Manneen hambaalee durii Finfinneetti balaarratti argamu jedhame

Magaalaan Finfinnee erga hundeeffamtee kaasee baroota darban dheeraa keessatti hambaalee seena qabeessa ta'an hedduu horatee jirti. Kanneen keessaayis manneen duriifi seena qabeessa ta'an isaan tokkoodha.
Ragaaleen bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa argaman akka mul'isanitti, manneen akka hambaatti galmaa'an 230 ta'anitu argama. Manneen kunneenis seenaa, bareedina ijaarsaa, bu'aalee hawaasummaa fi umurii dheeraa waan qabaniif akka hambaatti galmaa'an.
Waajjirii Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Magaalattis, itti gaafatamummaa fi taayitaan hambaalee kanneen eeguu, kunuunsuu fi beeksiisuu kennameefii jira.
Haa ta'u malee, rippoortarri keenya naannawee akka taajjabeetti, haalli manneen seena qabeessoo kanneenii hedduunis balaarratti argama. Fakkeenyaafis, magaalatiitti haalli manni Raasi Siyyuum Mangashaa naannoo Faransaayi Lagaasiyoonitti argamu fi manni dubbii himaa Nasiibu Masqaloo mana barnootaa Saanfoordi duubatti argamu baayyee yaachisaa ta'aa jira.
Wayita ammaa kanattis namoota baay'eetu manneen kanneen keessa jiraachaa jira. Kanaafuu, haaroomsi atattamaa yoo taasifameef malee, jiraattoonnis balaa irratti argamu jechuudha.
Aadde Masarat Tolaa haadha ijoollee shanii yoo taatuu, mana dubbii himaa Nasiibu Masqaloo keessa waggoota 30 oliif jiraatte jirti.
Aadde Masarat, kutaan mana kanaa darbii jalaa bara bulchiinsa dargii keessa maatii isheetiin akka kennameef dubbatti. Yeroo sanaa irraa kaaftees keessa jiraachaa turtu illeen amma garuu manichi rooba dandamachuu dadhabaa jira. ''Sodaa manichi anaa fi ijoollee koorratti guyyaa tokko jiga jedhuun dhiphachaa jira,'' jetti.

Maatiin mana Raasi Siyyuum Mangashaa keessa jiraatan akka jedhanitti, aanaa fi biiroo aadaa fi tuurizimii magaalaa Finfineetti iyyata galfataniiru. Haa ta'u malee, hanga ammaatti wanti haaraan raawwatame tokko akka hin jirre himaniiru. Isaanis manichi seena qabeessa waan ta'eef akka dhalootaatti darbu barbaanna jedhaniiru. Garuu, filannoo biraa yoo argatan mana kana gadi lakkisuuf qophaa'oo ta'uu dubbatu.
Oggeessi ijaarsaa fi Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa kan ta'e, Faasil Goorgiis akka dubbatutti, ''Manneen durii kunneen kan ijaaraman biyyoo fi muka irraayi. Kanaafuu, haala umurii fi ijaarsa isaanitiin kan ka'e, manneen kunniin amma baayyee dadhabaa deemaniiru.''
Haa ta'u malee, manneen kanneen keessa abbootii warraa hedduutuu jiraachaa jira. Kana jechuun ammoo, yeroo kamitti iyyuu balaa jigaatii isaan irra gahuu akka danda'u sodaasaanii ibseera. Jiraattoota gara biraatti dabarsuun seenaa manneen kanneen eeguun hunda caalaa barbaachisaa ta'ulleen cimsee dubbateera.
Gama biraatiin ammoo, Biiroo Aadaa fi Turizimii Magaalaa Finfinneettii hogganaan garee to'annoo fi hordoffii hambaalee, Obbo Darajjee Siyyuum akka jedhanitti, biiroon isaanii hambaalee jiraniif eegumsaa fi haaroomsa ni taasisa. Garuu baayyina isaanitiin kan ka'ee hundaaf al tokkotti raawwachuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Manneen haalli isaanii sadarkaa balaa cimaarratti argaman cimsuuf hojiin dizaayinaa xumuramaa jiraachus dubbataniiru. Osoo hojii haaromsuu hineegaliin duras, hojiin qulqulleessuu fi jiraattoota bakka jireenyaa biraatti dabarsuu waan barbaachisuuf, haalli kun yeroo dheeraa fudhachuu isaa, Obbo Darajjeen himaniiru.












