Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Puutin karoora nagaa Yukireen irratti ergamaa addaa US waliin Kireemiliinitti mariyachaa jira

Pirezidant Vilaadmiir Puutin karoora Yukireen waliin nagaa buusuuf dhiyaaterratti ergamaa addaa US Istiiv Witkoof fi miseensota jila kanaa kaan waliin Kireemiliinitti mariyachaa jira.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri Raayyaa Ittisaa Naayijeeriyaa aangoo gadhiisan

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Naajeeriyaa, Mohaammad Badaruu Abubakar, sababii fayyaatiin battalumatti aangoosaanii gadhiisuusaanii waajjirri pirezidantiin beeksise.

    Aangoo gadhiisuun gaheessa ganna 63 kanaas kan yeroo qormaanni nageenyaa guutuu Naajeeriyaa keessatti cimeen kan walirra oolee yoo ta'u, mootummaan gocha jumlaan nama butuu butuu biyyattii keessatti hedduumateen to'achuuf dhiibbaa jala galaa jira.

    Torban darbe Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa, walakkeessa baatii Adoolessaarraa eegalee yoo xiqqaate namoonni 402, kan irra caalaan isaanii ijoollee mana-barumsaa keessa turan, butamuusaanii gabaasee ture.

    Taatee nageenya dhabuu dhiheenya biyyattii keessatti mul'ateen, namoonni qawwee hidhatan Wiixata darbe sakatta'insa garaa garaa lama kaaba biyyattii keessatti raawwataniin, paastarii Kiristaanaa, misirroo Musliimaa fi addooyyeewan ishee dabalatee, yoo xiqqaate namoota 20 butataniiru.

  2. Finfinneetti namichi haadha warraafi ollaasaa ajjeesuun miliqe to'atame

    Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee keessatti shakkamaan haadha warraa fi ollaasaa ajjeessuun miliqee ture to'atamee qorannoon eegaluu Poolisiin magaalaattii beeksiise.

    Ajjeechaan jedhame kunis aanaa 06 bakka addaa naannoo kibabii bashannannaa ganda 23 jedhamuutti ture.

    Shakkamaan maqaansaa Issuu Yaawuqaal Biyaaziin jedhamu haadha warraasaa Aaddee Hamalmaal Alamnaw waliin gaa'ila erga dhaabbatanii baatii afur yoo ta'u, dhiira biraa waliin jaalala eegaltee bbilbilaaf jirta jechuun shakkaa turuu ibse poolisiin.

    Shakkamaan kun ALI Sadaasa 4, 2018 guyyaa keessaa sa'aatii 4 irratti morma haadha warrasaa hudhuun erga ajjeesseen booda mana itti cufee naannichaa miliquu ibse poolisiin.

    Guyyaa tokkoon booda A L I Sadaasa 5 bara 2028 ammoo shakkamaan kun mooraa manichaatti deebi'uun abbaa ijoollee lamaa kan ta'an Obbo Warquu Baqqalaa rasaasa saddeet itti dhukaasuun ajjeessuun deebi'ee naannichaa baqachuu hima ibsi kun.

    Erga Obbo Warquun rasaasaan ajjeeffamu ilaalchisee odeeffannoon poolisii magaalichaa qaqqabeen booda, gareen qorannoo yekkaa naannichatti argamee odeeffannoo walitti qabachuuf mana jireenyaa shakkamaa keessa namni jiraachuufi dhiisuu adda baasuuf wayita yaalaniitti reeffi Aaddee Hamalmaal mana keessatti argame.

    Isaan boodas poolsiin hordoffii cimaa taasiseen shakkamaan kun Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, magaala Molaaleetti mana siree keessa dhokateetti shuguxii ittiin yakkicha raawwateefi rasaasa 23 waliin to'annoo jala oolfamuu ibse poolisiin ibsasaa kanaan.

    Haatii warraa miidhamaa Obbo Warquu Baqqalaa Aaddee Addis Asaffaa fi abbaan miidhamaa Obbo Baqqalaa Alii shakkamaan to'annoo jala oolfamusaafi dhiigni miidhamaa lafatti waan hin hafneef boqannaan itti dhagahamu ibsaniiru.

    Shakkamaanis yakkicha haala itti raawwate geessee agarsiisuun kan ibsame yoo ta'u, qaamoolee adeemsa to'annoo shakkamaa kana keessatti gahee bahan hunda poolisiin Magaala Finfinnee galateeffateera.

  3. Puutin '' Awurooppaa waliin wal loluuf fedhii hin qabnu, garuu yoo barbaadan qophiidha'' jedhan

    Puutin marii Ameerikaan Moskootti taasiftuun dura Raashiyaan Awurooppaa waliin waraana hin barbaaddu garuu yoo isaan barbaadan'loluuf qophiidha' jedhan

    Ammatti Moskootti sa'aatiin 12 darbee jira, garuu Putiinii fi Wiitkoof ammallee wal hin argamne. Hanga sa'aa muraasaan duratti Putiin magaalaa guddoo biyyattii keessatti bakka ta'eetti waltajjii invastimantii irratti haasaa taasisaa kan turan yoo ta'u, qaala'iinsa jireenyaa fi damee baankii Raashiyaa irratti mari'atamaa turan.

    Haasaa taasisaa ture erga xumuraniin boodas osoo kutaa keessa gaaffii tokkollee hin fudhatiin bahan. Garuu osoo kutaa keessaa bahaa jiranu gaazexeessitoota kutaa seensaa giddugala daldalaa keessatti walitti qabaman waliin dubbatanii ture.

    Marii nagaa Yukireen irratti gaggeeffamu keessatti hirmaannaa Awurooppaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef, Awurooppaan ''qubsuma Awurooppaa keessaa of baafteetti'' jechuun, lammiileen Awurooppaa ''ajandaa nagaa hin qaban'' jechuun qeeqaniiru. Sirriiyyuu tattaaffii US waldhabdee kana furuuf gootu gufachiiseera jedhan.

    Akkasumas, gaaffiin Awurooppaan waraanni kun akka xumuramuuf dhiheessan Raashiyaa biratti ''fudhatama hin qabu'' jedheeniiru Putiin.

    Itti dabaluudhaan, "Awurooppaa waliin wal loluuf hin deemnu, garuu biyyoon Awurooppaan nu waliin loluu yoo barbaaddan yeroo ammaa kana qophiidha" jedhan.

    Biyyoota Awurooppaa miichuu Kiiv ta'an minjaala marii irratti teessoo argachuuf dhiibaa taasisaa kan turan yoo ta'u, keessumaa Yukireen lammata akka haleellaa jala hin galleef wabii nageenyaa gargaaru irratti cichanii turan.

  4. Zelensikiin 'amma yeroo kamiyyuu caalaa carraan waraana xumuruu jira' jedhan

    Zelensikiin 'amma yeroo kamiyyuu caalaa carraan waraana xumuruu jira' jedhan wayita ergamaan Tiraamp Puutiin waliin wal argan

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii fi Ministir Mummeen Irish, Mikaa'el Maartiin ibsa waloo waliin gaazexessitootaaf kennanii ture.

    Ibsa kennan keessaa wantoonni ijoon dubbatan:

    Mikaa'el Maartiin Putiin seera idil-addunyaaf ''guutumaan guututti dhimmamuu dhabuusaa'' balaaleffachuun, pirezidantiin Raashiyaa ''gonkumaa akka milkaa'uuf hayyamammuu hin qabu'' jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, har'a Yukireen waliin waliigaltee walta'insaa mallatteessuun deeggarsa maallaqaa biyyattiif Yuuroo miiliyoona 125 (£110m) akka dabalu dubbataniiru.

    Zelensikiin ammoo ''carraa waraana kana xumuruu'' akka mul'atu kaasuun garuu wantoonni ''ammallee hojjetamuu qaban'' muraasni akka jiran dubbatan.

    Akkasumas Pirezidantiin Yukireen kun, haala qabeenya Raashiyaa jalaa fudhatame fayyadamuu irrattis Maartiin waliin mari'achuu isaanii ibsuun, waraana Yukireenii fi tattaaffii deebisanii ijaaruu deeggaruuf itti fayyadamuuf "yeroon isaa amma" jedhan. Maatiinis yaadamu kana deeggaraniiru.

    Marii Ameerikaa fi Raashiyaa har'a ta'aa jiru ilaalchisee, Zelensikiin walgahii booda US gabaasa akka isaaf dhiyeessituu eegaa akka jiran dubbataniiru. Kana irratti hundaa'uun ammoo tarkaanfiin gara fuula duraatti nagaa tarkaanfachiisuuf akka fudhatamu eegama.

    Itti dabaliuunis Zeleniskiin ergamaa Ameerikaa Istivan Wiitiikoof waliin kaleessa mara'ataniiru. Yeroo ammaatti danqaan guddaan jiru dhimma daangaafi maallaqaatii jedhan qabeenyaa Raashiyaa jalaa qabamee ilaalchiisuudhaan.

  5. Maallaqni ummataa Miniisotaarraa Alshabaabiif ergamaa jira jechuun mootummaan Ameerikaa qorannoo eegale

    Mootummaan Ameerikaa maallaqni ummataa bulchiinsa Miniisootaa irraa garee hidhattoota Somaaliyaa kan ta'e Alshabaabiif darba jechuun himannaa dhiyaate irratti qorannoo eegaluu beeksiise.

    Ministirri Maallaqa Ameerikaa akka beeksiiseetti, maallaqni ummataa bulchiinsa Miinisootaa irraa ergamu gara garee hidhaataa kanatti darbuusaa qorannoo eegaleera.

    Waajjiriichi ibsa barreeffamaa toora X isaa irratti maxxanseen, qorannichi kan eegalamee akkaataadhuma ajaja pirezidanti Tiraamp kennaniin.

    Pirezidantiin duraanii Joo Baayidan fi bulchaan isteetichaa Tiim Waalziin ''qaawwa hojimaataa'' uumuudhaan himatamaniiru.

    Ministerri Maallaqaa Ameerikaa qorannicha wayita xumuruutti arganoosaa ifa akka taasisuu beeksiiseera.

    Tiraamp guyyaa lamaan dura gabaasa miidiyaa Ameerikaa warra aada durii leellisanii 'Jast Za Niiwus' baasee miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodanii ture.

    Gabaasichis, Sagantaalee Liibiraal raawwachiisuuf Miinisootaatti saamicha baqattoota Somaalotaatiin raawwatame Paartii Dimokiraatotaatiin fashalaa'eera'' jedha.

    Maallaqni saamames gara Keeniyaafi Somaaliyaa akka ergamee fi kunis garee Alqaa'idaa waliin hidhata qabu Alshabaabi akka qaqabe gabaasichi kaaseera.

    Gabaasni kunis namni aanga'aan maqaansaanii hin eeramne tokko kongarasii keessaa yaada kennuufii kaaseera.

    Bulchiinsi Tiraamp Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan dabalatee lammiilee biyyoya 19 irratti hayyamni jireenyaafi hojii isaanii irratti qorannoon akka gaggeeffamu guyyootaan dura beeksiise ture.

    Hogganaan waajira lammummaafi Tajaajila Immigireshinii, Jooseef Edolowu akka jedhaniitti, Tiraamp ''baqattoonni biyyoota yaaddeessoo ta'an irraa dhufan hundi hayyamni hojiifi hojiisaanii irratti qorannoon akka gaggeeffamuufi cimsamee irra deebiin akka ilaalamuuf'' qajeelfamni kennameera.

    Ertiraa, Somaaliyaa, Sudaan, Liibiyaa, DR Koongoo, Afgaanistaan, Yeman, Kuubaa, Heeyitii, Iraan fi Venzuweelaan tarree keessatti hammatamaniiru.

  6. Qoratoonni reeffa dubartii Ertiraa citaan harkashee daandii Jarman irraa argamee ture argatan

    Qoratoonni reeffa dubartii Ertiraa kanaan dura citaan harkashee daandii Jarman irraa argamee ture argatan.

    Citaan harka ishee Jarman daandii guddaa A45 irratti erga argamee torban lama booda, qorattoonni Rhineland-Palatinate qaama dubarii lammii Ertiraadha jedhamtee biraa arguu poolisiin hime.

    Akka miidiyaaleen Awurooppaa gabaasanitti, abbaan warraa dubartii umuriin ishe waggaa 32 ta'e kanaa kan to'atame yoo ta'u, reeffi amma argame kun kan harka hin qabnedha.

    Kana jechuun citaan harkaa kanaan dura daandii gubbaatti argame kan dubartii kanaa ta'uu isaati.

    Abbaan warraa dubartii kanaa umuriin isaa waggaa 42 ta'e osoo waan dubartii kana mudate ilaalchisee ragaa akka kennuuf wayita barbaadamaa jirutti biyya alaatti argame akka gabaasaaleen agariisanitti.

    Biyya kam keessatti akka to'atae garuu hin ibsamne.

    Taatee kanaan walqabatee wanti gaddisiisaan jiru, daa'imni ji'a sadii kan dubartii kanaati jedhamte guyyaa harki citaan daandiirraa argame dursee daandiirratti lubbuun argamuu ture.

    Qorannoon akka agarsiisutti dubartiin harki citee booda reeffi harka hin qabne argame kanaa bakka turtii kolu-galtootaaf Boon, Jarman keessatti qophaa'ee keessa turte.

    Ashaaaraan quba harkaa kaa'ame eenyummaa dubartii kanaa adda baasuuf gargaareera.

    Yakka kana duuba maaltu akka jiru ammallee ifa miti.

    Abbaan manaa dubartii kanaas lammii Eritraa akka ture himameera.

  7. Puutin fi ergamaan Tiraamp marii waraana Yukireenirratti taasisaniif Mooskootti walga'uuf

    Pirezidantiin Raahsiyaa vilaadmiir Puutin Kibxata har'a ergama addaa US Istiiv Witkoof waliin Mooskootti wal arguuf.

    Kun ammoo erga Waayit Haawus waraana Yukireen dhaabsisuudhaaf waliigalteerra ni ga'ama "abdiin jedhu jira" jechuun boodadha.

    Gorsaa dippilomaasii alaa akka ta'etti hojjechaa kan jiru soddaan (kan intala isaa fuudhu) pirezidant Tiraamp Jaared Kushneris kanarratti ni hirmaata jedhamee eegama.

    Walga'iin Mooskoo kun kora Filooriidaa, Ameerikaatti Yukireeniifi aanga'oota US waliin guyyoota lamaaf taasifameen boodadha. Waga'ii Filooriidaa turerratti Witkoof fi Kushner karoora nagaa US baaste caalaa Raashiyaaf looga jedhame ilaaluun ture akka fooyyaa'u kan taasisan.

    Pirezidantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin marii ture kana "kan ijaarudha" jechuun garuu ammallee "dubbiin jajjabduu ammallee irratti hojjechuu feesisu jira," jedhe.

  8. Marii Raashiyaa waliin taasifamu keessatti dhimmi daangaa Yukireen hunda caalaa ulfaataadha -Zeleniskii

    Pirezidant Zeleniskii waraana Raashiyaa waliinii dhaabuudhaaf dhimmi Yukireen dusa kennituuf walabummaa biyyattiifi wabii nageenyaa mirkaneessuu ta’uu dubbate.

    “Dhimmi daangaa hunda caalaa ulfaataadha,” jedhe Zeleniskiin yeroo Raashiyaan Yukireen daangaashee gama baha naannoo Donbaas amma to’attee jirtu akka dabarsitee kennituuf gaafachaa jirtutti. Kiiv garuu kun gonkumaa waan hin yaadmanedha jetti.

    Zeleniskiin kana kan jedhe yeroo pirezidantii Faransaay Emaanu’eel Maakiroon waliin Paarisitti wal argettidha. Wayituma Maakiroon waliin wal argatte, Zeleniskiin kan UK, Jarmanii, Polaand fi Xaaliyaan dabalatee hoggantoota Awurooppaa arguun waamicha akka bira dhaabbataniif taasiseera.

    Gareen Yukireen fi US irraa ta’e ammoo walga’ii guyyoota lamaaf Filooriidaatti gaggeessa ture kan xumure yoo ta’u, karoora nagaa kanaan dura Raashiyaaf looga jedhame keessa deebiyanii ilaalaniiru.

  9. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Oduu kallattiin isini biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu waliin turaa.

    Galatoomaa!