Bulchiinsi Donaald Tiraamp humna dabalataa ''dhibbaan'' lakkaa'amu gara bulchiinsa US Miniyaappolisitti akka ergu beeksise.
Erga qondaalli Immigireeshinii Ameerikaa dubartii umrii waggaa 37 Renee Nikool Good jedhamtu rasaasa itti dhukaasuun haala suukaneessaan ajjeeseera.
Dubartiin kun mana jireenyaa isheerraa dhiheenya irratti ajjeefamte.
''Dubartii gaarii, amala qabeettii turte, garuu lubbuunshee haala suukanneessaan darbe,'' jedhan maatiin ishee.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa US Kiristii Noweem humni dabalataa kan ergamu qondaalonni immigireeshinii fi tika daangaa nageenyaan hojii isaanii hojjetaaniifi jedhan.
Erga dubartiin kuni ajjeefamte booda magaalota US garagaraatti mormiin qondaalota immigireeshinii mormu bahameera.
Bulchiinsi Tiraamp poolisiin immigireeshinii balaarraa of oolchuuf ajjeechaa raawwate jedha.
Aangawoonni Minesotaa immoo dubartiin kuni balaadhuma fidde hin qabdu jedhu.
Dubartiin kun ogummaa walalootiin beekamti, damee kanaanis badhaasa argatteetti.
Lammii Ameerikaa ta'uufi ogummaa gitaaraan beekamtuu ta'uushee ibsu Seneetarri Minisootaa Tiinaa Ismiiz.
Ogummaa hoogbarruu- Creative writing, Varjiiniyaa, Yuniversitii Noorfookitti baratte.
Dhalootaan Koloraadoo Ispiriingis yoo taatu bara darbedha kan isheen magaalaa Kansaas irraa gara Miniyaapoolis godaante.
Aanga'oonni magaalattii dubartiin tokko seera immigireeshinii kabajuu fi hojiirra oolchuun nama beekamtuudha jechuun falmaniif.
Bulchiinsi Tiraamp garuu ''shororkeessituu biyya keessaa'' jechuun ibse.
Abbaan manaa ishee duraanii osoo daa'imasaanii mana barumsaatiin ga'anii deebi'anii qondaalota (ejentoota) immigireeshinii (ICE Agents) karaatti arguu hime.
Haati dubartii kanaa Donna Ganger ammoo intalli isaanii ejentoota kunneen wayita argitu rifachuu dubbatan.
Pirezidantii Itti Aanaan US JD Vaansi ajjeechaan qondaala immigireeshiniin dubartii tokko irratti raawwate ''balaa hamaadha, garuu balaa isheen ofitti fiddedha,'' jedhaniiru.