Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mariin waraana Yukireen dhaabsisuu haala gaariin deemaa jira garuu hojii caalu gaafata - US

Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo waraana Rashiyaa-Yukireen dhaabsisuuf mariin Yukireen waliin taasifamu gaarii ture, garuu "hojiin dabalataa hojjetamuu qabu" jira jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US dooniiwwan waraanaa gara daangaa Kaarabiyaanii siiqsaa jiraachuu suuraan saatalaayitii mirkaneesse

    Ameerikaa fi Veenizuweelaa gidduutti yeroo muddamni hammaachaa jirutti, suuraa saatalaayitii fayyadamuun dooniiwwan waraanaa Ameerikaa gara daangaa Kaarabiyaanii dhihaachaa akka jiran mirkaneessuun danda'ameera.

    Marsariitiiwwan sochii dooniiwwanii hordofan yeroo garii iddoo dooniwwan kunneen jiran agarsiisu.

    Haa tahu malee dooniiwwan kunneen iddoo jiran kallattiin waan hin gabaasneef odeeffannoo kana guutummaan amanuun rakkisaa dha.

    Garuu xiinxalli suuraalee saatalayitii meeshaalee waraanaa ja'a torbee darberraa qabee adda baaseera.

    Dooniin inni jalqabaa USS Gerald R Ford gaafa Sadaasa 27, Dominikaan Rippaabliik irraa km120 fagaatee mul'ate,kunis Veenizuweelaa irraa km700 qofa fagaata.

    Kanaan dura kibba Poortoo Rikoo irraa km200 fagaate mul'ate- as daangaa US'tti aanutti dhihoo kana waraanni Ameerikaa achitti kurfaa'aa jira.

    Xiinxalli BBC akka agarsiisutti dooniiwwan achitti ramadaman iddoo isaaniirraa kan socho'an faa'a jiru. Gariin gara buufata doonii waraanaa Ameerikaatti deebi'an.

    Dooniiwwan kunneen maaliif sochii akkasi akka taasisani beekamuu baatus dhiyeessii isaan barbaachisu guuttachuuf tahu mala.

  2. Singaapoor namoota qoricha sammuu hadoochu 'qabachuun' balleessaa jette du'aan adabde

    Singaapoor namoota yakka qoricha sammuu hadoochuun wal-qabatee balleessaan itti murame sadii du'aan adabdeetti.

    Kunis bara 2003 namooti lakkoofsa olaanaa du'aan adabamanirraa kaasee walumaagala hamma yoonaa namoonni 17 haala wal-fakkaataan adabamaniiru.

    Murtoon kuni kan dhagahame namoonni yakka qoricha sammuu namaa hadoochuun balleessaa jedhaman du'aan adabamuu hin qaban jechuun falmiin heeraa yeroo adeemsifamaa jirutti dha.

    Singaapoor seera farra qoricha sammuu hadoochu isa cimaa addanyaa kanaa qabdi.

    Hawaasni idl-addunyaa adabbiin kuni seera idl-addunyaa faalleessa jechuun qeeqanillee qondaaloti biyyattii adabbiin du'aa kuni Singaapoor biyyoota addunyaa nageenya qaban keessaa akka taatu godheera jedhan.

  3. 'Viidiyoo saal-quunnamtiif' jecha kaameraan manneen 120,000 'hack' godhame

    Kooriyaa Kibbaatti kaameraa namoonni eegumsa mana isaaniif jecha keenyan irra faannisan 120,000 'hack' gochuun namoonni shakkaman afur to'annoo jala oolaniiru.

    Shakkamtoonni kunneen viidiyoo kaameraawwan kunneen irraa argatan fayyadamuun qabiyyee 'saal-quunnamtii'' marsariitiiwwan biyya alaaf hojjetu.

    Poolisiin shakkamtoota to'annoo jala oolche kunneen paaswoordii dadhabaa fayyadamuun viidiyoo kaameraawwan 'IP' jedhaman kunneenii seeraan ala fudhatan jedhe.

    Gosti kaameeraa IP jedhamu intarneetii manaa wajjin wal-qabachuun yeroo baayyee eegumsa ijooolleefi bineeldota manaa saree fa'i eeguuf kaa'ama.

    Mana jireenyaa namootaa, kilinikoota haadholii ulfaa, kutaa ispoortii keessatti shaakalan keessatti kaameraawwan viidiyoo waraaban 'hack' godhamaniiru.

  4. Lakkoofsi namoota lolaa Indooneezhiyaan du'anii 500 darbe

    Lolaa torban darbe Indooneezhiyaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 500 caale.

    Namoonni biroo 500 ta'an dhabamaniiru, kumaatamaan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru.

    Namoonni hojii baraarsaa hojjetan naannoo balaa kanaan miidhaman bira ga'uuf rakkachaa jiru.

    Lolaan obomboleettii baay’ee hin eegamneen uumame kun naannolee sadii rukkutuun namoota gara miliyoona 1.4 ta’an miidhuu mootummaan ibse.

    Indooneezhiyaa dabalatee biyyoota Eeshiyaa kanneen akka Taayilaandi, Maaleeziyaa, fi Siriilaankaa keessatti lolaan akkanuma miidhaa geesisaa jira.

  5. Hidhattoonni paastariifi misirroo dabalatee namoota 20 butan

    Naayijeeriyaatti paastariifi misirroo dabalatee haleellaa marsaa lamaan raawwateen hidhattoonni namoota 20 butaniiru.

    Hidhattoonni kunneen waldaa Kiristaanaa Cheerbim fi Seeraafiim haaraa hundeeffame bulchiinsa Koogii keessatti haleelan.

    Dhukaasa banuun amantoota room'isiisuun booda paastariifi haadha warraasaa akkasumas waaqeffattoota kaan butuun fudhataniiru.

    Haleellaa bulchiinsa Sokootoo jedhamu keessatti raawwateen ammoo misirroo fi minzooliin ishee kanneen butaman keessaati. Daa'ima, haadha daa'imaafi dubartiin biraa fudhatamuus AFP'n gabaaseera.

    Haleellaa boodana kaabaafi gidduugala Naayijeeriyaa keessatti hammaateen manneen barnootaafi dhaaboti amantii irratti xiyyeefatamaa jira.

  6. Waldhabdee Chaayinaa-Jaappaan hordofee weellistoonni akka Chaayinaatti hin sirbine dhorkamaa jiru

    Sagantaleen muuziqaa Jaappan hedduun Chaayinaa keessatti haqamaa jiru.

    Artistoonni osoo sirbaa jiranii fa’I gidduuti dhaabamuun deeggartoota biratti qeeqa kaaseera.

    Fakkeenyaa weellisaan Jaappan beekamaan Makii Otusukiin Jimaata osoo sirbuu ibsaan fi muuziqaan irraa cufame.

    Namoonni ishee waliin turan lama gargaaranii waltajjiiraa buusan.

    Sambata darbe, weellistuun biraa Ayumii Hamasaakii istaadiyeemii duwwaa teessoo 14,000 qabu keessatti sirbite.

    Kunis erga qindeessitoonni konsartii ishee Shaangaayitti ta’uuf ture haqan.

    Tarkaanfiin kun tuffii hamtuu jedhu qeeqtonni.

    Rakkoon weellistoota mudachaa jirtu kun waldhibdee dippilomaasii irraa madda.

    Dhiheenna kana muummicha ministeera Jaappan Sanayee Takaichii waa’ee Taayiwaan irratti dubachuun baay’ee Chaayinaa aarse.

    Chaayinaa qeequun kan beekamu muummicha ministeera Jaappan, yoo Beejiing Taayiwaan haleelte biyyisaa tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka dandeessu yaada dhiheesse.

    Beejiing Taayiwaan kan ofiin of bulchu akka qaama naannoo isheetti ilaalti, humna fayyadamuu "ofitti akka deebistu" dubbateetti.

    Deeggartoonni Otusukii taatee kana kan bara 2022 walgahii paartii komunistii irratti hogganaa duraanii Chaayinaa mudateen wal fakkeessan.

    Huu jintaoo osoo walgahii hirmaachaa jiruu haala nama ajaa’ibuun walgicharraa ari’ame ture.

    Miidiyaa hawaasaa irratti, namoonni baay’ee mootummaa Chaayinaa qeeqaa jira. Jaappaan qoqqobbii irra kaa'uuf jechaa ummannishee aadaa isaanitti akka hin gammanne dhorkan jedhu.

    "Eeboo gara lammiilee ofiitti jijjiiruun maal bu'aa qaba?" jedha barreeffamni afaan Jaappaaniin X irratti barreeffame.

    Jaappaanitti ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’e Joorji Gilaas, "Namoonni humni muuziqaa itti dhaga'amuu hin dandeenye jiraachuun isaanii dhuguma nama gaddisiisa," jechuun X keessatti barreesse.

    Achumaan weellistoota kana jajjabeessudhaan, “Makii-saan, amanuu hin dhiisin—wanta amantuutti cichi,” jedhee barreesse.

    Haata'u malee, taatee kun miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa irrattis miira sabboonummaa kakkaase.

    Osoo rakkoon dippilomaasii jiruu maaliif sagantaan isaanii akka hayyamame gaafataniiru.

    “Yeroo Chaayinaan guutuun Jaappaanitti aartee jirtu kanaatti akkamitti sagantichi itti fufuu danda'a ture?" jechuun barreessan.

  7. Abbaan warraafi haati-warraa kaameraa dhoksaa fayyadamuun qumaara $800,000tti siqu mo'achuun himataman

    Abbaan warraa fi haati warraa Kaazaakistaan ​​irraa dhufan qumaara Awustiraaliyaa keessatti kaameraa dhoksaa fayyadamuun gara doolaara Awustiraaliyaa miliyoona 1.2 (doolaara 784,000) sobaan mo'achuun himatamaniiru.

    Hojjettoonni qumaara (kasinoo) kaameraa xinnoo uffata isaaniirraa jiru arginaan poolisii waaman.

    Poolisiin isaan sakatta'ee "kaameraa xinnoo maagneetii qabu" fi daawwitii bilbila isaanitti hidhame argan. Kanaan taphicha hataa turan.

    Lamaan isaaniiyyuu faayidaa maallaqaa karaa sobaan argachuudhaan himatamanii to'annoo jala oolaniiru.

    Akka poolisiin Niiwu Saawuz Weels jedhetti, jarii kunneen Onkoloolessa keessa Kaazaakistaan ​​irraa Siidnii dhufan. Guyyuma dhufan san miseensaa qumaara kanaa ta’uuf gaafatanii argatan.

    Torban itti aanan, si’a hedduu bakka qumaara kanaa dhufanii taphachuun walumaa galatti doolaara Awustiraaliyaa miliyoona 1.2 injifatan.

    Kunis hojjettoota qumaaraa (kaasinoo) shakkisiisudhaan, isaanis itti dhiheenyan hordofanii Kamisa darbe qabaman.

  8. Netaaniyaahuun dhiifamni akka taasifamuuf pirezidantii Israa'eliif gaaffii dhiyeesse

    Gocha malaammaltummaa sadiin himannaan kan irratti banameeru ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu, pirezidantiin biyyattii Ayizaak Heerzong dhiifama akka godhuuf gaafate.

    Herzoong gaaffii "akka dhimma guddaatti ilaalamu" kana osoo hin ilaaliin dura qaamolee haqaarraa yaada akka fudhatu waajirri pirezidantii dubbateera.

    Netaaniyaahuun waggoota shanan darban keessa malaammaltummaan, gocha walii dhahuutiin, akkasumas himatawwan gara garaa irratti amantaa cabsuun himanni irratti banamee ture. Netaaniyaahun garuu himannaawwan isarratti dhiyaate kanneen waakkachuu ibsuun falmachaa jira.

    Ministirri muummee kun ergaa viidiyootiin dabarseen adeemsa mana murtii hanga dhumaatti ilaaluu kan filatu ta'ulleen, fedhiin biyya agaruu "faallaa kanaatiin kan barbaadamudha," jedheera.

    Bakka buutonni paartii mormitootaa garuu dhiifama gaafachuu isaatiin dura balleessaa isaa amanuu qaba jechuun dubbataniiru.

    Ji'a darbe gara jalqabaa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Herzoog Netaniyaahuuf guutummaan guutuutti dhiifama akka godhuuf gaafatee ture.

    Yeroo sanatti namni kamiyyu dhiifamni akka taasifamuuf barbaadu gaaffii isaa karaa idileefi sirnaan dhiyeefachuu akka qabu dubbatee ture.

  9. Areeroo Boosaroo: Raagni Booranaa maqaan isaa leellifamu nama akkamii ture?

    Booranni maqaa isaa lafa hin kaawu. Barri inni jiraatee darbe jedhamu jaarraa tokkoo fi walakkaa caalus Booranni har'as qixxeedhuma nama lubbuun jiruu tokkootti waayee isaa dubbata.

    Raagawwan inni himee darbe jedhamu ijoollee hanga manguddoo sammuu keessaa walaleessu.

    Areeroo Boosaroo waggaa 150 dura waa'ee tokkummaa Oromoo, waraana, rakkina, xiyyaara, diroonii fi kaan raageera jedhama. Maal jedhee ture? Maaltu raawwate? Maaltu ammoo hafe?

    Raagni Areero Boosaroo akkan jedhee ture, akkas jedhee ture, waan inni jedhe keessa kun yeroo akkasii ta'ee ture, kun yeroo akkanaa raawwatamee ture, raagni akkasii immoo fuuldura waan ta'uuf ganaa karaarra jiru jechuun dubbatu.

    Raaga isaati jedhamanii bifa walalootiin himaman kanneenis hiika isaa waliin walii dabarsuun Boorana keessatti beekamaa dha.

    Areero Boosaroo akka nama jiraatetuma darbee tokkootti qofa osoo hin taane akka nama Raagni isaa lafa hin buunetti, nama Waaqni itti dubbachaa tureetti waayeen isaa himama.

  10. Indooneezhiyaatti lolaan hamaan namoota 440 ajjeesee miliyoonaan kan lakkaa’aman buqqise

    Lolaa hamaa Indooneezhiyaa mudateen namoonni 440 ol du'anii, dhibbaan kan lakkaa'aman madaa'aniiru.

    Namoonni hedduun hanga ammaa hin argame, dhoqqee jalatti awwaalaman sodaa jedhuutu jira.

    Roobni cimaan jalqaba torbe darbe eegale hanga ammaa balaa geesisaa jira.

    Odoolaa Sumaatraa bakka namoonni kumaatamaan lakkaa'aman naannoo kaan irraa kutamanii dhiyeessii barbaachiisaa malee hafan bira ga'uuf namoonni hojii baraarsaa hojjetan tattaffachaa jiru

    Obomboleettiin tiroopikaalaa baay’ee hin argamne kan Senyaar jedhamu, Indooneezhiyaa keessatti sigiga lafaa fi lolaa balaa guddaa uumeera.

    Manneen hedduun lolaan fudhatamanii gamoo kumaatamaan lakkaa'aman liqimfame

    Roobni fi obomboleettiin cimaan kutaalee Taayilaand, Maaleeziyaa, Filiippiinsii fi Siriilaankaa barbadeesseera.

    Ji’a Sadaasaa qofa Eeshiyaatti keessatti namoonni 900 du’anii, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman miidhamaniiru.

  11. Arsenaal dirree Chelsiirratti maal barate? Jalqabni Liiverpuul Saalaah malee maal fakkaata?

    Arsenaal torban tokko keessatti taphoota ciccimoo: Tootenhaam, Baaye Muniik fi Chelsii keessatti taphatee humna fixatee baayyee qorameera. Ta'us taphoota sadan kana keessaa lama mo'atee tokko wal qixa bahuun isaa waanuma gaarii akka ta'etti ilaalama. Hata'u malee, Arsenaal kana caalaa waan gaarii hojjechuu ni danda'u ture.

    Darbii Landan torban darbe masaanuu isaa ta'e Tootenhaam waliin taphatee ga'umsa ajaa'ibaan moate Arsenaal. Guyyaa lama qofa boqatee booda ammoo Roobii kilaba guddaa Awurooppaa bara kana tapha tokkollee hin mo'amne Baayer Muniikiinis adabeera Arsnaal. Taphoota ciccimoo kanaan booda gara dirree Chelsii deemee darbii biraa morkachuun hangam rakkisaa akka ta'e tilmaamuun garuu nama hin rakkisu.

    Cittoorratti fanxoo kan itti ta'e ammoo qophiif osoo shaakalaa jiranii taphataan sarara ittisaa jabaa Wiliyaam Saliibaan jala amiidhameera. Kun ammoo qaawwa Gabreel Magaalesh duraan miidhamee jirurratti dabalamee yaaddoo biraa uume.

  12. Seera baastonni US haleellaa bidiruu Venezuweelaarratti raawwatameef deebii barbaadu

    Seera baastonni US haleellaa waraaaa bidiruu Venezuweelaa qoricha feeteetti jedhamerratti raawwatameef deebii akka kennuuf bulchiinsa Tiraamp irratti dhiibbaa gocha ajiru.

    Kun haleellaa lamaffaa warra isa dura raawwatamerraa oolanirratti gaggeeffame isaan ajjeesuun gabaafamuu hordofeeti.

    Koreen Rippabilikaaniin durfamu Pentaagoniin hogganu haleellaa bidiruu odola Kariibiyaanirratti US raawwatte kana ilaalchisuun "qarannoon" akka gaggeefamuu qabu dhaadataniiru.

    Jimaata darbe The Washington Post akka gabaasetti, haleellaa US bidiruu kanarratti Fulbaana 2 rawwatte keessaa namoonni lama hafanii kan turan yoo ta'u, haleellaa ajaja Ministira Ittisaa US Petee Hageseeziin "hunda isaanii ajjeesaa" jedhu kennameen raawwatameera.

    Petee Hageseez garuu kun "oduu sobaati" yoo jedhau, pirezidant Doonaald Tiraamp ammoo " parsantaa 100" akka isa amanu dubbate.

    Ameerikaan odola Kaaribiyaan keessatti oppereeshinii waraanaa babal’isuun bishaan idil-addunyaa naannawaa Veenzuweelaa fi Kolombiyaa jiru keessatti dooniiwwan qoricha sammuu namaa hadoochu daddabarsuun shakkaman irratti sakatta’iinsa hedduu raawwattee jirti, kunis qaama hojii farra qoricha sammuu namaa hadoochu jettee waamtudha.

    Jalqaba baatiiFulbaanaa irraa eegalee namoonni 80 ol ajjeefamaniiru.

    Bulchiinsi Tiraamp bidiruuwwan qoricha seeraan alaa fe’anii gara Ameerikaa deeman barbadeessuun ofirraa ittisaa jira jedha.

  13. Mariin waraana Yukireen dhaabsisuuchaala gaariin deemaa jira garuu hojii caalu gaafata - US

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo waraana Rashiyaa-Yukireen dhaabsisuuf mariin Yukireen waliin taasifamu gaarii ture, garuu "hojiin dabalataa hojjetamuu qabu" jira jedhe.

    Marii Filooriidaa, Ameerikaatti gaggeeffame kanarratti jilli Yukireen barreessaa mana-maree nageenyaa Rusten Umerooviin dufamu irratti hirmaaataniiru.

    Marii kanarratti ergaman addaa Pirezidant Donaald Tiraamp Istiiv Witkoof fi soddaan Tiraamp Jared Kushiner argamaniiru.

    Witkoof ammoo mariif torban dhufu gara Mooskootti imaluuf jira.

  14. ASHAMAA!

    Akkam jitu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Oduu karaa toora tamsaasa kallattiin isiniif dhyeessuu jalqabneerra.

    Odeeffannoo biyya keessaa, kan biyyoota ollaa, Afrikaa, waraana Raashiyaa-Yukireen, Baha Giddu-galeessaa, Ameerikaafi guutummaa addunyaarraa isiniif dhiyeessina.

    Nu hordofaa!