Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Yukireen taankaroota boba'aa Raashiyaa haleeluun dubbii hammeesse

Dirooniin galaanarraa Yukireen taankaroota boba'aa Raashiyaa lama Galaana Gurraacha keessa deemun haleeluu qondaaloti Yukireen himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartoonni fuula tolfachuuf maaliif mana yaalaa deemu?

    Durii sooreyyii dulloomaniiti waldhaansa baqaqsanii hodhuu pilaastikaa bareedinaaf godhachaa ture.

    Amma kun jijjiirameera. Bareedina dabalachuuf dargaggoonni hedduun amma yaalii baqaqsanii hodhuu kana filachaa jiru.

    Wanti kun durii dhoksaan taasifamaa ture. Amma miidiyaa hawaasaa yoo ilaate, dargaggoota umrii waggaa 20-30 waldhaansa taasifameef qoodaa oola.

  2. Sirii Laankaatti balaa lolaan namoonni 193 yoo du'an, kaan achi buuteen dhabameera

    Sirii Laankaatti namoonni 193 tahan balaa lolaafi sigiga lafaan lubbuu dhabaniiru, biyyattiinis balaa haala qilleensaa isa hamaa jedhame keessummeessaa jirti.

    Namoonni 200 ol achi buuteen isaanii kan hin beekamne yoo tahu, manneen 20,000 tahan manca'aniiru.

    Namoonni 108,000 dahoo yeroo keessa dahatanii kan jiran tahuu Wiirtuun Ittisa Balaa biyyattii ibseera.

    Qondaaloti biyyattii, lafa biyyattii keessaa harki tokko sadaffaa dhiyeessii bishaaniifi elektiriikii argachaa hin jiru. Labsiin yeroo hatattamaa labsamuus ibsaniiru.

    Hammi bishaanii laga Keelaanii dabalaa waan dhufeef ammallee namoonni naannichaa akka bahaniif gorfamaa jiru.

  3. Erga Gaazaatti waraanni eegale meeqa ajjeefaman?

    Duula waraanni Israa'el Gaazaa irratti taasiseen hamma yoonaa Filisxeemonni 70,000 ajjeefamaniiru jedhe ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu.

    Bara kana Onkololessa 10 waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolus lakkoofsi namoota du'anii garuu dabaluu itti fufee jira.

  4. MM Awustiraaliyaa aangorra otoo jiruu fuudhuun hogganaa biyyatti jalqabaa tahe

    Ministirri Mummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaanis jaalalleesaanii Joodii Haaydoon fuudhuun hogganaa biyyattii otoo waajjira jiranii fuudhan jalqabaa tahan.

    Gaa'elli isaanii kunis magaalaa guddoo Awustiraaliyaa Kaanbeeraatti Sanbata waaree booda kan raawwate yoo tahu, kunis guyyaa kora paarlaamaa waggaa guyyaa isa dhumaa irrattidha.

    ''Jireenya keenya wajjin dabarsuuf jaalalaafi kennama qabnu maatiifi hiriyyoota dhihoo fuulduratti qooduu keenyaaf gammadoo dha,'' jedhan Albaanis ibsa gabaabaa kennaniin.

    Jaalalleewwan kun bara darbe guyyaa Vaalantaayinii irratti ture kan wal-kaadhimmatan.

    Maatiin Joodii Haaydoon, ilma Albaaniis gaa'ela duraaniirraa dhalate Naataan argamaniiru.

    Qubeelaa walii kaa'an barreefama 'ani kan keeti' jedhu ofirraa qabu kan dhiyeesse saree ministira mummuchaati.

  5. Donaald Tiraamp Venezuweelaa 'weeraruuf' jedhuu?

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp ''doorsisa [bara] kolonii]'' nurratti geessisaa jiru jechuun Venizuweelaan himatte.

    Kunis, erga Tiraamp daangaan qilleensaa naannawa biyyattii osoo cufame yaada jedhu erga dhiheessan boodadha.

  6. Indoonezhiyaaa, Maalezhiyaafi Taayilaanditti lolaa mudateen namoonni dhibbaan lakka'aman du'an

    Kibba-baha Eeshiyaa keessatti rooba yandoo waggaa 10 keessatti yeroo jalqabaaf roobeen namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, kaan ammoo achi buuteen isaanii hin beekamne.

    Roobni cimaa bubbeedhaan dabaalame mudate kuni lolaa waggoota keessatti isa hamaa jedhameef sababa taheera.

    Kanaanis, namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kan Indoonezhiyaa, Maalezhiyaa fi Taayilaand keessa jiraatan miidhamaniiru.

    Namoonni odola Indoonezhiyaa, Sumaatraa keessatti lubbuu dhaban 300 yoo gahan, lakkoofsi kuni dabaluu mala sodaan jedhus jira.

    Tattaaffiin namoota achii baasuu kan itti fufee jiru yoo tahu,elektiriikiifi inatarneetiin addaan cituun garuu danqaan mudachaa jira.

    Sanbata kaleessaan namooti 160 Taayilaanditti du'uun gabaafameera. Maalezhiyaa keessattis akkasuma namoonni danuu du'uun gabaafameera.

  7. Yukireen taankaroota boba'aa Raashiyaa haleeluun dubbii hammeesse

    Dirooniin galaanarraa Yukireen taankaroota boba'aa Raashiyaa lama Galaana Gurraacha keessa deemun haleeluu qondaaloti Yukireen himan.

    Viidiyoon BBC'n arge dirooniiwwan saffisaan furguggiifamaa yabalan bidiruuwwan taankaroota boba'aa baatan dhukaasuun booda ibiddaafi aarri yeroo bahu mul'ata

    Qondaaloti Turkii taankarooti haleelaman kunneen Kaayiroosiifi Viraat jedhamu jedhan.

    Lamaan isaanii qarqara galaanaa Turkii irratti kan haleelaman yoo tahu, taankarooti kunneen alaabaa Gaambiyaa ofirraa qabu.

    Namni miidhame jiraachuu hamma yoonaa hin dhagahamne.

    Yukireen galii Raashiyaan gurgurtaa boba'aa irraa argattuun waraana Yukireen tumsiti jechuun taankaroota boba'aa lameen kana haleelte.

    Haleellaan kuni akeekkachiisa Yukireen dooniwwan boba'aa Raashiyaa baatanii Galaana Guraacharra deeman qoqqobbi warra Lixaa qofa osoo hin taane haleellaan kallatti akka isaanirra gahu agarsiisa.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasni kallatti BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxalli keenya kallattiin akka isin birra gahuuf ammuma asiin seenaa 'follow' tolchaa.

    Nagaan oolaa!

  9. Tiraamp pirezidaantii duraanii Hoonduraas daldala qoricha sammuu hadoochuutiin yakkamee hidhaa tureef dhiifama gochuuf

    Doonaald Traamp pirezidaantii duraanii Honduraas Huwaan Orlaandoo Hernaandeez kan bara darbe manni murtii Ameerikaa himannaa daldala qoricha sammuu namaa hadoochutiin yakkamaa ta’uu murteesse dhiifaman godhaaf jedha.

    Akka prezidaantiin Ameerikaa kun jedhutti tarkaanfiin Hernaandeez irratti fudhatame “baay'ee cimaa fi sirrii hin turre” jechuun miidiyaa hawaasaa irratti ibse.

    Hernaandeez Bitootessa bara 2024 kookeenii gara US galchuuf, akkasumas qawwee qabachuudhaan yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'eera. Hidhaa waggaa 45’tti itti murtaa'e.

    Bara 2014 hanga 2022 pirezidaantii Honduraas ta’uun kan tajaajilan Hernaandeez, Ebla 2022 shira daldala qoricha sammuu namaa hadoochu geggeessuu fi kookeenii toonii dhibbaan lakkaa’aman gara US geessuuf gargaaruu isaaniitiin adabame.

  10. Anga'aan Itoophiyaa hojii gaarii hojjetaniif UKtti badhaasa umrii guutuu argatan

    Yeroo ammaa Daayireektara olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa ta'uun hojjechaa kan jiran Obbo Kumarraa Waaqjiraa, gumaacha damee kanaaf taasisaniin dhaabbata Badhaasa Eegumsaa Mootii Wiiliyaam irraa badhaasa argataniiru.

    Badhaasa waggaa waggaan namoota hojii eegumsa bineensota bosonaa fi qabeenya uumamaa irratti hojii gaarii hojjetaniif kennamu kanaanis Obbo Kumarraan Afrikaa irraa badhaafamaa umrii guutuu jedhamuun magaala Londonitti argamuun badhaasa isaanii fudhatan.

    Obbo Kumarraan badhaasa kana booda gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, hojii waggoota 30 darban jaalala guddaan hojjetanii fi umrii dargaggummaa isaanii guutuu irratti dabarsan kanaan badhaasa akkasiif gahuutti guddaa gammaduu himan.

  11. Haleellaan diroonii Raashiyaa Kiiv keessatti manneen jireenyaa rukkute

    Mariin nagaa buusuu akkaatadhuma karoorfamee deemaa osoo jiruu, haleellaan dirooniifi misaa'elii Raashiyaa Kiiv keessatti naannawaa manneen jiraanyaa rukkutuu aanga'oonni Yukireen himaniiru.

    Sanbabata har'aa ganama kana gamoowwan jireenyaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv keessatti rukkutamanii sagaleen dho'insaa guutummaa magaalattiitti dhaga'ameera.

    Kantiibaan magaalaa Kiiv Vitaalii Kilishkoo akka jedhetti, namoota afur haleellaa kanaan madaa'anii hospitaala geeffaman afur keessaa tokko daa'ima waggaa 13ti.

    Haleellaa kanaan lubbuun nama tokkoos darbeera.

    Taaten kun wayita pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora nagaa baasanii biyyoota lamaan walitti fiduuf dhiibbaa gochaa jiranittidha.

  12. Israa'el Filisxeemota hidhaa jiran irratti "imaammata gidisruu" raawwachaa jirti -UN

    Israa'el imaammata gidirsuu "qabatamaan mul'atu, qindaa'eefi bal'aa hojiirra oolchaa jiraachuu ragaa qabaachuu koreen dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

    Koreen kun Israa'el Filisxeemota hidhamanii jiran irratti 'gochi gidirsuu raawwattu', 'yakka waraanaafi namoomarratti raawwatamu' jedhamee kan ramadamudha jechuun murtoorra gaheera.

    Himannaa kana Israa'el irratti kan dhiyeesse koree farra gidirsuu (Committee against Torture) miseensota ogeessota walabaa 10 of keessaa qabanidha.

  13. ASHAMAA!

    Akkamjirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu waliin turaa.

    Galatoomaa!