Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Maanchister Siitiin 5-4'n Fuulham mo'achuun Arsenaaliin qabxii lamaan caalamuun lammaffaa gale

Maanchister Siitiin 5-4'n Fuulham mo'achuun Arsenaaliin qabxii lamaan caalamuun lammaffaa gale

Guduunfaa

  • Mikeel Arteettaan Saaliibaa, Magaaleshii fi Kaayi yoom akka deebi'an hime
  • Maanchister Siitiin carraa waancaa Piriimer Liigii mo'achuu %11.43 qaba- Optaa
  • Arnee Isloot Mohaammad Saalaa taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uu irratti yaada kennan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Zelalem Tadesse Duressa

  1. Maanchister Siitiin 5-4'n Fuulham mo'atee lammaffaa gale

    Maanchister Siitiin galchii 5-1'n osoo dursuu Fuulham galchii sadii lakkoofsisun haga daqiiqaa dhumaatti muddama guddaan taphattoota Maan Siitii irra ture.

    Gareen gaardiyoolaa tapha sa'a tokko keessatti haala ajaa'ibaan mo'anii ture of harkaa baasanii oolan.

    Gaardiyoolaan qabxii sadaniin gammadus haala taphichaatti waan baay'ee aare fakkaata.

    Everteenis Boornimoz mo'achuun dirreen ala qabxii sadii argateera.

  2. Diraamaa guddaa: Fuulham 4-5 Maanchister Siitii

    Fuulham duubaa ka'uun Maanchister Siitii irratti galchii afur lakkoofsisan. Doonaarumaan erga gara Maan Siitii dhufee yeroo jalqabaaf galchii haga kanaa tapha tokko irratti lakkaa'ame.

    Liidsi 2-0 osoo durfamanii duubaa ka'uun torban darbe haga daqiiqaa dhumaatti Maan Siitii qixxaatanii ture.

    Maanchister Siitii akkamiin ittisa laafaa akkasii qabaate?

  3. Baarseloonaa 1-1 Atileetiikoo Maadirid- 25'

    Baarseloonaan akkuma amala isaanii taphaan ala [ off side] taphachiisna jedhanii of dagatan.

    Aleeksi Baayenaa Atileetiikoof galchii lakkoofsise.

  4. Baarseloonaa 0-0 Atileetikoo Maadrid

    Taphataan Baarseloonaa tapha Cheelsii irratti kaardii diimaa fudhate Roonald Aruhoo dhibee xiin-sammuuf saaxilamee boqonnaa gaafate.

    Taphataan kun yoom akka deebi’u hin baramne. Garuu baranas bara darbes kaardii diimaan Shaampiyoonsi Liigii irratti dirree keessaa bahuun isaa hedduu isa miidheera.

    Kanaafis arrabsamaa ture.

  5. GOOOOOOL: Fuulham 0- 2 Maanchister Siitii

    Tijjaanii Raayindersi galchii lammaffaa lakkoofsisuun maan Siitiin dursummaa isaa cimsate.

    Taphataan lammii Nezerlaandis barana AC Miilaan irraa maan Siitii gale galchii lammaffaa lakkoofsise.

    Taphataan kun bakka Roodirii bu'uun shoora isaa bahataa jira.

    Gareen maarkoo Silvaa bara darbe Maan Siitii haala gaariin morkate har'a baay'ee caalameera.

    Gaardiyoolaan tapha Liidsi Yuunaayitid daqiiqaa dhumaatti mo'achuu isaaniitti mufachuun har'a garee isaanii cimsanii dhufan.

  6. Goool: Haalaaand: Fuulham 0-1 Maanchister Siitii

    Erliing Haaland galchii jalqabaaf maanchister Siitiif lakkoofsisuun dursaa jiru. Dookuun kubba mijeessee kenneera.

    Injifannoo Maan Siitii har'aa Arsenaalitti akkaan isaan buta.

  7. Kilaba akka addaatti ijaarame waliin tapha 'cimaatu' nu eeggata -Gaardiyoolaa, Halaand goolii tibbana dheebote dheebuu bahaa?

    Leenjisaan Maanchester Siitii tapha galgala kana gara dirree Fuulhaam Kiraaven Kotej deemee morkatu salphaa hin ta'u jedhe. Kilaba akka addaatti ijaarame waliin tapha 'cimaatu' nu eeggata jechuun tapha kana dura yaada kenne Gaardiyoolaan.

    "Maarkoon [leenjisaa Fulhaam] waggoota baayyeef achi jira waan ta'eef taphni isaan waliin yeroo hunda cimaadha," jedhe.

    "Ijaaramni isaanii addadha, wagguma waggaan kubbaa waliin caalaa cimaa deemu. Morkataa, cimaa, akka malee cimaadha."

    "Gareen morkataa isaan bansiisuuf hedduu rakkata."

    Miidhaa isa mudaterraa ammallee waan hin fayyineef taphataan utubaa sarara gidduu Maanchester Siitii, Roodiriin har'a akka hin taphanne Gaardiyoolaan mirkaneessera.

    Tapha sadii osoo goolii hin galchiin hafuu dheebuu goolii qaba jechuun hin ta'u, garuu Erliing Halaandiif ta'uu mala.

    Halaand bara kana maashina goolii omishu ta'aa dhufee garuu tapha sadii goolii malee turuun dheeboteera. Taphoota Niiwukasil, Liids fi Baayer Liivarkusan waliin tapahatanirratti osoo hin lakkofosisiin hafeera Halaand.

    Har'as osoo hin lakkoofsisiin itti fufee caalaa dheebotamoo, dheebuu baha?

  8. Taphattoota kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa shanan kaffaltii olaanaa argatan

    Taphattoonni kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa yeroo ammaa namoota ispoortii addunyaa irratti gabaa guddaa fi kaffaltii olaanaa qaban keessaa tokkoodha.

    Guddinni liigii Chaayinaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi Sa'udii Arabiyaa isaan fayyadeera.

    Ispoortiin dubartootaa kan asiin dura gatii hin qabneefi maallaqa gadi aanaa argatu amma indaastirii bu'aa guddaa argamsiisu ta'eera.

  9. Niwukasil moo Tootenhaam? Eenyu mo'ata?

    Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz turban 14 Kibxataa, Roobii fi Kamisa akka gaggeeffamaniif sagantaan baheeraaf.

    Taphni Niwukasil fi Tootenhaam, akkasumas Liiverpuul fi Sanderlaand taasisan warra eegaman keessaati.

    Xiinxalaan kubbaa miilaa KiriisSuutan taphoota turban walakkessarra gaggeeffamu kana tilmaameera.

    Isaan keessaa warra har’a taphataman sadan akkasiin kaa’e:

    Barnimaawoz 2 – 1 Everten

    Fuulhaam 0 -2 Maanchester Siiti

    Niwukasil 2- 0 Tootenhaam

    Jechuun tilmaameera. Isin itti waliigaltuu?

  10. Dursaa taphattootaa cimaa BBC Ispoort torban kanaa Buruunoo Fernaandez

    Buruunoo Fernaandez bara kana bakka filannoo isaa tahe irra taphachuu baatus taphataan haga isaa carraa galchii uumeeru Pirimer Liigii keessa hin jiru.

    Doorguun sadarkaa lammaffaa irra jira. Warra kanaaniin yoo xiqqaate carraa galchii tahuu malan garuu kaan isaanii osoo hin lakkaa'amiin hafan kudhanii ol uumeera.

    Tapha Kiristaal Paalaasiin mo'atan irrattis kubba inni Maawontiif kennetu galchii tahe.

    Buruunoon taphattoota BBC Ispoort torban torbaniin filatu 11 keessaa dursaa tahee filameera.

    Ittisa irratti K. Paalaas irraa Muunoz, Liiverpuul irraa Vaan Daayikii fi Cheelsii irraa Chaalobaa filame.

    Sarara gidduu irra ammoo Buruunoo Fernaandez, Boornimooz irraa Aantonii Semenyoo, Nootingiham Foorest irraa Eliyot Andersan, Arsenaal irraa Meerinoo fi Niwkasil irraa barnes filamaniiru.

    Sarara duraa Haalaandii fi Isaak filaman. Buruunoon dursaa isaanii tahee filame.

    Seenaa Maanchsiter Yuunaayitid keessattis kubba galchii tahu mijeessee kennuun sadarkaa shanaffaa irra galeera.

  11. Liyonel Meesii caalaa taphataan tokkollee waancaa hin mo'anne

    Seenaama kubba miilaa keessatti Liyonel Meesii caalaa taphataan tokkollee waancaa mo'atee hin beeku.

    Baarseloonaatti kan jalqabee addunyaa abuura Meesiin Laaliigaa, Shaampiyoonsi Liigii, Ispaanish Suupper Kaappii dabalatee waancaa hunda kilebicha waliin mo'ateera.

    PSG waliin Liig 1 mo'ateera. Biyya isaa Arjeentiinaa waliin Waancaa Addunyaa fi Kooppaa Ameerikaa mo'ateera.

    Inter Miyaamii yeroo jalqabaaf akka waancaa mo'atu taasiseera.

    Walumaagala waancaa 47 mo'ate,. Badhaasota Ballon d'Or saddet mo'ateera.

    Roonaaldoon taphataan ana fakkaatu, ana gitu addunyaarra hin jiru jechaa ture. Mesiin waa'ee mataa isaa dubbatee hin beeku.

    Roonaaldoon dandeettiinis tahu miidhaginaan ani nama 'mudaa hin qabne' jedhe. Waancaa Addunyaa biyya isaa wlaiin hin mo'anne.

    Waliigalaan waancaa 36 mo'ateera.

  12. Maanchister Siitiin carraa waancaa Piriimer Liigii mo’achuu %11.43 qaba- Optaa

    Optaan raaga bara kana kenneen Arsenaal Maanchister Siitiidhaan qabxii 11’n caalee xumura jedhe.

    Itti waliigaltuu? Amma garaagarummaan isaanii qabxii shan qofa. Arsenaal waggoota lamaa fi sadan darban dorgomaa cimaa tahuun xumure. Garuu dhumarra gahee qabxii gataa deemuun waancaa isaan dhabsiiseera.

    Arteettaan tapha caalee taphatees tahu caalames qabxii sadii argachuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

    Kanaaf ammoo agarsiiftuun galchii tapha banaa irraa argame caalaa kubba dhaabbate ykn koornerii irraa galchiin lakkoofsisan akka Awurooppaatti isa ol aanaa tahuu isaati.

    Arteettaan boru tapha baay’ee murteessaa waan qabnuuf deeggartoonni keenya gootummaan nu deeggaruu qabdu jedhe.

    Imireetis irratti miira adda tahe barbaanna kan jedhe Arteettaan taphattoonni isaa miidhama irra turan deebi’aa waan jiruuf filannoo akka qabus ibseera.

  13. Mikeel Arteettaan Saaliibaa, Magaaleshii fi Kaayi yoom akka deebi'an hime

    Wiiliyaam Saalibaa deebi’uuf guyyoota qubaan lakkaa’amantu hafe.

    Tiroosaadis akkasuma jedhe leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan.

    Kaayi Haavert ammoo ‘’aduu torbanootaatu hafe’’ jedhan. Akkasuma Gabri’eel Maagalesh amma kan deebi’u miti.

    Torbanootaaf akka hin taphanne kan hime Arteettaan taphattoonni qaban furmaata fiduu fi qaawwa kana guutuuf waan hojjechaa jiran raajeffateera.

    Milkaa’ina haga ammaa jiruuf ‘’miidhama mudate keessatti kutannoo fi kaka’umsa taphattoonni keenya qabanidha jedhe.

    Arsenaal erga Hagayya 31 as tapha tokkoyyuu hin mo’amne ture. Haa tahu malee, taphoota Piriimer Ligii sadan darban keessaa lama irratti qabxii gataniiru.

    Har’a Maanchister Siitiin yoo Fuulham mo’ate garaagarummaan qabxii isaan gidduu qabxii lama taha. Kun Arsenaal irratti dhiibbaa dabala.

    Optan garuu barana Arsenaal carraa waancaa injifachuu %78.6 qaba jedheera.

  14. Arnee Isloot Mohaammad Saalaa taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uu irratti yaada kennan

    Arne Isloot tapha sanderlaand waliin qaban dursuun ibsa kennanniiru. Mohaammad Saalaa irraa jalqaban.

    Taphataan akka Mohaammad Saalaa gahumsa qabu taphachuu dhabuu isaatti mufachuun waanuma jirudha.

    Moo Saalaan kileba kanaaf waan guddaa gumaacheera. Fuuldurattis ni gumaacha jedhe.

    Amala inni agarsiise kun waanuma taphataa pirofeeshinaalaa tokko irraa eegamudha. Moo Saalaan taphataa naamusa addaa qabudha jedhe Arnee Isloot.

    Moo Saalaa Mudde 15 Waancaa Afrikaa irratti biuua isaa Masiriif taphachuuf akka deemu Isloot himan.

    Moo Saalaa malee akkamiin akka taphachuu qabnu furmaata barbaaduu qabna kan jedhe Isloot yoo biyyi isaa waancaaf dhaqabde hanga taphoota jahaa ol dhabuu danda’a.