Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Manni Maree nageenyaa UN, Niw Yoorkitti dhimma Gaazaa irratti kora jalqabe

    Manni Maree Nageenyaa UN, dhimma Baha Gidduugaleessaa irratti kora ariifachiisaa taa'aa jira

    Madda suuraa, UN

    Ibsa waa'ee suuraa, Manni Maree Nageenyaa UN, dhimma Baha Gidduugaleessaa irratti kora ariifachiisaa taa'aa jira

    Manni Maree Nageenyaa UN, kora ariifachiisaa dhimma Gaazaa irratti waame Niw Yoorkitti taa'uu jalqabe.

    Gargaaraa Barreessaa dhimma Awurooppaa, Gidduugala Eeshiyaa fi Ameerikaa kan tahan Mirooslaav Jeenkaa, uummanni Filisxeem ''Balaa hamaarra jira'' jedhan.

    Karoora Israa'el baastee Kamisa darbe raggaasifte ''Walitti bu'insicha waan hammeessu isa biraadha'' jedhan.

    ''Rakkoo dhiyeessii namoomaa hamaa tahe ammayyuu argaa jirra,'' kan jedhe Jeenkaan, ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutummaan ariitiin hojiirra ooluu qaba'' jedhe.

    Namoonni butamanis ariitiin gadhiifamuu qabu jedhe. ''Filisxeemonni mirga sagaleen isaanii dhagahamuu qabu. UN furmaata mootummoota lameeniitti amana jedhan. Filannii haqa qabeessa akka gaggeeffamuufis gaafatan.

  2. Namoonni butaman carraa lubbuun baraaramuu qabu jedhan Neetanyahuun

    Jiraattota Gaazaa qe'ee isaanii irraa buqqa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota Gaazaa qe'ee isaanii irraa buqqa'an

    MM Israa'el namoonni hamaas bute carraa lubbuun baraaramuu qabu jedhan.

    Kaayyoon isaanii namoota butamanii fi lubbuun jiran fayyaatti harka Hamaasii baasuu kanneen du'an ammoo reeffa isaanii achii baasuu akak tahe himan.

    ''Homaa hin goonu taanaan namoota kanneen argachuu hin dandeenyu.

    Tarkaanfii fudhanna jedhee dubbachaa jiru kun jiraatti isaaniin argachuuf yaadameeti jedhan.

    Maatiin namoota butamanii ammoo karoora mootummaan haleellicha Gaazaa keessatti babal'isuuf qabu mormaniiru.

    Dabalataan Neetanyaahuun ''osoo Israa'el karoora jiraattota Gaazaa beelessuu qabdi tahe namni lubbuun hafu hin jiru ture'' jedhan.

  3. 'Haleellicha ba'isuu malee filannoo hin qabnu'- Neetanyahuu

    Israa'el ''haleellicha bal'isuun itti fufuu malee filannoo biraa hin qabdu'' jedhan Neetanyaahuun.

    ''Hamaasiin injifachuu qabna'' jedhan. Lafti Gaazaa %70-75 tahu to'annoo israa'el jala jiraachuus himaniiru.

    Haa tahu malee, ammayyuu bakkeewan lama to'annoo hamaas jala akak jiran himan. Isaanis ''Tokko magaalaa Gaazaa'' kan biraan ammoo ''Dahoowwan Gidduugaleessaati'' jedhan.

    IDF Jimaata darbe bakkeewan kanneen akka haleeluu qabu ajajni darbeera.

    Lammiilee nagaan gara bakkeewan nagaa isaaniif adda baafamaniitti deemuu akka qabanis dhaaman.

    Achitti ''akkuma gochaa turre nyaata, bishaanii fi yaala kenninaaf'' jedhan. Dhiyeessiin namoomaa konkolaataa dhibbaan tilmaamamu Gaazaa galuus himan.

  4. Karoorri Israa'el Gazaa bilisa baasuudha malee qabachuu miti'- Neetaanyahuu

    MM Israa'el beenjaamiin Neetanyahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa'el beenjaamiin Neetanyahuu

    MM Israa'el Beenjaamin Neetanyahuu karoorri keenya ''Gaazaa qabachuu osoo hin taane, Gaazaa bilisa baasuudha'' jedhan.

    Kora ariifachiisaa dhimma Gaazaa irratti UN taa'uuf jedhu dursuun ibsa kan kennan Neetanyaahuun uummanni Gaazaa ''Hamaas irraa akka bilisa isaan baasnuuf ''nuyii fi addunyaa kana kadhachaa jiru'' jedhan.

    Itti dabaluun Hamaas ''Dhaabbata shororkeessitootati'' jedhan.

    Yoo hamaas namoota ukkaamsee fudhate gadhiisee meeshaa waraanaa hiikkate waraanichi ni xumurama jedhan.

    Itti dabaluun Hamaas ''ammayyuu shororkeessitoota kumaatamaan hidhatan'' qaba jedhan.

    Kaayyoon isaanii ''Israa'eliin balleessuudha'' jedhan.

  5. Karoora bulchiinsi Netaaniyaahuu Gaazaa dhuunfachuuf baase mormuun lammiileen Israa'el heddu hiriira bahan

    Namoota Israa'elitti hiriira mormii bahan

    Mootummaan Israa'el karoora Gazaa dhuunfachuu horfofee lamiileen Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman guutummaa biyyattiitti hiriira mormii bahan.

    Magaalaa guddoo biyyattii Teel Aviiv dabalatee magaalota heddu keessatti mormiin karoora Gaazaa to'achuu gaggeeffamaa jira.

    Jimaata darbe kaabineen nageenyaa Israa'el yaada Netaanitaahuun Gaazaa to'achuuf dhiyeesse raggaasisuu hordofee mormiin biyya keessafi hawaasa idiladdunyaarraa cimee jira.

    Namoonni karoora mootummaan Israa'eel Gaazaa ilaalchisee raggaasise mormuuf bahan akka jedhanitti, adeemsi mootummaa lammiilee butamanii harka Hamaas jiran balaarra kan buusudha.

    Mootummaan Netaaniyaahuu ammoo Hamaas humnaan dirqisiisan malee namoota butaman akka gadi hin lakkisu jechuun falma.

    Haa ta'u garuu maatii namoota butamanii harka Hamaas jiranii dabalatee karoorri mootummaan Gaazaa to'achuuf baase "balaafamaadha" jechuun hiriira mormii bahanii jiru.

  6. Iraan baasastota Israa'el heddu to'achuu beeksifte

    Alaabaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan basaastota Israa'el bobbaaste 20 yeroo dhiyoo as to'annaa ala oolchuu beeksifte.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti namoonni kunneen baasastota tiki Israa'el Mossad Iraan keessatti bobbaasedha.

    Qondaalonni haqaa Iraan namoonni kunneen yakka Iraan irratti raawwataniin seeratti dhiyaachuun olaantummaan seeraa irratti akka mirkanaa'u himan.

    Dubbi himaa Ministiira Haqaa Iraan kan ta'an Asgaar Jahaangiirii Sambata miidiyaalee Iraaniif ibsa kennaniin, basaastota mootummaa Zayaanistii irratti mamii tokko malee seerri akka kabajamu ibsan.

    Gama biraan ammoo Iraan torbee darbe saayinstii nikularaashee Israa'eliif basaasa jette du'aan adabdee turte.

    Roobii darbe, Hagayya 6, saayintistii nikularaashee Roosbeeh Vaadii jedhamu, odeeffannoo icciitii nikularaafi saayintistoota nikularaa Israa'el Iraan jalaa ajjeeftee dabarsee Israa'eliif kenne jechuun du'aan adabde.

    Israa'el Waxabajjii 13 haleellaa tasaa Iraanirratti banteen saayintistoota nikularaafi qondaalota waraanaa olaanoo heddu Iraan jalaa ajjeeftee turte.

  7. Keeniyaatti miseensonni maatii tokkoo 25 balaa konkolaataan du'an

    Balaa konkolaataa kanaan namoonni 25 du'an miseensota maatii tokkooti jedhamu

    Madda suuraa, Ministry of Health Kenya

    Namoonni kunneen osoo booyicharraa deebi'anii lixa Keeniyaatti dhuman jedhan aanga'oonni naannawa sanaa.

    Gabaasi poolisii BBCn argate akka mul'isutti konkolaataan to'annoo konkolaachisaan ala erga ta'ee booda bo'oo lolaa keessa seenuun balaan kun qaqqabe.

    Balaa konkolaataa kanaan namoota du'an 25 malee namoonni 20 ta'an ammoo miidhamaniiru.

    Namoonni awwaalcharraa deebi'aa turan kunneen hundi isaanii miseensa maatii tokkoo ta'uutu gabaafame.

  8. Raashiyaan Karkiiv fi Dinipro haleeluu tajaajilli balaa tasaa Yukireen ibse

    Tiraamp gitasaanii Putiin waliin walarguun akkaataa waraana Yukireen dhaabsisuun danda'amurratti mari'achuuf qophaa'u.

    Raashiyaan ammoo Yukireen irratti haleellaa cimsiteetti jedhamaa jira.

    Tajaajilli yeroo balaa tasaa Yukireen haleellaa bulchiinsota Karkiiv fi Dinipro keessatti raawwateen miidhaan qaqqabuu ibse.

    Haleellaa qilleensarraan raawwate kanaan lammiileen nagaan ajjeefamuu fi hedduun madaa'uutu ibsame.

    Kutaa baha Yukireen keessatti bulchiinsa Dinipro irratti haleellaa Raashiyaan ganama kana raawwatteenis lammiilee nagaa hedduurra miidhaan ga'eera jedha tajaajilli kun.

    Haleellaan qilleensarraan Raashiyaan halkan guutuu raawwachaa bulte kan dhiheenya kanaa hunda kan caaludha.

    Humni waraanaa Raashiyaa waraana cimsee gaggeessaa jiru kanaan kutaalee baha Yukireen hedduu qabachuu ibsaa jira.

    Garuu akkaataa humnoonni Raashiyaa itti deemaa jiran kan duraarra kan hir'ateera.

  9. Roodiriin miidhama irra turerraa hangam dandamateera, yoom deebiya?

    Roodirii fi Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan sarara gidduu Maanchester Siitii, Roodiriin bara darbe (2024) keessa gara caalu sababa miidhamaatiin osoo dirree seenee hin taphatiin xumure.

    Sababa miidhama isaatiinis, Maanchester Siitiin kan bara kaan dabalatee walitti aansuun shaampiyoonaa ta'aa ture, qaawwan bakka taphataa lammii Ispeen Kanaan mullateen ga'umsa duraan qaburraa sigigaatee dabarse.

    Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaan akka jedhetti taanaan, Roodiriin ammallee miidhaa isaarraa sirriitti waan hin dandamanneef gahumsa isaa sirriitti hin deebiyiin jira.

    Kanaaf, akka leenjisaan kun jedhutti taphataan bara darbe badhaasa kubbaa miilaa addunyaarratti guddaa ta'e Ballon d'Or mo'ate kun hanga boqonnaa idil-addunyaa Fulbaanaatti "sirriitti gahumsa isaatti" deebiyuun isaa shakkisiisaadha.

    Miidhaan Roodirii bara 2024-25 gara caalu osoo hin taphatiin akka dabarsu taasise ribuun (ligament) isaa miila isaa jilbaa oliifi jilbaa gadi jiru walitti hidhu ciccituu Fulbaana keessa isa mudate ture.

  10. Puutin fi Tiraamp walarguuf maalii Alaaskaa filatan?

    Alaaskaa

    Madda suuraa, gett

    Walga'iin Tiraamp fi Puutin Jimaata dhufu gaafa Hagayya 15, 2025 Alaaskaatti gaggeeffama.

    Garuu maaliif Alaaskaa filatan?

    Bulchaan Alaaskaa Maayik Daanleevii bakki kun addunyaarratti iddoo akkaan mijattuu taate ta'uu ibsuun qondaalonnis kanumaaf akka filatan ibsan.

    Alaaskaa fi Raashiyaa gidduu kiilomeetira 3.2 qofatu jira.

    ''Biyyi biraan nageenya biyyaalessaa, nageenya anniisaa fi bulchiinsa Arkitikii kana keessatti kana caalaa ga'ee ba'attu hin jirtu,'' jedhan Daanleeviin.

    Miidiyaan Raashiyaa akka gabaasetti ammoo gargaaraan Putiin Yuurii Ushaakov ''Raashiyaa fi US ollaa walitti dhihaataniidha. Daangaa qooddatu. Jilli keenya Ulaa Bering qofa irra balali'a. Kun waanuma sirriidha,'' jedhan.

  11. 'Diinoonni waraanni dheerate jalaa fashalaa'e' walitti bu'iinsa kaasuuf yaalaa jiru- Badhaadhina

    Aanga'oota Paartii Badhaadhinaa

    Madda suuraa, FBC

    Manni-maree Paartii Badhaadhinaa qaamoolee humnoota ''diinoota waraannii dheerate jalaa fashalaa'e'' jechuun waame, maloota adda addaa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsa kaasuuf yaalaa jiru jechuun himate.

    Manni-marichaa qaamoolee 'diinoota' jechuun addatti maqaa hin dhahiin, ''finxaaleeyyiin'' eddoowwan biyyattii garaa garaa keessa socha'an fayydamuun tokkummaa ummataafi mootummaa qooduuf yaalii taasisaa jiru jedheera.

    Manni-maree Paartii Badhaadhiinaa waligahii idileesaa Hagayya 6-8, 2025tti gaggeeffataa ture wayita xumurutti ibsa baaseen dhimmoota adda addaarratti mari'achuu beeksiiseera.

    Manni-marichaa waraanaa Kaaba biyyattiitti gaggeeffame ''injifannoon'' xumuruufi ''olaantummaa waraanaa'' argame waliigaltee nagaa Piritoriyaatti mallattaa'een xumuramuu kaaseera.

    Waraana kaaba Itoophiyaatti gageefamen mootummaan Ertiraa maddii motummaa federaalaa hiriisuun lolaa ture waliigaltee Piritoriyaatiin booda walitti dhufeenyi isaanii laaffatuun ammaan tana waraanaaf qophaa'uun wal himataa jiru.

  12. Yukireen qaama furmaata nagaa ta’uu qabdi - Zelenniskii

    Zeleniskii fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin walgahii Tiraamp fi Puutin Hagayya 15 taasifachuuf beellama qabatan dura Yukireen qaama furmaata nagaa ta'uu qabdi jedhe.

    Egeree waraana Yukireen ilaalchisuun mariyachuuf Doonaald Tiraamp fi Vilaadmiir Puutin waliin beellamni qabamee wayita jirutti, lafti Raashiyaaf dabarsinee kenninu hin jiru jechuun jala muree dubbate Zeleniskiin.

    Tiraamp akka Puutin waliin Hagayya 15 Alaaskaatti wal gahan ifa osoo hin godhuun saatii muraasa dura, waraanicha dhaabuudhaaf Yukireen daangaa dabarsitee kennitu jiraachuu akka malu akeekee ture.

    Zeleniskiin ammoo ergaa fuula Telegram irratti barreesseen, "Yukireenonni lafa isaanii weerartuuf dabarsanii hin kennan," jedhe.

    Itti dabaluun, "Yukireen furmaata nagaa kamiyyu keessatti hirmaachuu qabdi" jechuun nagaa "sirrii" fi "waaraa" fiduuf michoota waliin hojjechuufis qophii ta'uu dubbate Zeleniskiin.

  13. Herregni baankii namoota gabaa sharafa alaa seeraan alarratti babba'an jedhamuun shakkamanii dhorkame

    Waajira muummee Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Herregni baankii namoota gabaa sharafa alaa seeraan alaarratti bobba'aniiru jedhamuun shakkaman 138 dhorkamuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii biyyattii beeksisuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

    Herregni baankii shakkamtoota 138 dhorkamuun kan ibsame bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mirhiretuu qaamoleen gabaa sharafa alaa maddeen seraan alaarratti bobba'an "gocha isaaniirraa of qusachuu yoo baatan" maallaqni isaanii akka saamamu akeekkachiisanii guyyaa muraasa keessattidha.

    Tajaajilli Nageenya Faayinaansii biyyattii dhaabbileen daldalaa tokko tokkoofi namoonni dhuunfaa, "sharafa seeraan alaa" akka hojii daldalaa idileetti qabachuudhaan socho'aa turuu kaasuun, hordoffiin irratti taasifamaa akka ture ibsa sabaa-himaaleef ergeen eereera.

  14. Yukireen daangaashee dabarsitee eenyuufuu hin kennitu- Zeleniskii

    Zeleniskii

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp fi Putiin Jimaata dhufu Alaaskaatti walarguuf. Tiraamp lafti Yukireen fi Raashiyaan irratti waldhaban akka Raashifaa kennamu fedhu.

    Walga'iin Tiraamp fi Putiin kun Zeleniskii akka hirmaachisu wanti ibsame hin jiru.

    Zeleniskiin ''lafti kutamee weerartuuf kennamu hin jiraatu,'' jedhan.

    Furmaati Yukireen malee dhufu furmaata faallaa nageenyaati jedhan Zeleniskiin.

    Oduun kun kan dhagahame erga Tiraamp waraana kana xumuruuf Yukireen daangaa madda waldhibdee ta'ee jiru dhiisuu qabdi jedhaniiti.

    Tiraamp dhimma daangaa fi bulchiinsa Raashiyaa fi Yukireen irratti wal hadhaa jiranii ilaalchisee karoorri isaanii maal akka ta'e bal'inaan ibsuu baatanis, michuu BBC kan ta'e CBS News akka gabaasetti waliigalteen isaanii biyyoonni Awurooppaa, Raashiyaan bulchiinsa baha Yukireenitti argamu, Donbas, guutummaatti akka oolfattuu fi Kiriimiyaas qabattee akka turte akka tole jedhan of keessaa qaba.

    Zeleniskiin haal-duree kana kuffisaniiru.

  15. Tiraamp fi Puutin Jimaata dhufu Alaaskaatti walarguuf beellamatan

    Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Puutin

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin egeree waraana Yukireen irratti mari'achuuf Jimaata dhufutti beellama qabataniiru.

    Hagayya 15 akka Puutin waliin walargan jalqaba kan beeksisan Pirezidant Tiraamp yoo ta'an, ergaa isaan miidiyaa hawaasummaasaaniirratti dabarsan hordofuun Kireemliinis yaada kana mirkaneessite.

    Dubbi-himaan Kireemliin Alaaskaan birqabaan Raashiyaatti dhihoo waan taateef ''bakki filatames sirriidha,'' jedhan.

    Dubbi himaan kun dabaluun qondaalonni lameen Alaaskaatti erga walarganii booda walga'ii lammataaf Tiraamp Raashiyaatti akka affeeramanii jiran ibsan.

    Dhimma kanarratti Yukireen daftee yaada kennuurraa of qusatteetti.

  16. Israa’el karoora Gaazaa to'achuuf baasterratti qeeqa idil-addunyaa dhiyaate fudhachuu didde

    MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Israa’el kaabineen nageenyaa biyyattii karoora Magaalaa Gaazaa to’ahcuu raggaasisuu hordofee qeeqa aggeessitoota addunyaarraa isheerratti dhiyaate hin fudhadhu jette.

    Ministirri Ittisaa Israa’el Kaatz biyyoonni warri Israa’el balaaleffataniifi qoqqobbii akka kaa’an dhaadatan “murtoo keenya hin laaffisan” jedhe.

    “Diinonni keenya tokko taanee, jabaannee yeroo humnaan mul’annu nu arguuf jiru,” jedhe itti dabaluun.

    Murteen Israa’el Gaazaa keessatti waraana babal’isuu dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi warra akka UK, Faransaay fi Kanaadaarraa dabalatee biyyoota baayyeerraa mormii kaaseera. Jarmaniin ammo Israa’elitti meeshaa waraanaa gurguruu dhaabuuyyu beeksifteetti.

    Karoorri kaabinee nageenyaa Israa’eliin raggaasifame waraanicha xumuruudhaaf “pirinnsippiloota” shan tarreesseera: Hamaas hiikkachiisuu, namoota butaman hunda deebisiisuu, Gaazaa Istriip waraanarraa bilisa gochuu, dhimma nageenyaa daangaa sana keessa jiru to’achuufi “bulchiinsa sivilii kan Hamaasis ta’e Abbaa Taayitaa Filisxeem hin taane akka filannootti” hundeessuu.

    Tarkaanfiin walitti bu’insicha hammeessuu qondaalota waraanaafi maatii namoota butamanii Gaazaa keessa jiraniirraa dabalatee Israa’el keessatti mormiin cimaa kaaseera.

    Hamaas ammoo karoorri Gaazaa fudhachuu “yakka waraanaa haaraa kan hordofsiisuu” fi [Israa’eliin] “gatii hamaa baasisa” jedhe. ".

  17. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo addunyaa isin biraan geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Oduufi xiinxala bal'aa argachuuf marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenyaanis nu hordofuu dandeessu.

    Ulfaadhaa!

  18. Tamsaasa kallattii har'aa kanumaan goolabne

    Odeessaalee biyya keessaafi addunyaan bor dachaana! Nagaatti bulaa.

  19. Kaabineen Israa'el maal irratti wal gahe?

    Ministira Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat

    Hamaas ''waliigaltee hunda hammataa'' raawwachuuf qophii tahuu hime.

    Namoota ukkaamsee fudhate gadhiisuu bakka isaa ammoo Israa'el loltoota ishee Gaazaa keessaa akka baastuu fi dhukaasa dhaabuu kan jedhu irratti akka waliigalu hime.

    Israa'el ammoo waraana dhaabuuf qajeeltoo armaan gadii baaseera.

    • Hamaas hidhannoo hiikkachiisuu
    • Namoota ukkaamfamuun fudhataman hunda deebisiisuu
    • Gaazaa Istiriip waraana irraa bilisa gochuu
    • Nageenya Israa'eliif jecha Gaazaa to'annoo Israa'el jala galchuu
    • Bulchiinsa siivilii Hamaasiin hin hammanne Filisxeem keessatti diriirsuu
  20. Manni Maree Nageenyaa UN murtee Israa'el irratti boru wal gahii ariifachiisaa taa'uufi

    Barreessaa Olaanaa UN, Antooniyoo Guutiresh

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa Olaanaa UN, Antooniyoo Guutiresh

    Miseensonni Mana Maree nageenyaa hundi erga Israa'el guutummaan Gaazaa qabachuuf karoorsitee wal gahii ariifachiisaan akka taa'amuuf gaafatan.

    Hanga ammaa miseensonni hin gaafanne Ameerikaa fi Paanaamaa qofadha.

    Manni marichaa boru Niw Yoorkitti wal gahii ariifachiisaa gaggeessa.

    Dubbii himaan Barreessaa Olaanaa UN, Antooniyoo Guutiresh, UN murtoo Israa'iliin yaadda'uu himan.

    ''Rakkoo suukaneessaa lammiileen Filisxeem keessa jiran daran kan hammeessudha'' jedhan.