Ibsa waa'ee suuraa, 1. Masaraa Aaxee Minilik Manni durii kunis kan bara 1875tti Aaxee Minilkiin ijaarame yoo ta'u, seenaa magaalaa Finfinnee keessattis masaraa jalqabaati. Mana seena qabeessa kanas wayita ammaa kanatti waldaa Qidista Maariyaam Tawaahido Ortodoksii Itoophiyaatu bulchaa jira. Irra caalaan mana kanaas dhoqqee fi dhakaa irraa kan ijaarame yoo ta'u, dhaabbiin isaa muka gaattiiraati. Dagaleen isaas kan hidhame gogaa qotiyyootiin ture.
Ibsa waa'ee suuraa, Dallaa masaraa keessattis manneen sadi ni argamu. Inni jalqabaas mana itti boqonnaa keessummaa yoo ta'u, inni lammaffaan mana ciisaa mootii fi giiftii akkasumas mana faayaan garaa garaa fi meeshaan waraanaa ka'amuudha. Inni sadaffaan ammookutaalee walgahii, bakka itti nyaatamuu, fi bakka dammii fi foon itti olkaa'amuu ammalleenni mul'atu.
Ibsa waa'ee suuraa, Irra caalaan mana kanaas dhakkaa adii fi simintoodhaan kan ijaarameedha. Kutaan jalaa mana durii kanaatis bakka itti bilcheefamu ta'uun tajaajila ture. Dizaayinariin mana kanaas nama Mahaammad Walee jedhamu akka ture ragaaleen ni mul'isu.
Ibsa waa'ee suuraa, Kana malees, darbii isa gubbaa irraa kan ittiin gadi gara kuttaa lafa jalaatti bu'amuun sadarkaawwan bareedaas alaa fi keessaan kan ijaarameef yoo ta'u, sababii umurii isaatiin amma duloomaa jira.
Ibsa waa'ee suuraa, 4. Mana Dubbii Hiimaa Mootii Nasiibuu Masqaloo Manni kunis kutaa magaalaa Araadaa Aaanaa 07 keessatti kan argamu yoo ta'u, kan ijaaramees bara 1898tti. Abbaa manaa kan turan Dubbii Hiimaa Mootii Nasiibuu Masqaloonis, mootii Aaxee Minilik yammu jalqabaaf mana marii ministirootaa hundeessanitti nama Ministira Murtii jalqabaa ta'uun kan mudamaniidha. Murtiin Dubbii Hiimaa Mootii Nasiibuu Masqaloo dabarsan yeroodhaa gara yerootti cimaa waan tureef himatamtoonni isaan duratti dhiyaachu hin barbaadan ture.
Ibsa waa'ee suuraa, Mannii durii kun abbaa darbii tokko yoo ta'u, jalli isaa akka gola itti bilcheefataniitti tajaajilaa ture. Kutaan jala manichaa ammoo bu'uura cimaa irratti kan ijaarame yoo ta'eeyyuu umurii fi kunuunsi gahaan waan hin tasifamneef baayyee dadhabaa jira.
Ibsa waa'ee suuraa, Wayita ammaa kanattis maatiin 40 olitu mana keessa jiraachaa jira. Naannawa manichaattis manneen dabalataa walitti qabatan baayyeen ijaaramanii jiru. Kana malees, foddaa fi karriwwan mana kanaa irra caalaan sibilatti geedaramanii jiru.