota' naanno isaanitti argaman irratti kan xiyyeeffatan malee pirezidaanti Mugaabee irratti miti jedhaniiru.

Xumura waan waraanni godhaa jiru kana booda carraan isaan aangoorratti hafuu jiraachuu ni mala; keessattuu Obbo Mnaangaagwaa erga aangoo ittaanaa pirezidaantummaatti deebi'anii booda. Yookaan immoo isaaniin mallattoof bulchaa biyyaa isaan gochuun, namni biraan aangoo guutuun biyyattii geggeessu mala jedhamee yaadama.