Koloneelli Faannoo hoogganan 'araara buusan'

Dura taa'aan I/Aanaa Faannoo Amaaraa Koloneel Fantaaw Muhabbaa meeshaa lafa kaa'uun waamicha nagaa mootummaan taasise simachuun gabaafame.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya hordofaa
  • Iraanitti wayita hookkarri hammaatetti biyyattiin mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsite
  • Tiraamp biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa dabalataa dhibbeentaa 25 kaa'e
  • Jawaar waa'ee ulaa galaanaa maaltu fala jedhe?
  • Bulchiinsi Tiraamp humna dabalataa gara Minesotaa erguufi
  • Ispeeshaalistii Indiyaatti kaansariirraa tiruu obboleessi arjoomefiin fayye
  • Tiraamp dafii walii gali jechuun Kuubaaf dhaaman

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Leenjisaan Riyaal Maadiriid Zhaabii Alloonsoo hojii gadhiise

    Zhaabii Alloonsoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaa kilaba Riyaal Maadiriid kan ta'e Zhaabii Alloonsoo turtii ji'a saddeetii booda hojii gadhiise.

    Zhaabii Alloonsoo aangoo kan gadi dhiise halkan edaa dorgommii Waancaa Ispaanish Suppar Kaappitiin Baarseloonan Riyaal Maadiriid injifachuu hordofeeti.

    Osoo gara Riyaal Maadriid hin dhufin dura kilaba Baayer Levarkusan leenjisaa ture. Bakka isaa hiriyaan dur waliin Liivarpuuliif taphatan Alvaaroo Alberoa Maadiriid lenjisuuf muudameera.

    Zhaabiin yeroo taphataa ture waggaa shaniif Maadiriidiif kan taphate yoo ta'u, "deeggartoonni Maadriid yeroo hunda jaalalaafi kabaja isaaf qabu" jechuun kilabichi ibsa baase.

  2. Hiriira Iraan qaala’iinsa mormuu gara jijjiirama sirnaa gaafachutti ce'e

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  3. Mormii Iraanitti gaggeeffamuun namoonni "Ayaatolaa Kameenii" arrabsuun dhaadannoo dhageessisaa jiru

    Mormii cimaa Iraanitti gaggeeffamaa jiruun h hordofee mootummaan guyyootan dura intarneetii guutuuu biyyatti balleesus mormii dhaabsisuu hin dandeenye.

    Inumayyuu hiriirtonni gaggeessaa olaanaa biyyattii Ayaatolaa Kameenii arrabsuun mormii dhageessisaa jiru.

    Viidiyoowwan Iraan irraa qoodaman akka agarsiisanitti, namoonni sirna awwaalchaa fa'aarratti dhaadannoo "duuti Kaameeniif" jedhu dhageessisaa jiru.

    Ayaatolaan guyyootan dura ibsa karaa TV deeggartoota isaaniif kennaniin, namoonni hiriira bahan "wanbadeewwan Ameerikaa gammachiisuuf bahan" jechuun dubbatan.

    Gama biraan ammoo Doonaald Tiraam Iraanirratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka malu akeekera.

    Akeekkachiisa Tiraamp kanaaf deebii kan kennan Ministiirri Dhimma Alaa Abbaas Araagchii, biyyasaanirratti haleellan gaggeeffamnaan qolachuuf qophii ta'uu ibsan.

  4. Dura taa'aan I/Aanaa Faannoo Amaaraa araara buusuun gabaafame

    Kaaappiteen Maasrashaa Saxxeefi Koloneel Fantaaw Muhabbaa

    Madda suuraa, Amhara Media Corporation

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaaappiteen Maasrashaa Saxxeefi Koloneel Fantaaw Muhabbaa

    Dura taa'aan I/Aanaa Faannoo Amaaraa Koloneel Fantaaw Muhabbaa meeshaa lafa kaa'uun waamicha nagaa mootummaan taasise simachuun gabaafame.

    Miidiyaan Naannoo Amaaraa akka gabaasetti, koloneelli kuni gartuu Faannoo, Faannoo Amaaraa jedhamuuf, ajajaa waraanaa ta'unis tajaajilaa turan jedhameera.

    Suuraa miidiyichi gadhiiseen koloneelli kuni yeroo xiyyaararraa bu'an mul'ata.

    Isaan waliin immoo waahilli isaanii Kaappiteen Maasrashaa Saxxee mul'ataniiru.

    Gartuun Dhaabbata Ummataa Faannoo Amaaraa jedhamu jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi IGAD'n waliigaltee nagaa erga raawwate booda qondaalli kuni araara kanaan waliigalan jedhameera.

    Kaappiteen Maasrashaan baatii Mudde keessa mootummaa Itoophiyaa waliin araara buusan.

    Koloneel Fantaaw ''waraana isaanii waliin'' qabsoo karaa nagaatti dhufuu gabaasichi ibseera.

    Hidhattooti Faannoo ummanni Amaaraa haacuuccaa jala jira jechuun himatanii sosso'uu eegalan hooggansa tokko jala hin taliigaman.

    Kana dura mootummaan Itoophiyaa hooggansi tokko dhibuun waliin mari'achuuf rakkoo uumuu ibsaa ture.

    Ta'us, gartuuwwan garagaraa waliin mariin taasifamaa akka jiru kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatanii beeku.

    Mootummaan Itoophiyaa mootummaan Ertiraa hidhattoota Faannoo leenjisaa jira jechuun kana dura himataa ture, Ertiraan ni waakkatti.

  5. Jalqaba hin haleellu, haleellaan nurratti banamnaan waraanaf qophiidha - Iraan

    Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Khoshiran / Middle East Images / AFP via Getty Images)

    Iraan haleellan irratti banamnaan waraanaaf qophii ta'uu beeksisfte.

    Minstirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii akka jedhanitti, Iraan dursitee haleellaa akka hin raawwanneefi haleellan yoo irratti baname garuu waraanaaf qophii ta'uu beeksisan.

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp tarkaanfii waraanaa Iraanirratti fudhachuu akka malu ibsuu hordofee yaaddoon cimeera.

    Qondaalli olaanaan Iraan Abbaas Araagchii dippilomaatota Tehraan keessa jiran walitti qabuun haasaa taasisaniin, biyyisaanii waraana akka hin barbaanne ibsuun yoo haleellan irratti baname garuu deebii cimaa kennuuf qophii ta'uu ibsan.

    Dabaluunis kan yeroo guyyaa 12f Israa'el wajjin gaggeeffamee caala Iraan baay'ee qophii ta'uu ibsan.

    Mormiin cimaan Iraan keessatti gaggeeffamaa jiru hiriira nagaarraa gara "gochaa shororkeessitootatti" jijjiirameera jechuun dubbatan.

  6. Chimpaanziin Jaappaan fakkii kaasuufi lakkoofsa lakkaa'uu dandeessu ganna 49tti duute

    AI, chimpaanzii afaan bantee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Chimpaanziin Jaappaan dandeetti fakkii kaasuufi lakkoofsa lakkaa'un beekamtu ganna 49tti du'uu instityuutiin Jaappaan hime.

    Wiirtuun Adeemsa Tiraannaa Ilma Namaa, Yunivarsiitii Kiyootoo chimpaanziin kuni gaafa Amajjii 9 sababa dullumaan hojjettootaan marfamtee lubbuun darbuu himeera.

    Chimpaanziin Ai jedhamtu kuni lixa Afrikaatti kan dhalatte yoo tahu institiyuutii Jaappaan kan deemte bara 1977tti ture. Sagantaa qorannoo Ai Project jedhamuufi 'sammuu Chimpaanzii' qoratu keessa seente.

    Dhaabbatichi qorannoosaan chimpaanziin kuni lakkoofsa lakkaa'uufi halluu dibuuu akka dandeessu adda baase.

    Qorattoonni chimpaanzii kanaaf baatii 18 yeroo turte kiiboordii adda tahe kennuun dandeettii waa yaadachuushee qorachaa turan.

    Waggaa shanitti chimpaanziin kuni ''lakkoofsa tokkoo hanga ja'aa lakkaa'uu dandeesse, halluu dibuufi meeshaalee 300 maqaa dhahuu barte,'' jedha waraqaan qorannoon bara 1985 qorataa Teetsuroon maxxanfame.

    Chimpaanziin kuni yeroo qormaataatiin alattti fakkii kaasuun dabarsiti ture. Badhaasa nyaataa otoo hin argatiinillee fakkii kaasti ture.

    Miidiyaan Jaappaan Kiyoodoo jedhamu chimpaanzii biraa waliin tahuun furtuu fudhattee man'ee ishee bantee miliqxe jechuun gabaasee ture.

    Bara 2000 keessa ilmoo dhiiraa Ayuumuu jedhamu dhaltee, innis dandeettii yaadachuu ajaa'ibaa qaba.

    Bara 2017 yeroo waggaan yaadannoo sagantaa qorannoo Ai kabajamu- qorataa Deem Jeen Guudwiil jedhamuuf fooxaan fakkii isheen kaastee ofrraa qabu kennameerafi.

  7. Mootummaan Sudaan waraana waggaa sadii booda magaalaa guddootti deebi'e

    Al Burhaan

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Sudaan qondaalota waraanaan hogganamu buufata waraanaa baha magaalatti Poort Sudaan jedhamurraa erga lolaa turee yeroo jalqabaaf gara magaalaa guddoo biyyattiitti deebi'eera.

    Minisirrii Mummee Sudaan Kaamiil Idiriis gaazexeessitootaaf yaada kennaniin ''abdiin mootummaan qabu,'' guutummaatti gara Kaartummitti deebi'uun tajaajilli jiraattota magaalattiif akka fooyya'u gochuudha jedhe.

    Waraanni mootummaa humna addaa RSF jedhamuun erga kaafameen booda waraanni waliinii biyyattii bara 2023tti jalqabe. Bitootessa darbe waraanni mgaalattii deebisee qabatee ture.

    Kaartuum lola waggootaa irraa reef dandamataa turte yeroo waraanni kuni jalqabu. Namoonni miiliyoona shan tahan lola baqachuun magaalattiirra bahaniiru jedha gabaasi UN.

    Kanneen fedhiidhaan biyya hin gadhiisneefi humna dhabuun biyyaa hin baane RSF hannaafi manneen namoota fudhachuun dabalatee uummata hiraarsuu himan.

  8. Meetaan uggura miidiyaa hawaasaa Awustiraaliyaan akkaawuntii 550,000 cufe

    Harka bibila qabatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Awustiraaliyaan ijoolleen miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne murteessuun booda Meetaan akkaawuntiiwwan 550,000 cufe.

    Mudde keessa seerri haaraa ragga'e miidiyaalee hawaasaa beekamoo Instaagiraamiifi Feesbuukii fa'a ol guddattoonni Awustiraaliyaa waggaa 16 gad jiran akka hin fayyadamne dhorka.

    Dhorkaa akka addunyaatti xiyyeeffannoo argate kana duultota dhimma kanaafi mootummooti ijoollee qabiyyee miidhurraa eeguuf tarkaanfii sirrii tahuu ibsaniiru.

    Meetaa dabalatee ijoolleen onlaayinii irratti eegmsi akka taasifamuuf kana caala hojjetamuu qaba waan jedhurratti waliigala.

    ''Mootummaan Awustiraaliyaa guutummaatti uggura kaa'uu mannaa furmaata fooyya'aa fiduuf indaastirii kana waliin hojjechuun dhimmi eegumsaa, icciitii dhuunfaa, umrii akka jijjiiramu gochuu wayya,'' jedhe.

    Dhaabbatichi murtoo biyyattii hordofuun akkaawuntiiwwan Instaagiraamii 330,639, Feesbuukii 173,497, Tireedii 39,916 torbee jalqabaa eera haaraa jalatti ugguruu beeksiseera.

  9. Hakiimonni dhukkuba qaroo jaamsuuf qoricha tolchuu beeksisan

    Qoricha ijaa lilmeedhaan kennamu

    Madda suuraa, BBC News

    Hakiimonni dhukkuba ijaa haaypootoonii jedhamuufi qaroo namaa jaamsuuf qoricha agartuu akka hin dhabne taasisuufi qaroo jaame deebisu tolchuun waan kana dura hin danda'amne fiixaan baasuu himan.

    Landanitti Hospitaalli Moorfiild akka addunyaatti yeroo jalqabaaf dhukkuba kanarratti xiyyeffachuun kan hojjetu yoo tahu wal'aansi kuni namoota saddeet kennameef keessaa torba irratti hojjeteera jedhe

    Dubartiin wal'aansa kana argattee Nikii Gaay dubartiin ganna 47 ''waan jireenya koo jijjiire dha. Waan hundumaatu naa deebi'e. Da'imni koo yeroo guddatu arguu nan danda'a,'' jette.

    ''Waan hundi natti dimismisaa'uu irraa gara sirriitti arguuttin dhufe,'' jette.

    Haaypootooni dhiibbaan kubbaa ijaa yeroo akkaan gad bu'u kan uumamu dha.

    Dhangala'aa ijaa uumamaan oomishamu kan hir'atu yeroo iji dutu fa'a kan mudatu dha.

    Ogeeyyiin fayyaa dhangala'aa dhoqonaa'aa kanaan dura yeroo wal'aansa baqaqsanii hodhuu ijaa hojiirra oolu fayyadamuun dhangala'aa haaydiroooksiipiroopaayil jedhamu fayyadamuun baasii xiqqaadhaan qoricha kana tolchan.

    Isa kanaan dura yeroo wal'aansa baqaqsanii hodhuu kennamu amma lilmeedhaan qaama ijaa irra keessa jirutti keenuu ibsan.

  10. Maanchister kufaatii waggaa 100 keessatti galmeessee hin beekne keessa gale

    Ji'a sadii dura Biraayitan Maanchister Yuunaayitid waliin yeroo morkattu Yuunaayitid olaantummaa guddaan injifate.

    Kilebichi daandii sirrii irra jira jedhame. Kanuma gidduutti Yuunaayitid leenjisaa isaa hojii irraa gaggeessee waan abdatame hundi isaas kufaatii keessa galee argame.

    Dorgommii tokkittii abdii itti qaban FA Kaappiin yeroo kaleessa wal argan Biraayitan galchii 2-1'n injifate.

    Yeroo akka kanaatti Yuunaayitid erga bara 1914 as dorgommii hunda keessaa bahee Piriimer Liigii qofatti yeroo hafu kun jalqabaati.

    Erga 1914-15 as waggaatti taphoota 40 qofa yeroo taphatan kan jalqabaa taha.

    Torban dhufu ammoo Maanchister Siitii wlaiin morkatu. Garuu ammayyuu leenjisaa ofitti amanamummaa taphattootaa deebisuu danda'u hin qacarre.

  11. Ispeeshaalistii Indiyaatti kaansariirraa tiruu obboleessi arjoomefiin fayye

    Dr Horaa fi Haadha warraa isaa wayita yaalarra turetti

    Madda suuraa, Dr Horaa Teedisoo

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr Horaa Teedisoo, ispeeshaalistii dhibee keessooti

    Dr Horaa Teedisoo, ispeeshaalistii dhibee keessooti. Waggaa lamaan har'aati osoo nagumaan hojiisaa hojjechaa jiruu kaansarii tiruutiin qabamuu isaa bare.

    Kaansariin tiruu vaayirasii Hepatitis B jedhamuun dhufa.

    Wayita dhibee kana ofirratti baru sadarkaan dhibee kanaa ulfaataa fi mallattoolee ariifachiisoo ta'an irratti mul'isuu kan yaadatu Dr Horaan, duraan vaayirasichi narra turus mallattoo hin agarre. Ariitiin muddamatti na naqe jedha.

  12. Bulchiinsi Tiraamp humna dabalataa gara Minesotaa erguufi

    Humnoota immigireeshinii Ameerikaa

    Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeechaan dubartii tokkoo Minesotaatti raawwatame mormii jabaa kaaseera

    Bulchiinsi Donaald Tiraamp humna dabalataa ''dhibbaan'' lakkaa'amu gara bulchiinsa US Miniyaappolisitti akka ergu beeksise.

    Erga qondaalli Immigireeshinii Ameerikaa dubartii umrii waggaa 37 Renee Nikool Good jedhamtu rasaasa itti dhukaasuun haala suukaneessaan ajjeeseera.

    Dubartiin kun mana jireenyaa isheerraa dhiheenya irratti ajjeefamte.

    ''Dubartii gaarii, amala qabeettii turte, garuu lubbuunshee haala suukanneessaan darbe,'' jedhan maatiin ishee.

    Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa US Kiristii Noweem humni dabalataa kan ergamu qondaalonni immigireeshinii fi tika daangaa nageenyaan hojii isaanii hojjetaaniifi jedhan.

    Erga dubartiin kuni ajjeefamte booda magaalota US garagaraatti mormiin qondaalota immigireeshinii mormu bahameera.

    Bulchiinsi Tiraamp poolisiin immigireeshinii balaarraa of oolchuuf ajjeechaa raawwate jedha.

    Aangawoonni Minesotaa immoo dubartiin kuni balaadhuma fidde hin qabdu jedhu.

    Dubartiin kuni eenyudha?

    Dubartiin kun ogummaa walalootiin beekamti, damee kanaanis badhaasa argatteetti.

    Lammii Ameerikaa ta'uufi ogummaa gitaaraan beekamtuu ta'uushee ibsu Seneetarri Minisootaa Tiinaa Ismiiz.

    Ogummaa hoogbarruu- Creative writing, Varjiiniyaa, Yuniversitii Noorfookitti baratte.

    Dhalootaan Koloraadoo Ispiriingis yoo taatu bara darbedha kan isheen magaalaa Kansaas irraa gara Miniyaapoolis godaante.

    Aanga'oonni magaalattii dubartiin tokko seera immigireeshinii kabajuu fi hojiirra oolchuun nama beekamtuudha jechuun falmaniif.

    Bulchiinsi Tiraamp garuu ''shororkeessituu biyya keessaa'' jechuun ibse.

    Abbaan manaa ishee duraanii osoo daa'imasaanii mana barumsaatiin ga'anii deebi'anii qondaalota (ejentoota) immigireeshinii (ICE Agents) karaatti arguu hime.

    Haati dubartii kanaa Donna Ganger ammoo intalli isaanii ejentoota kunneen wayita argitu rifachuu dubbatan.

    Pirezidantii Itti Aanaan US JD Vaansi ajjeechaan qondaala immigireeshiniin dubartii tokko irratti raawwate ''balaa hamaadha, garuu balaa isheen ofitti fiddedha,'' jedhaniiru.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa wiixataa eegale.

    Odeessa biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan miidiyaalee hawaasummaa keenya Facebook, WhatsApp, YouTube fi marsariitii keenya hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!