Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Dubbii Tiraamp kana itti dhiisuu wayya - Somaaliyaa

Pirezidantiin Ameerikaa Tiraamp godaantota Somaalee Ameerikaa keessatti arguu hin barbaadu jechuun dubbataniiru. Dhimma kanarrattti deebii kan kennan Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdi 'itti dhiisuu wayya' jedhaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaara Maleezhiyaa achi buuteen dhabame barbaaduun akka haaraatti jalqabuufi

    Achi buutee xiyyaara Daandii Qilleensaa Maalezhiyaa MH370 baruuf barbaachi Mudde, 30 akka haaraatti akka jalqabu qondaaloti biyyattii himan.

    Xayyaarri imaltoota 239 qabatee balalii'aa ture erga achi buuteensaa dhibame waggaan kudhan darbeera.

    Barbaachi kunis guyyoota 55f tura jedhame, Bitootessa darbe kan jalqabe yoo tahu sababa haala qilleensaa turen gidduutti adda citee ture.

    ''Tarkaanfiin caccabaa xiyyaara kanaa akka haaraatti barbaaduun mootummaan Maalezhiyaa maatiin balaa kanaan miidhaman akka ijibbaafatan gargaaruufi, jechuun ministeerri geejibaa Roobii darbe miidiyaa biyya keessaa ibsan.

    Balaliin MH370, xayyaara Booyiing 777 bara 2014tti ture Kuwaalaa Luumpuur irraa gara Beejiing otoo deemuu kan achi buuteensaa dhabame.

    Seenaa aveeshinii keessatti achi buutee xayyaaraa baruuf barbaachi bal'aa hammasii taasifamee hin beeku.

  2. Bineensi raakuun jedhamtu suuqii alkoolii keessatti machooftee gaggabdee argamte

    Hojjettoonni suuqii alkoolii bulchiinsa Varjiiniyaa Ameerikaa, gaafa Sanbataa yeroo hojii seenan bineensi raakuun jedhamtu cabsitee seenuu hubatan.

    Bineensa ''baandaa golgamte'' jechuun waaman kuni girgijjii suuqii gara jalaa irraa araqee tokko, lama jechuun booda machooftee kutaa dhiqannaa keessatti gaggabdee argamte.

    Qondaalii to'annoo bineensotaa Samaantaa Maartiin hamma dhuftee fudhattutti 'shakkamtuun' kuni machiisheerraa hin dammaqne.

    Sa'aatii muraasa rafuun booda, miidhama waan hin qabneef bineensi kuni gara daggalaatti gadhiifamteetti.

    Dukkaanni Ashlaand ABC jedhamu yeroo bineensi kuni seente ayyaana Thanksgiving jedhamuuf cufaa ture.

    Samaantaan akka jettutti 'baaxii suuqiirraan' kufteeti dhugaatii suuqii keessa jiru asiifi achi haate waan hunda dhuguutti kaate jedhan.

  3. Dubbii Tiraamp kana dhiisuu wayya - Somaaliyaa

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godaantota Somaalee Ameerikaa keessatti arguu hin barbaadu jechuun dubbatan.

    "Gara bakka irraa dhufaniitti deebiyuu qabu, biyyi isaanii waan tokkoofillee faayidaa hin qabu," jechuun rippoortarootatti himan.

    "Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu, dhugaa isaa isinitti himuun barbaada," jechuun hadheeffatee dubbate pirezidant Tiraamp walga'ii kaabinee Kibxata turerratti.

    "Yoo kosii akka kanaa akka gara biyya keenyaatti seenan gochuu itti fufne, Ameerikaan gara kallattii hin taaneetti deemti," jedhe Tiraamp itti fufuun.

    Dhimma kanarratti Somaaliyaarraa deebiin dhagahameera.

    Mootummaan Somaaliyaa ifatti dhimma kanarratti ibsa kennuudhaas baatu sagantaa magaalaa Moqadiishuu ture tokkoorratti Ministirri Muummee biyyattii Hamzaa Abdi Barree gaafatamani.

    ''Pirezidantiin Ameerikaa Somaaliyaa qofa hin arrabsinee....waay'ee biyyoota baay'ee waan hamaa dubbatani,'' jechuun Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaa eeran.

    ''Kanaaf, wantoonni muraasni calliftee itti dhiiftu jiru,'' jechuun himan.

    ''Itti dhiisurra gurra itti kennuufi waa'ee isaa xinxaluun ni cima,'' jedhan.

    Dubbii Donaald Tiraampiin kanneen mufii ibsatan keessaa tokko Miseensa Kongirasii US Somaaliyaatti dhalatte, Ilhaan Omaaridha.

    "Akkaataa inni waa'eekootti qabamee jiru miira sodaa qabudha," jechuun miidiyaa hawaasaarratti barreessite.

  4. Taayilaand dhorkaa alkoolii waaree booda gurguruu kaaste

    Taayilaand hawwata turizimii dabaluudhaaf jecha dhorkaa dhugaati alkoolii waaree booda grurguruu waggoota kurna baayyeef ture kaaste.

    Amma dukkaanni dhugaatii, restoraantiifi suuqiiwwan biroos, biiraa wayniifi araqee waaree booda sa'aatii 08:00-11:00 gurguruu kan danda'ani yoo tahu kunis yaalii ji'a jahaaf turudha.

    Biyyattiitti dhorkaan kuni kan kaa'ame bara 1972 hojjettoonni mootummaa sa'atii hojiitti akka hin dhugneef ture.

    Haa tahu malee, kuni turistoota biratti komii kaasaa ture. Biyyi amantii Buudistii hordoftu kanatti, aadaan shubbisaanis akkaan baramaadha.

    Tarkaanfiin kuni Ayyaana Qillee fi Waggaa Haaraa warra faranjiin dursee taasifame, yeroo kanatti turistooti baayyeen biyyattii daawwatu.

  5. Naannoon Tigraay bajati na duraa harkifate jechuun komate

    Mootummaan Federaalaa baajata Tigraayiif erguu dhaabe jechuun Naannoon Tigraay komate.

    Kun kan dhagahame mootummaa federaalaafi qaamni seerummaa kan dhorkatame Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduutti muddamni siyaasaa ji'oota darbaniif ture gara walitti bu'iinsaatti geessa jedhamee yeroo sodaatamaa jirutti.

  6. Namichi faayaa doolaara kuma 19 baasu liqimse himatame

    Lammiin Niiw Ziiland faayaa mormaa daayaamandiidhaan miidhage hatuun booda liqimse jedhame yakka hannaan himatame.

    Faayaan boca hanqaaquudhaan tolfame, kan doolaara19,300 baasu yoo tahu hamma yoonaa garaa keessaa akka hin baafamne poolisiin himeera.

    Poolisiin mana faayaa Paatriij, Oklaand jirutti Jimaata waaree booda nama ganna 32 kana to'annoo jala oolche.

    Qorannoon irratti taasifamuun booda gaaddisa seeraa jala akka turu taasifameera jedhe poolisiin.

    Faayaan Fabergé egg jedhamu kuni daayaamandii 60, saafaayara 15 akkasumas warqee kaaratii 18 kan ofirraa qabu ture.

  7. Raashiyaan 'waraana yeroo dheeraa turuuf qophaa'aa jirti - Hogganaa NATO

    Haasaa baninsaa walga'ii ministirota dhimma alaa NATO irratti Raashiyaan "obsa keenya qoruu itti fufteetti". "Balaa qabatamaafi yeroo dheeraa turuti nu mudachuuf jira," jedhe hogganaan NATO Maark Ruutteen.

    Raashiyaan jeettiiwwaniifi diroonotasheetiin daangaa isaa [NATO] cabsiteetti, balaa geessifteetti, akkasumas gara qaama bishaan isaatti dooniiwwan basaasaas ergiteetti jechuun dubbate Ruutteen.

    Gochawwan akkasii kunneen, "maal nadhibdeen kan ta'eefi hamoodha," jedhe.

    Raashiyaan hawaasa booressuufi toora ittiin bulmaata addunyaa addaan cicciruuf Chaayinaa, Kooriyaa Kaabaa fi Iraan" waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirti, kan jedhe dursaan NATO kun "waraana yeroo dheeraafis qophaa'aa jirti" jechuun dubbate.

    Biyyoonni NATO "baasii humna invastimantii humna ittisaa keenyarratti gachaa jirru daballeerra garuu hundu keenya hangam akka geenyu of madaaluus qabna," jedhe Ruutteen.

    Waqtiin gannaa dhufaa jira haleellaan raashiyaa ammoo itti fueera, "Yukreen yeroo kamirrayyu caalaa gargaarsa keenya barbaaddi".

  8. Waraana Guyyaa 12: Iraan viidiyoo haleellaa Israa'el wiirtuu sirna ittisaasheerratti raawwatte gadhiiste

    Waraanni Israa'el fi Iraan gidduutti guyyoota 12 gaggeeffame erga dhaabbatee ji'a ja'aan booda Iraaniyaan Biroodikasing Korporeeshiniin (IBRC) viidiyoo yeroo Israa'el wiirtuu ittisa humna qilleensaa waraana Rippabilika Islaamaa Iraan irratti haleellaa raawwattu agarsiisu gadhiise.

    Viidiyoon kun kan gadhiifame wayita itti-aanaa hogganaan oppereeshinii humna qilleensaa Iraan Birgaader Jeneraal Reezaa Kaajaa waliin gaaffiifi deebiin taasifamutti ture.

    Gaaffiifi deebiin qondaala oppereeshinii ittisaa humna waraanaa Iraan kana waliin taasifamaa osoo jiruu yeroo Israa'el fuulaa humna waraanaa haleeltu agarsiisu lamatu agarsiifame.

    Viidiyoo lamaan gadhiifamanii namni daawwate kanneen keessaa tokko keessatti haleellaa kanaan sirni ittisaa irratti xiyyeeffatameera, garuu bakki isaa eessa akka ta'e addatti hin ibsamne.

    Viidiyoo kanarratti guyyaan IRIB galmaa'e Waxabajji 13 yo ta'u, kun guyya jalqaba Israa'el Iran itti haleelte ture.

    Akka Birgaader Jeneraal Reezaa Kawaajaa jedhutti, "qondaalonni lama" kan sirna ittisaa haleelaa Israa'el gaggeessitu dursee sirna sana keessaa bahaa kan turan yoo ta'u, baayyees madaa'aniiru.

  9. Mariin NATO jalqabe

    Mariin ministiroota dhimma alaa NATO jalqabameera. Marii nagaa deemaa jiru, akksumas dhimmoota ittisaarratti ni mariyatu jedhamee eegama.

  10. Mariin Mooskoo hin milkaa'iin hafnaan ministiroonni NATO walga'an

    Mariin kaleessa Mooskootti aanga'oota US fi Raashiyaa gidduutti waraana Yukireen keessatti deemaa jiru taasisuuf jedhame osoo hin milkaa'iin hafe.

    Dubbi-himaan Kireemiliin walga'iin Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi ergamaa addaa Tiraamp istiiv Witkoof gidduutti ture "kan ijaarudha" jedhe. Gama US irraa ammoo yaadni ammatti kenname hin jiru.

    Walga'iin kun kan taasifame karoorri nagaa US qabxii 28 of keessaa qabu baayyinaan Raashiyaaf looga jedhame qophaa'een boodadha.

    Yukireeniifi michoonnishee Awurooppaa yaada dhiyaate sanarratti jijjiiramni akka taasifamu dhiyeessanii kan ture yoo ta'u, Puutin garuu jijjiiramawwan kuneen fudhatama hin qaban jechuun dubbate.

    Yoo Awurooppaan "waraanatti seenuu barbaadanii jalqaban, nuti ammumayyu qophiidha," jedhe Puutin.

    Har'a ministiroonni dhimma alaa biyyoota Lixaa waajira muummee NATO Biaasels jirutti wal ga'uudhaf achi galaa jiru.

    Walga'ii isaanii kanarratti dhimmoota nageenya naannicha keessa jiruufi marii nagaa waraana Yukireen dhaabsisuu ilaalchisee deemaa jirurratti ni mariyatu jedhamee eegama.

  11. Tiraamp Somaalota US keessatti arguu hin barbaadu jedhe, Mineesootaa keessatti oppereeshiniin jalqabuuf

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp godaantota Somaalee Ameerikaa keessatti arguu hin barbaadu jedhe. "Gara bakka irraa dhufaniitti deebiyuu qabu, biyyi isaanii waan tokkoofillee faayidaa hin qabu," jechuun rippoortarootatti hime.

    "Ani biyya keenya keessatti isaan hin barbaadu, dhugaa isaa isinitti himuun barbaada," jechuun hadheeffatee dubbate pirezidant Tiraamp walga'ii kaabinee Kibxata turerratti.

    "Yoo kosii akka kanaa akka gara biyya keenyaatti seenan gochuu itti fufne, Ameerikaan gara kallattii hin taaneetti deemti," jedhe Tiraamp itti fufuun.

    Dubbiin jabaa Tiraamp dubbate kun yeroo aanga'oonni immigireeshinii bakka ummanni Somaalee guddaan jiraatan Mineesotaa keessatti qajeelfama bahe hojiirra oolchuuf yeroo oppereeshinii gaggeessuuf karoorfachuun isaa gabaafamettidha.

  12. Mariin Raashiyaa - US waliigaltee uumuu hin dandeenye

    Mariin pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi ergamaa pirezidaantii US Doonaald Tiraamp gidduutti sa’aatii shaniif taasifamaa ture waliigaltee nagaa Yukireen uumuurratti osoo hin milkaa’iin waan hafe fakkaata.

    Dubbi-himaan Kireemliin walgahiin Mooskoo ''kan ijaaru'' ta'us, kutaaleen karoorichaa garuu Raashiyaa biratti fudhatama kan hin qabne ta'uu dubbate.

    Ergamaan addaa Tiraamp Istiiv Witkoof fi abbaan warraa intala Tiraamp ykn soddaan Tiraamp Jaared Kushner marii dippilomaasii cimaa waraana kana xumuruuf kaayyeffate torban lama fudhate kana keessattihirmaataniiru. Gareen Ameerikaa erga Mooskoo gadhiisee deemee booda yaada hin kennine.

    Kibxata darbe Puutin jijjiiramni Kiiv fi Awurooppaan wixinee karoora nagaa Ameerikaan deeggaramurratti yaada dhiyeessan fudhatama akka hin qabne ibsuun, Awurooppaan '' [Raashiyaa waliin] waraana keessa seenuu barbaaddee yoo jalqabde, nutis loluuf qophiidha,'' jedhee ture.

  13. ASHAMAA!

    Akkam jirtu?

    BBC Afaan Oromoo toora oduu kallattiin darbu isiniif dhiyeessu kan har'aa amma jalqabeera.

    Odeeffannoo marii nagaa waraana Yukireen dhaabsisuuf Raashiyaafi US gidduutti taasifamu, taatee ammaa biyya keessafi ollaa, akkasumas Baha Giddu-galeessaa ni argattu.

    Dhiyaadhaa!