Walitti bu’insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuune Maatiyaas walitti bu’isawwan biyya keessatti deemaa jiran dhaabatanii nagaafi araaraaf hireen akka kennamuuf korri Sinoodosii Qulqulluu carraaqqii akka taasisuuf waamicha taasisan.

Guduunfaa

  • Walitti bu'insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan
  • Gaazaatti tasgabbiin akka jiraatuuf UKn loltootashee Israa'elitti ergite
  • Dhagaan Maarsii irraa kufe doolaara miliyoonotaan gurguramus gaaffii kaase
  • WHOn rakkoon fayyaa Gaazaa "kan dhalootati darbudha" jechuun akeekkachiise
  • Naayijeeriyaatti taankariin boba'aa dhohee namoonni hedduu du'an
  • Hoogganaan RSF buufata xiyyaaraa naannawa Sudaan jiru kamuu haleeluuf dhaadate
  • Sababoota Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatu taasisan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naannoo Tigraayitti bakakkaan miseensa maatii tokkoo sadii dabalatee namoota ajjeese

    Bakakkaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Naannoo Tigraay godina Kibba-lixaa aanaa Zaanaatti bokkaa cimaa roobe hordofee balaa bakakkaatiin lubbuun namoota afurii darbe.

    Bulchaan aanaa Zaanaa Mulaatee Hagoos BBCtti akka himanitti, namoota bakakkaan du'an keessaa sadii miseensa maatii tokkooti.

    Balaa kanaan, "abbaa, haadhaafi ilmoon dhiiraa du'aniiru" jedhan.

    Dabalataan namni biraan tokko balaa bakakkaa kanaan du'uu himan.

    "Bokkaa cimaa guyyaa sa'aatii 11 hanga halkan sa'aatii 3tti roobeen gandoota lama aanicha keessatti argaman, Haadinnat fi Maayilamin keessatti balaan bakakkaa qaqqabeera," jedhan.

  2. KFOn ajjeechaa Aanaa Noonnoo namoota nagaarratti raawwatameef mootummaan itti gaafatamummaa isaa ba’achuu dhabuuf himate

    Hidhattoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa ajjeechaa gara jabinaan godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti namota nagarratti raawwame ilaalchisuun baaseen, gocha kana dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuu dhabuufi warra gocha kana duuba jiran itti gaafatamoo gochuu dhabuun mootummaa himate.

    Osoo ummanni nannichaa eegumsi akka tasifmamuuf itti fufee mootummaa ‘bakka bu’eera’ jedhu gaafatuu, deebii kennuu callisuu itti fufeera jedheera KFOn.

    Gabaasa jiraattotarraa argadhe jedhuu akka ibsetti, jiraattonni ta’e jedhamee humnoota mootummaan wayita hidhannoo qaban hiikachiisaan, milishoonni finxaaleyyii garuu hidhatanii ija jabinaan gaaffii seeraa tokko malee akka socho’an taasifamu.

    Kanaaf, mootummaan federaalaafi naannoo humna gara sanatti bobbasee nageenya ummataa akka eegu, taatee kana ilaalchisuun qorannoon walabaa fi ifa ta’e akka gaggeeffamu, mootummaan itti gaafatamummaa irraa eegamu ba’achuu dhabuusaatiif akka itti gaafatamuufi furmaanni karaa siyaasaa akka dhufuufis of kennee akka hojjetuuf gaafataeera.

  3. Finfinneetti namoonni uffata poolisii uffatanii dubartii tokkorraa konkolataafi maallaqa saamuun shakkaman to'ataman

    Namoota saamicha raawwachuun shakkaman

    Madda suuraa, Addis Ababa Police

    Magaalaa Finfinneetti namoonni lama uffata danbii poolisii uffachuun yakka saamichaa raawwchuun shakkaman to'ataman.

    Yakkichi kan raawwate Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti ta'uu Poolisiin magaalaa Finfinnee kan beeksise yoo ta'u, dubartiin bakka daldalaasheetii baatee konkolaataa dhuunfaan osoo deemaa jirtuu namoonni lama uffata poolisii uffatan dhaabsisuun konkolaataashee seenanii birrii 500,000 akka kennituuf gaafatan.

    Dubartiin yakki irratti raawwate jedhame maallaqa gaafatamte akka hin qabne yeroo itti himtu, qarshii isheen qabatte 8,000fi mobaayila lama irraa fudhachuun kokolaataashee ooffatanii akka deeman Poolisiin Finfinnee fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbatti maxxanse.

    Namoonni yakkaan shakkaman lamaan konkolaaticha oofanii osoo deemanuu konkolaataa biraatti bu'anii balaa konkolaataa erga geessisanii booda miliquuf osoo yaalanii to'annaa jala ooluu Poolisiin beeksise.

    Hattoonni qaamolee nageenyaa fakkaachuun, akkasumas uffata poolisii uffachuun yakki raawwatan mudachuu waan danda'uuf, ummanni waan shakkisiisaa ta'e yeroo argu eeruu akka kennuufi of eeggannoo barbaachisus akka taasisu gaafataera.

  4. Gaazaatti tasgabbiin akka jiraatuuf UKn loltootashee Israa'elitti ergite

    Loltoota UK

    Gaaffii Ameerikaa irraa dhiyaateen UKn loltootashee Gaazatti nagaan akka tasgabbaa'uf tajaajilan gara Israa'elitti erguushee Rooyitars gabaase.

    Pirezidaantiin US karoora nagaa Gaazaa gaafa dhiyeessu, Gaazatti humni nagaa tasgabbeessu akka bobba'u ibsee ture.

    Kanumaaf jecha US biyyoota garaa garaaf gaaffii dhiyeessaa jirti. Loltoonni UK qaama humna tasgabbeessaa (stablization Force) akka ta'aniif gaaffii bulchiinsi Tiraamp dhiyeessen loltoonni muraasi gara Israa'el ergamaniiru.

    Ameerikaanis loltoota 200 ta'an akka gumaachitu ibsitee turte. Haa ta'u garuu, loltoonni US Gaazaa keessa seenu osoo hin taane, daangaa Israa'el keessa buufachuun hordoffii taasisu.

    Humni Tasgabbeessaa US dhiyeessite kun Wiirtuu Qondoomina Siviliifi Waraanaa (CMCC) jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, Gaazaa keessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatu taasisa jedhamee eegama.

    Qondaalonni US akka jedhanitti, biyyoonni akka Indoneeshiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Masirii, Kaataar, Turkiifi Azarbaajaan fa'aa loltoota akka guumaachaniif bulchiinsi Tiraamp gaaffii dhiyeessera.

  5. Dhagaan Maarsii irraa kufe doolaara miliyoonotaan gurguramus gaaffii kaase

    Dhagaan Maarsii irraa kufe jedhamu kun KM miliyoona 223 imaluun lafatti kufe

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Dhagaan Maarsii irraa kufe jedhamu kun KM miliyoona 223 imaluun lafatti kufe

    "Gowwoomsaadha, gowwoomsaadha! jedhe Piroofeser Pool Serinaa Chikaagoo irraa yeroo bilbilaan dubbatu.

    Aarii isaa hin doksine. Sababni isaa dhagaan ykn albuunni maarsii irraa bu'e jedhamuu fi Niijer keessatti qofa argame karaa hin beekamneen Niw Yoorkitti caal-baasiif dhiyaatee gurguramuu isaatti baay'ee mufate.

    Kun gowwoomsaadha waan taheef deebi'uu qaba jedhe.

    Pool Niijer waliin hidhata qaba. Ofii isaa qorataa albuudotaa fi bososa adda addaati.

    Dhagaan Maarsii irraa kufe jedhamuu fi umurii waggaa miliyoonotaa qaba jedhamee amanamu doolaara miliyoona 3.2 gurgurame.

    Namni gurgures namni bites eenyummaan isaanii hin ibsamne.

    Maallaqni gurgurtaa albuuda kana irraa argame gara Niijeritti ergameeraa kan jedhu garuu hin beekamne.

    Dhagaa pilaanoteta akka Maarsii irraa cabee bu'e namoonni ni sodaatu. Kaan ammoo amantaa wlaiin wal qabsiisanii ilaalu.

    Albuunni ykn dhagaan kun ulfaatina KG24.7 qaba. Halluu miidhagaa qaba.

    Mootummaan Nijeeris, waa'ee gurgurtaa kanaa hubannaa gahaa akka hin qabne ibseera.

    Kanaaf daddabarsa albuudaa seeraan alaa idil-addunyaaf saaxilamuu hin hafne jedhame.

  6. Walitti bu’insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas waamicha taasisan

    Abune Maatiyaas

    Madda suuraa, EOTC

    Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuune Maatiyaas walitti bu’isawwan biyya keessatti deemaa jiran dhaabatanii nagaafi araaraaf hireen akka kennamuuf korri Sinoodosii Qulqulluu carraaqqii akka taasisuuf waamicha taasisan.

    Abune Maatiyaas Korri guddaa Bataskaanattii jalqabamuu ilaalchisee ergaa dabarsaniin, walitti bu'insawwan biyya keessatti mul'atan dhaabatanii nagaafi araaraaf carraan akka kennamuuf gaafataniiru.

    Rakkoon mul'achaa jiru kun garri caalu namoota siyaasaa biyya keenyaatiin waan ta'eef rakkoon kun wa xaxaafi akka dheeratu taasisuu dubbatan.

    "Walitti bu'insi dhaabbatee rakkoon jiru mariifi waliin dubbachuutiin furuun carraan nagaafi araaraaf kennamee dhumaatii obbolootaa oolchuuf dursi akka kennamu Korri kun yaalii taaissuu qaba," jechuun miseensota Sinoodosii Qulqulluuf waamicha dhiyeessaniiru,

  7. WHOn rakkoon fayyaa Gaazaa "kan dhalootati darbudha" jechuun akeekkachiise

    Dr. Tediroos Adihaanom

    Madda suuraa, Getty Images

    Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. tediroos Adihaanom rakkoon fayyaa Gaazaa mudate "hanga dhaloota itti aanee dhufuutti darba" jechuun akeekkachiisan.

    Dr. Tediroos Adihaanom sagantaa BBC Radio 4 Today irratti akka dubbatanitti, fedhii wal xaxaa ummata Gaazaa keessa jiru deebisuudhaaf deeggarsa guddaa dhiyeessuu barbaachisa.

    Israa'el erga Hamaas waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuurra geessee as dhiyeessiin qorichaafi gargaarsa namoomaa akka seenu hayyamteetti.

    Haata'u malee, kan amma galaa jiru kun sirna fayyaa Gaazaa ijaaruuf hanga barbaachisuu gadidha jedhan.

  8. Icciitiiwwan michummaa Ameerikaa fi Israa'el duuba jiran maal fa'i?

    Tiraamp fi Netaniyaahuu

    Baha Giddugaleessaa keessatti biyyi xiqqoo fi umrii gabaabaa qabdu, garuummoo humna waraanaa cimaa qabdu, Israa'el michuu cimtuu Ameerikaati.

    Hariiroon biyyoota lameenii yoom akka eegale guyyaa kana jedhanii ibsuun rakkisaa ta'us, garuu Ameerikaan uummata Yahuudaaf dhimmamuu erga eegaltee jaarraa ol ni ta'a.

    Erga bara 1948 Yahuudonni dachee warra Filisxeem irratti qe'ee ijaarrachuun biyyi Israa'el jedhamtu uumamtees hariiroon Ameerikaa fi Yahuudotaa itti fufe.

    Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti biyyi Israa'el jedhamtu hundaa'uushee biyya kamuu dura kan deeggarteef dantaan ishees waan keessa jiruufi.

    Baha Giddugaleessaa keessaa dantaa qabdu galmaan ga'achuuf karaa Israa'el hojii manaa ishee hojjetatti.

  9. Naayijeeriyaatti taankariin boba'aa dhohee namoonni hedduu du'an

    Taankarii boba'aa abiddi itti qabate

    Madda suuraa, Chief Press Secretary Niger State/Facebook

    Naayijeeriyaa bulchiinsa giddu gala Niijeer jedhamutti taankariin boba'aa dhohee namoonni hedduu du'an.

    Balaan kun kan mudate konkolaataan boba'aa fe'ee deemaa ture karaa irraa maqee garagaluuni.

    Jiraattonni naannichaa boba'aa konkolaataa keessaa dhangala'aa juru waraabbachuuf yeroo jedhan balaan abiddaa mudatee lubbuun namoota hedduu galaafate.

    Yoo xiqqaate namoonni 30 yoo du'an 40 kan ta'an ammoo balaa abiddaa kanaan madaa'aniiru.

    Namoonni du'an eenyummaasaanii hanga baramuuf rakkisaa ta'etti akka gubatan gabaasaleen agarsiisu.

    Naayijeeriyaa keessatti konkolaataan taankarii boba'aa fe'ee deemu yeroo garagalu namoonni boba'aa waraabbaachuuf yaalii godhaniin miidhaan qaqqabu irra deddeebiin mudata.

  10. Baankiin Biyyaalessaa namoota maallaqa seeraan ala daddabarsan irratti 'tarkaanfii cimaa' fudhachuuf

    Dr. Iyyoob Takkaalliny

    Madda suuraa, National Bank of Ethiopia

    Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee Hawaalaa, kanneen maallaqa erganii fi fudhatan, maallaqa seeraan ala daddabarsu jedheen, irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf akka jedhu ibse.

    Bulchaan baankichaa Dr Iyyoob Takkaalliny jaarmiyaaleen maallaqa daddabarsan gocha shororkeessummaa ykn daldala seeraan alaa keessatti hirmaatan bira ga'uu ibsan.

    Namoota haala kanaan maallaqa daddabarsan irratti ''tarkaanfii bal'aa fi qindaa'aa ta'e,'' fudhachuuf akka qophaa'an ibsan.

  11. Hoogganaan RSF buufata xiyyaaraa naannawa Sudaan jiru kamuu haleeluuf dhaadate

    Hamdaan Dagaaloo (Hemeetii) dursaa RFS

    Madda suuraa, Getty Images

    Maqaa Hemeetii jedhamuun kan beekamu hoogganaan humna addaa Sudaan (RSF) Mohammad Hamdan Dagaaloo, buufataalee xiyyaaraa naannawa Sudaan jiran kamuu Humna Waraanaa Sudaaniif oppireeshinii qilleensaa mijeessu taanaan akka haleelan dhaadate.

    Doorsisii fi akeekkachiisi qondaala waraanaa kanaa erga haleellaawwan diroonii hedduun deddeebi'anii Buufata Xiyyaaraa Kaartuum haleelanii booda.

    Taateen kun erga bara 2023 waraanni waliinii Sudaan eegalee as imala qilleensaa irratti karoora mootummaan qabate gufachiisuuf tarkaanfii cimaa hidhattootaan fudhatamedha.

    Akeekkachiisi Hemeetii ifa. Buufati xiyyaaraa biyya alaa kamuu humna waraanaa Sudaan tumsuun haleellaa raawwachuuf kan oolu yoo ta'e dirree waraanaa akka ta'udha.

    Akeekkachiisi Hemeetii kun Masiriis ni ilaallata.

    Masiriin Waraana Sudaan deeggaruun haleellaa raawwachuu fi leenjii waraanaa kenniteetti jechuun RSF himataa ture.

    Sababa haleellaan cufamee kan jiru Buufati Xiyyaaraa Kaartuum yoom akka tajaajila kennuutti deebi'u ifa miti.

    Waraanni Sudaan dirooniiwwan RSF qilleensarratti qolachaa jiraachuu himuun, tajaajilli buufata xiyaarichaa akka bakkatti deebi'uuf tattaaffii gochaa jiraachuu hime.

  12. Sababoota Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatu taasisan

    Taphattoota Arsenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifachuuf waanti murteessaa guddaan ittisa jabaa qabaachuudha. Arsenaal bara darbe walakkaa xumuraa irratti kufe.

    PSG'dhaan osoo hin mo'amne tahee carraa waancaa injifachuu qaba ture. Xiinxalaan kubba miilaa Jaamii Kaarager, Arsenaal ammaa yeroon ilaalu garee Liiverpuul bara 2005 waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateen yaadadha jedhe.

    Yeroo sana ofii isaas sarara ittisaa Liiverpuul irra taphachaa kan ture Kaaraager, sababni guddaan injifannoo sanaa cimina sarara ittisaa akka ture ibse.

    Arsenaal erga gara Shaampiyoonsi Liigiitti deebi'anii Awurooppaa keessaa kilaba ittisaan jalqabarra jiran sadii keessaa tokko taheera.

    Galchii muraasatu irratti lakkaa'ame. Wiiliyaam Saaliibaa, Gabri'eel Magalesh, Tiimber, Kalafiyoorii fi kaan yoo ilaalle gahumsi ittisa Arsenaal olaanaa tahuu hubatta.

  13. Namichi ashaanguliitii doolaara 5,000 baasu hate himatame

    Labuubuu halluu garagraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiin Awustiraaliyaa ashaanguuliitii Labuubuu jedhamtu kudhanii ol kan doolaara 5000 baasu hate himatame.

    Poolisiin Viiktooriyaa mana Meelbarni keessa jiru sakatta'uun ashaanguuliitii 43 kan qabate yoo tahu kunneen keessaa muraasni doolaara Awustiraaliyaa 500 faa baasu.

    Poolisoonni saamtonni kunnee Adoolessa darbe gamoo daldalaa keessaa ashaangulitii kunneen saaman jedhan.

    Ashaanguliitiin waan bulguu fakkaataniifi gurra kan akka wakkaallee qaban halluu garagaraan Chaayinaatti oomishamu

    Gosti Ashaanguliitii kanaa akka addunyaatti beekamee namoonni hriiraan bitachuun booda oomishtoonni akkaan irraa buufataniiru.

    Poolisiin ibsa baaseen ''Labuubuun siif miti kan tolfame,'' kan jedhe yoo tahu, namni ganna 40 himannaan hannaafi saamicha biraa irratti banameera.

    Namni kunis ammaaf wabiin kan gadhiifame yoo tahu bara dhufu dhaddachatti dhiyaata.

  14. Namoonni 'Waaqayyoo' waliin haasa'uuf AI fayyadamaa jiru

    Fakkii duree amantaa

    Madda suuraa, Prashanti Aswan

    Indiyaafi guutummaa addunyaarratti namoonni waaqeffannaa amantaafi qajeelfama hafuuraa argachuuf gara AI kaayyoo kanaaf tolfameetti deebiyaa jiru.

    Yeroo maashinoonni haaraan qaamolee dhimma hafuuraa keenya gidduu galan maaltu ta'a?

    Vijaay Meel barataa umuriin isaa ganna 25 Raajastaan, Indiyaa jiraatudha.

    Barataan kun gaaffiifi qormaanni jireenya ammayyaa yeroo isa mudatu gara Waaqayyootti garagala. Kanaan dura yeroo isa barbaachisutti geggeessitoota hafuuraa mariisisaa ture. Dhiheenya kana ammoo GitaGPT gaafata.

    GitaGPT'n hubannoo nam-tolchee (AI) kitaaba qulqulluu waaqa Indiyaa Krishna kan luqaasii keewwata 700 qabu Bhagavad Gita irratti chaatbootii leenji'eedha.

  15. Konkolaachisaan sobaan 'shiftaa na ukkaamse' jedhee maatii isaa birrii miiliyoonaan gaafate to'atame

    Konkolaachisaan sobaan shiftaa na ukkaamse jedhee maatii isaa 1,000,000 gaafate to'atame

    Madda suuraa, Komunikeeshinii aanaa Botor Xoollaayi

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaachisaan sobaan shiftaa na ukkaamse jedhee maatii isaa 1,000,000 gaafate to'atame

    Shakkamaan maqaan isaa Talaayesuus Gabra Sillaasee jedhamu konkolaataa fe'umsaa lakkoofsi gabatee isaa 3 A35784 E/T ta'een Boqqolloo fe'ee Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa irraa gara Kibba Itoophiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddoo imalaa ture to'annoo seeraa jala oole.

    Sababni isaas akkas ture.

    A.L.Itti gaafa guyyaa 10/2/2018 halkan keessaa sa'aatii 8:00 irratti Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaay iddoo addaa Qilxuu Bokonaa jedhamuun beekamutti konkolaataa konkolaachisaa jiru dhaabee maatii isaatti bilbile jedhe ibsi komunikeeshinii aanaa Botor Xoolaay.

    Konkolaachisaan kun halkan sana Shiftaatu na qabee jiraa jechuun shakkamtoota biroo waliin tahuun maatiitti himate.

    Shakkamaan kun sobaan qindeessuudhaan fakkeessee akka waan namoonni Kun isa saamaa jiraniitti maatii isaatti hime.

    Maatii isaaf bilbiluudhaan qarshii miiliyoona tokko akka ergamuuf gaafachuu ibsi kun eereera.

    Haa tahu malee eeruu hawaasaa fi hordoffii qaamolee nageenyaan shakkamaan kunii fi kanneen isa waliin sobaan waan kana qindeessan namoonni shan to'annoo seeraa jala ooluu hime.

    Dhiyeenya gochaan akka kanaa Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin dhagahamaa jira.

    Lixa Oromiyaa naannoo rakkoo nageenyaa jiru keessatti waggoota shanan darban namoota ukkaamsuun maallaqa gaafachuun waan barame tahee ture.

  16. Yugaandaatti balaa konkolaataan namoonni 46 lubbuu dhaban

    Balaa konkolaataa mudate

    Poolisiin Yugaandaa konkolaataawwan hedduu daandii saffisaa Yugaandaa irratti walitti bu'anii lubbuun namoota 46 darbuu hime.

    Poolisiin kanaan dura namoonni gaggaban waan du'an itti fakkaate lakkoofsa kana 63 jechuun gabaasuu hime.

    Balaan kuni baasiiwwan uummataaa lama kallattii faallaa irra adeemaa turan ''fuulaafi fuulatti'' walitti bu'uun mudate.

    Konkolaataawwan kunneen konkolaataa fe'umsaafi konkolaataa biraa tokko dafanii bira taruuf yaalaa turan jedhe poolisiin.

    Balaa kanarraa of hambisuuf jecha baasiiwwan kunneen battalaan kallattii jijjiiruu jalqaban garuu adeemsichi fuulduraafi cinaan dabalanii akka walitti bu'an taasisee konkolaataan inni tokko to'annoo ol tahee garagarale.

    Imaltoota qofa osoo hin taane namoonni kaanillee miidhamuu poolisiin gabaaseera. Qorannoon dabalataa akka jalqabes poolisiin beeksiseera.

    Namoonni duraan akka du'an yaadamee ture gaggabanii waan argamaniif wal'aansi kennamaafi jira.

  17. Ashamaa akkam bultan? Tamsaasni kallatti eegale.

    Odeessaalee biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya. Nu hordofaa!

  18. DR Koongotti hidhattoonni M23 warqee dolaara mil.70 ol baasu saamuu kaampaanin warqee baasuu himate

    Loltoota M23 Dr Koongoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Hidhattoonni M23 jedhamuun beekamaniifi dhiyeenya Baha DR Koongoo gara caalu mootummaarraa fudhatan, kaampaanii dhuunfaa warqee baasu jalaa warqee dolaara miliyeena 70 ol baasu saman.

    Dhaabbata warqee baasu Twangiza Mining's jedhamu dubbisuun Rooyotars akka gabaasetti, hidhattoonni M23 warqee kg 500 kan dolaara miliyeena 70 ol baasu fudhataniiru.

    Bakki albuudi warqee saamame jedhamu bahaa ture Bulchiinsa Kibba Kiivuu jedhamti keessatti yoo ta’u, hidhattoonni M23 haleellaa cimaa gaggeessaniin loltoota mootummaa achii baasuun ji’a Caamsaa keessa bakkicha to’atan.

    Saamicha warqee maallaqa guddaatti shalagame kanaaf hojjattoonni isaas harka akka keessaa qaban kaampaanichi ibse.

    “Deeggarsa hojjattoota muraasatiin, [hidhattoonni M23] yeroo gabaabaa keessatti warqee kg 50 achii fe’anii baasan,” jechuun Twangiza Mining Rooyitarsitti hime.

    Walumaa galatti hidhattoonni kunneen warqee kg 500 kan dolaara miliyeena 70 olitti shallagamuufi meeshaalee dolaara miliyeena 5 tti shalagamu saamuu himate dhaabbanni DR Koongoo keessatti warqee baasuun beekamu kun.

  19. Beellamni Tiraamp fi Puutin qaaman wal-arganii mariyachuuf qabatan hafuun dhagahame

    Puutin fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yeroo dhiyootti qaaman wal-arguun waa’ee addumatti waa’ee Waraana Yukireen dhaabuu mariyatu jedhamee osoo eegamuu beellamnisaanii hafe.

    “Pirezidaant Tiraamp fi pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yeroo dhiyootti wal-arguuf karoorri hin jiru,” jechuun qondaalli olaanan Waayit Haawus ibse.

    Torbee darbe Tiraamp fi Puutin karaa bilbilaa marii gaggeessuu hordofee magaalaa guddoo Hangarii kan taate Budaappestitti qaaman wal-arguun mariyachuuf waliigaluu ibsamee ture.

    Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii qaaman osoo wal-hin argin dura Ministiirri dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoofi kan Raashiyaa Sargee Laaviroov haala mijeessuf torbee kana dursanii wal-argu jedhamee eegamaa ture.

    Waayit Haawus garuu Tiraamp fi Puutin darbe bibilaan marii bu’a qabeessa waan taasisaniif qaaman wal-arguun mariyachuun “barbaachisaa miti” jedhe.

    Beellamni gaggeessitoonni lamaan qaaman wal-arganii mariyachuuf qabatan maalif akka hafe Waayit Haawus ibsa bal’aa hin kennine.

  20. Ayaatolaa Kameenii affeerraa marii Tiraamp didan, nukilarri Iraan manca'eera jedhamus soba jedhan

    Ayaatolaa Kameenii

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaggeessaa Olaanaa Iraan kan ta'an Ayaatolaa Kameenii affeerraa marii pirezidaantiin US Doonaald Tiraampin dhiyaate didan.

    Mariin biyyoota lamaanii waraana Iraanifi Israa'el gidduutti gaggeeffamaa US illee hirmaachiseen addaan citee ture.

    US irra deddeebiin buufanni nikularaa Iraan guutummaan manca'uu himtus, dubbii dharaati jedhan Ayaatolaa Kameenii.

    Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa booda paarlaamaa Israa'elitti argamuun yeroo haasaa taasisee ture, Washingtan Tehraan wajjin waliigaltee adda citee ture deebitee yoo eegalte gaarii ta'uu dubbatee ture.

    Ayaatolaan garuu, US amala "humnaan bulaa" qabdi jechuun affeerraa Tiraamp kufaa godhan.

    "Tiraamp ani nama nagaa buusudha jedha, garuu nagaa buusun nama hacuucuudhaan yoo ta'e bu'aansaa duraanuu kan murtaa'edha. Kuni nagaa fiduu osoo hin taane yaada ofii namarratti fe'uu fi humna namarratti agarsiisudha," jechuun dubbii Tiraampiif deebii kennan.

    Tiraamp yeroo Israa'el daawwatetti, US haleellaa buufata nikalaraa Iraan irratti gaggeessuusheetti akka boonu dubbachuun, inumaayyuu osoo Iraan haleelamuu baattee waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa rakkisaa akka ta'u ibse.

    Ayaatolaan garuu, buufanni nukalaraa Iraan manca'eera kan jedhu soba ta'uu himan.

    "Pirezidaantiin US industirii nikularaa Iraan haleelufi mancaasuu afaan guutee dubbate. Gaaridha, itti fuftanii abjuu abjootuu ni dandeessu," jechuun biyyoonni lixaa akka waan Iraan boombii nikularaa gabbisaa jirtuutti soba adii akka dhiyeessan himu.